Tiraamp Iraan mormitoota ajjeesuu itti fufnaan 'tarkaanfii cimaa' akka fudhatu dhaadate

Iraan mormitoota ajjeesuu kan itti fuftu yoo ta'e US "tarkaanfii baayyee cimaa ta'e fudhatti" jedhe Pirezidant Doonaald Tiraamp. Hanga ammaatti aanga'oonni Iraan tarkaanfii namoota mootummaarratti mormii gaggeessan dhaabsisuuf fudhataniin namoota 2,400 ol ajjesuu isaanii jaarmiyaaleen mirgoota namoomaaf falman ibsaniiru

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa meeshalee waraanaa Shaabiyaa irraa Faannof ergaman to'achuu ibse

    Rasaasa to'annoo jala oole

    Madda suuraa, Poolisii Federaalaa

    Nagaa fi tasgabbii Itoophiyaa jeequuf ergamtoota keessoo Itoophiyaa fi diinotawaliin ta’uun mootummaa Shabiyaa, rasaasa meeshalee waraanaa adda addaa 56,000 ol garee Fannoo hidhachiisuuf, erge to'achuu isaa polisiin Federaalaa ibseera.

    Rasaasni Shakkamtoota lamaa waliin to’annoo jala oolee irratti qorannoon gaggeeffameen mootummaa Shabiyaa irraa ergamuu ibse.

    Shakkamtootni kunneen garee TPLF'n Tigraay Mekelleetti leenjii fudhachaa akka turee fi garee finxaaleyyii Faannoof geessuuf utuu jiruu Naannoo Amaaraa Shewarobittti to'atamaanis jedheera.

    Rasaasni meeshalee waraanaaa adda addaa kun simintoo fi bolokkeettii keessatti dhoksuun konkolaataa fe’umsaa Isuzun utuu gara naannoo Amaaraatti geejjibsafamaa jiruu to'atamee jedhe poolisiin.

  2. Ameerikaan Itoophiyaa dabalatee lammilee biyyoota 75 viizaa dhorkite

    Godaantota

    Madda suuraa, AP

    Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa tasgabbii Ameerikaaf jechaa viizaa lammilee biiyyota 75 irraa gara Ameerikaa dhaqanii yeroof akka hin kennamne dhorkuu beeksise.

    Fox news' ibsi Ministeera Dhimma Alaa waabeffachuun akka gabaasetti, haala amma jiru irratti hundaa’uun qondaaltonni qoonsilaa viizaa akka hin kennine qajeelfama kenneera jedhe.

    Garuu haala hojimaata fi qorannoo irra deebi'amuun akka madaalamu ibsameera.

    Biyyoonni kunneenis Itoophiyaa, Ertiriyaa, Somaaliyaa, Raashiyaa, Afgaanistaan, Biraazil, Iraan, Iraaq, Masrii, Naayijeeriyaa, Taayilaandi, Yaman fi kanneen biroo ni argamu.

    Uggurri kun Amajjii 21 kan jalqabu yoo ta’u, ministeerichi adeemsa viizaa irra deebi’ee yoom akka qoratutti yeroo hin murtoofneef itti fufa jedhameera.

    Somaalota Minnesota keessa adamsuuf haalli jalqabame hammaataa jira. Kanaanis xiyyeeffannoo aangawoota federaalaa jala galteetti.

    Adoolessa bara 2025 ergaan Ministeera Dhimma Alaa irraa qoonsilaa Ameerikaa addunyaa maraaf ergamee, qondaaltonni qoonsilaa seera qorannoo haaraa "dhiibbaa ummataa" jedhamu jalatti akka hojiirra oolchan qajeelfama kenneera.

    Godaantotni biyyoota 75 kana irraa dhufan hojii irraa kan dhorkaman yoo ta’u, Ministeerri Dhimma Alaa hojimaata immigireeshinii irra deebi’ee madaaluun lammiileen biyya alaa fayyadamummaa fi gargaarsa hawaasaa akka hin arganne ittisuuf” jedha ibsichi.

  3. Yaaddoo haleellaa Iraaniin US loltootashee Baha Giddu Galaa keessaa baasaa jirti

    Qondaalota waraanaa US

    Madda suuraa, Getty Images

    Tiraamp Iraanirratti haleellaa yoo raawwate buufataaleen waraanaa Ameerikaa Baha Gidddu Galaa keessa jiran haleellamuu malu sodaa jedhuun loltootashee achii baasuu eegalte.

    Qondaalota US waabeffachuun maddi oduu Rooyitars akka gabaasetti, muddama Baha Giddu Galaatti irra deebiin dhalateen US buufataalee waraanaa biyyoota Baha Giddu Galaa keessaa qabu keessaa baasaa jirti.

    US haleellaa raawwatti taanan, Iraan ammoo buufataalee waraanaa US Baha Giddu Galaa keessa jiran akka haleeltu akeekkachiistetti.

    Kanumaaf jecha biyyoota Baha Giddu Galaa buufanni waraanaa US keessa jiranis beeksifteetti.

    Iraanitti mormiin uummataa ka'e Ameerikaafi Iraan muddama keessa galcheera. Tiraamp namoonni hiriira bahan mormiisaanii akka itti fufan dhaamuun "deeggarsi isinii dhufaa jira" jechuun kaleessa barreessee ture.

  4. ''Ummanni Somaaleelaand biyya isaa ittisuuf qophiidha"- Pireezidaantii Somaaleelaand

    Miidiyaa Hawaasaa

    Madda suuraa, Pireezidaantii Somaaleelaandi Abdirahmaan Ciroo

    Pireezidaantiin Somaaleelaand Abdirahmaan Irroo Somaaliyaan yoo Somaaleelaandi weeraruuf yaalte ni mo’amti jedhan.

    Pirezdaantichi ergaa gama Miidiyaa Hawaasummaan baasaniin,"Soomaaliyaan akkuma kanaan dura injifatamte Rippabiliika Somaalilaandi yoo weerarte, waanti ishee muudatau daran hamaa ta'a'' jedhan.

    ''Ummanni Somaaleelaand biyya isaa ittisuuf qophiidha," jedhan.

    Pireezdaantiichi dhimma akana akka quba qabaataniif xalayaa wal fakkaataa, Israa’el Sa’uudii Arabiyaa, Masrii fi Turkiif barreessaniiru.

    Garuu xalayaa isaaniif kan deebii kennaan tokkollee akka hin jirree BBC Afaan Somaalee kan gabaase.

    Preezdaantichi biyyoonni Arabaa fi walumaa galatti Hawaasni Musliimaa dhimma Somaaleelaandii cinaa akka dhaabbatan irra deebiin waamicha dhiyeessaniiru.

    "Biyyoonni biroo beekamtii Somaaliilaandiif kennuun biyyattiin biyyaa walabaa beekamtii qabdu taatee hawaasa addunyaatti ni makamti" jedhan.

    Itti dabaluunis "har'a eenyu akka diina keenyaa fi fira keenya ta'e barree jirra" jechuun himan.

  5. Raashiyaan uggura Viisaa US irra keesse hordofee biyyota Afrikaa 4 imala viizaa irraa bilisaa eeyyamuufi

    Raashiyaan uggura Ameerikaan irra keesse hordofee imala viizaa irraa bilisa biyyoota Afrikaa gara 15tti guddisuufi

    Madda suuraa, BI

    Ibsa waa'ee suuraa, Raashiyaan uggura Ameerikaan irra keesse hordofee imala viizaa irraa bilisa biyyoota Afrikaa gara 15tti guddisuufi

    Raashiyaan uggura Ameerikan biyyoota Afrikaa irra keesse hordofee imala viizaa irraa bilisa ta'e biyyoota Afrikaa dabalataa afuriif kennuufi.

    Biyyoonni Raashiyaan Viizaa bilisaa eeyyamteef kunneen Zaambiyaa, Zimbaabuwee, Moozaambiik, fi Eswaatinii dha.

    Murteen kunis turizimii guddisuu fi hariiroo dippilomaasii fi dinagdee kibba Afrikaa cimsuuf kan kaayyeffate yoo ta'u irra caalatta ammoo uggura Ameerikaan biyyota kanarra keesseefi.

    Biyyoonni Afrikaa 11 yeroo ammaa kana imala viizaa irraa bilisa ta'e gara Raashiyaa imaluu kan danda'an yoo ta'u, biyyoota kana waliin gara 15 ta'a jechuudha.

    Kunis qaama tattaaffii Moskoo dhiibbaa ardii kana irratti qabdu guddisuu fi walitti dhufeenyi biyyoota kanneeni Ameerikaa waliin qaban xiqqaachaa dhufuu isaati.

    Biyyoota Afrikaa kibbaa afran kana tarree michoota Viizaa irraa bilisa Raashiyaan Afrikaa keessatti babal'achaa jiru keessatti hammachuudhaaf mariin itti fufee jiraachuutu ibsame.

    Biyyootni Afrikaa 11 viisaa malee gara Raashiyaa deemaan Angoolaa, Bootswaanaa, Keep Verde, Moorisiyaa, Maalaawii, Morookoo, Naamibiyaa, Saa’oo Toomii, Siisheel, Tuuniziyaa fi Afrikaa Kibbaa fa'i.

  6. Muddama Iraanifi US gidduu hammaate hordofee US humnootashee Kaatar jiran muraasni akka bahan ajajje

    .

    Madda suuraa, Reuters

    Tiraamp Iraanirratti haleellaa waraanaa gaggeessuu danda'a sodaan jedhu jabaataa dhufeera.

    Iraan gamasheen US haleellaa gaggeessiti taanaan, buufataalee waraanaa US Baha Giddu Galaa keessa jiran irratti haleellaa waraanaa gaggeessuun haaloo bahuu akka dandeessu ifa goote.

    Kanarraa ka'uun, US humnootashee buufata waraanaa Kaatar jiran muraasni hanga har'aatti akka bahan ajajuu dippilomaatora US waabeffachuun Rooyotars gabaase.

    Mormii Iraaniti mudate hordofee Iraan mormitootarratti tarkaanfii humnaa fudhatte jechuun Tiraamp tarkaanfii humnaa fudhachuu akka malu akeekkachiisera.

    Iraanis Tiraamp tarkaanfii waraanaa fudhata taanan, of ittisuuf qophii ta'uu beeksiftee turte.

    Ganna darbe Israa'el irra goruun US yeroo haleellaa Iraanirratti gaggeessitu, Iraan ammoo buufata humna qilleensaa US guddaa Kaatar keessatti argame haleeluun haaloo bahuunshee ni yaadatama.

  7. Puutiin dhaabuu kan danda'u Tiraamp qofaa akka ta'e Pooland beeksifte

    Pirezidaantii Poolaand Kaarol Nawurookii

    Madda suuraa, PA Media

    Vilaadmiir Puutiin Awurooppatti yaaddoo akka hin uumne dhaabuu kan danda'u Tiraamp qofaa ta'uu pirezidaantiin Poolaand Kaarol Nawurookii ibsan.

    Gaggeessaan Poolaand bbc Radio 4 waliin turtii taasisaniin, waraanni Yukireen akka dhaabatu gochuu kan danda'u Tiraamp qofaa waan ta'eef biyyoonni Awurooppaa isa gargaaruu akka qaban ibsan.

    Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waraana Yukireen dhaabuuf amanamaa akka hin taane kaasuun, Puutiin waraana Yukireen akka dhaabufi Awurooppattis yaaddoo akka hin taane gochuu kan danda'u Doonaald Tiraamp qofaa ta'uu kaasan gaggeessaan Poolaand kun.

    Waraanni Yukireen akka dhaabbatuuf Tiraamp yaada araaraa dhiyeessen yeroo garaa garaatti Puutin wajjin bilbilaafi qaamanis Alaaskatti wal-arganii turan.

    Pooland biyyoota ollaa Yukireen ta'an keessaa tokko yoo taatu, Yukireenif deeggarsa cimaa gooti.

  8. Ameerikaan dhimma Iraan keessa yoo seente, Iraan buufataalee Ameerikaa haleelti- Qondaala Iraan

    Tiraampi

    Madda suuraa, AP

    Iraan Ameerikaa fi biyyoota naannawa ishee bufatni Ameerikaa keessa jiran akeekkachiifterti.

    Yoo Ameerikaan Iraan haleelte buufata waraanaa Ameerikaa biyyoota naannawa sana keessa jiran irratti xiyyeeffachuu ishee akeekkachiifte jechuun qondaalli olaanaa Iraan Rooyitarsiif himan.

    Kunis kan ta’e erga Prezdaanti Doonaald Tiraamp mormii farra mootummaa guutuu Iraan keessatti geggeeffamaa jiruun gidduu seenuuf doorsisanii booda.

    Qondaallichi akka Rooyitarsiitti himanitti, “Tehran biyyoota naannichaa, Sa’uudii Arabiyaa fi UAE irraa kaasee hanga Turkiitti, jiran irratti xiyyeeffatte buufataalee Ameerikaa achi keessa jiran akka haleelltu beeksisteetti

    ''Kanaaf biyyoonni kunneen Waashingitan dhimma Iraan keessa galuun akka haleellaa hin raawwanne akka ittisan gaafatteetti” jedhan.

    Ajajaan humna qilleensaa Eegdota Warraaqsa Iraan, Muusaaviis, Teehiraan haleellaa kamiif iyyuu deebii kennuuf qophii olaanaa irra akka jirtu beeksisuu isaanii televijiiniin mootummaa gabaaseera.

    Mormii Iraan keessatti geggeeffamaa jiru kanaaf Tiraamp gidduu seenuuf doorsisuu hordofee, qunnamtiin kallattiin Ministira Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araqchii fi Ergamaa addaa Ameerikaa Istiiv Wiitkoof gidduu jiru addaan cituu isaa qondaalli olaanaan kun Rooyitarsiif mirkaneessaniiru

    Dhaabbanni mirga namoomaf falmu Ameerikaa keessa jiru lakkoofsi namoota mormii Iraan keessatti geggeeffamaa jiruun du’anii 2,571 akka ga’e ibseera.

  9. Ertiraan calallii duraa Waancaa Afrikaa 2027 keessatti dabalamte

    Garee Kubbaa Miilaa Ertiraa

    Madda suuraa, Getty Images

    Dhaabbata kubbaa miilaa addunyaa bulchu FIFAn sadarkaan ba’uufii baatullee Ertiraan calallii Waancaa Afrikaa bara 2027 keessatti hammatamte.

    Erga Guraandhala 2020 (wagga 6) darbeeas tapha idil-addunyaa lama qofa kan taphate gareen Eritiraa kun, Waancaa Afrikaa bara 2027 keessatti hammatamuun Esiwatinii waliin ramadameera.

    Ertiraan tapha sadarkaa calallii AFCON bara 2023 keessaa waan baateef, ramaddii dorodommii bara 2025 keessaa hafte.

    Haaluma walfakkaatuun, gareen kubbaa miilaa Ertiraa kun calallii Waancaa Addunyaa FIFA bara 2026 garee ardii Afrikaarraa tokkoffaarra jiru Morookoo waliin morkachuuf torban tokko osoo isaan hafuu keessaa of baasan.

    Ramaddii calallii duraa Waancaa Afrikaa bara 2027 kun taphni xumura waancaa 2025 Morookootti gaggeeffamuuf guyyaan tokko osoo hafuu bahe.

    Tapha xumura Waancaa Afrikaa 2025 kanaan Morookoon Naajeeriyaa waliin, Senegaal ammoo Masirii waliin taphatu.

    Shaampiyoonaa Waancaa Afrikaa bara 1962 kan taate Itoophiyaan ammoo Saawo Toomee Piriinsiippee waliin yoo ramadamtu, Buruundiin ammoo Chaad waliin ishee gahe.

    Taphni dhaqaa galaa kun Bitootessa keessa kan gaggeeffamu yoo ta’u, isaan keessaa warri mo’atan ja’an biyyoota ardii Afrikaarraa sadarkaa 1-42 jiranitti makamuun calalliitiif garee ijootti makamu.

    Guyyaan tapha calalliis ta’e dorgommiin bara AFCON 2027 Keeniyaa, Tanzaaniyaa fi Yugaandaan waliin ta’uun qopheessanii fuulduratti beeksifamuuf jira.

    Ramaddiin calallii duraa Afcon 2027 kana fakkaata:

    • Sawwaa Toomee Pirinsiippee v Itoophiyaa
    • Jibutii v Sudaan Kibbaa
    • Chaad v Buruundii
    • Somaaliyaa v Moorishes
    • Siishels v Lesoottoo
    • Ertiraa v Eswaatinii
  10. Tiraamp Iraan mormitoota ajjeesuu itti fufnaan 'tarkaanfii cimaa' akka fudhatu dhaadate

    Pirezidant Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, EPA/Shutterstock/Hengaw Organization for Human Rights/X

    Iraan mormitoota ajjeesuu kan itti fuftu yoo ta'e US "tarkaanfii baayyee cimaa ta'e fudhatti" jedhe Pirezidant Doonaald Tiraamp. Hanga ammaatti aanga'oonni Iraan tarkaanfii namoota mootummaarratti mormii gaggeessan dhaabsisuuf fudhataniin namoota 2,400 ol ajjeesuu isaanii jaarmiyaaleen mirgoota namoomaaf falman ibsaniiru.

    Firoonni nama Erfaan Soltaanii jedhamu umuriin isaa waggaa 26 ta'e torban darbe hidhamee BBC Persian'tti akka himanitti, namni kun Roobii har'aa ajjeefama.

    Bakka bu'aan Dhaabbata Mirgoota Namoomaa Hengaw irraa BBCti akka himetti, "dhimmi murtii kanaa daddafamee waan raawwatameef ijaan arganii taajjabuullee hin dandeenye".

    Namoota fannifamuuf jiranii ilaalchisee Tiraamp US'tti michuu BBC kan ta'e CBS Newstti yeroo dubbatetti, "yoo isaan fannisanii ajjeesuu itti fufu ta'e, waan ta'e tokko arguuf jirtu... Waan akkasii kan raawwatan taanaan, tarkaanfii baayyee cimaa ta'e fudhanna."

  11. Yugaandaan filannoo Kamisa gaggeeffamu dursitee interneetii kutte

    Dubartii bilbila ilaalaa jirtu

    Madda suuraa, Universal Images Group/Getty Images

    Abbaan Taayitaa Komunikeeshinii Yugaandaa dhiyeessitoonni interneetii filannoo Kamisa boruu gaggeeffamu dursanii tajaajila akka addaan kutan hubachiise.

    Mootummaan murtee kanarra kan gaheef nageenya ummataaf ta'uu kan ibse yoo ta'u, "odeeffannoo sobaa, dogoggoraa toora interneetiin darban, akkasumas filannoo waliin dhahuufi fincila kakaasuu ittisuuf" ta'uu eeruun murtee dabarse kana amansiisuuf yaaleera.

    Jalqaba ji'a kanaarratti Abbaan Taayitaa Komunikeeshini Yugaandaa gabasaaleen internetiin addaan ciccituu "oduu sobaa waa'ee hin baasnedha" jechuun fudhatama dhabsiisee ture.

  12. Mormii Iraaniin namoonni 2,000 ajjeefaman, Tiraamp ammoo 'isin qaqqabaa jirra' jechuun abdachiise

    Loltoota Iraan

    Madda suuraa, Reuters

    Mormii Iraan keessatti gaggeeffamaa jiru humnaan dhaabsisuuf tarkaanfii humnoonni nageenyaa fudhataniin namoonni 2,000 ol ajjeeffamuu jaarmiyaaleen mirgoota namoomaaf quuqamu hime. Tiraamp ammoo ‘gargaarsi isin qaqqabuuf karaa jira’ jechuun Iraanotaaf waadaa gale.

    US keessatti kan argamu Humaan Raayitis Aktivist Ajensii (HRNA), guyyoota 17 darban keessatti mormitoonni 1,850 ajjeefamuu kan mirkaneeffate yoo ta’u, isaan keessaa 135 mootummaa waliin walitti dhufeenya kan qaban, sagal ammoo namoota nagaa mormicha keessatti hin hirmaanneefi daa’imman sagal ta’uu adda baafateera.

    Aanga’aan Iraan tokko namoonni 2,000 kan ajjeeffamuu Reuters’tti kan hime yoo ta’u, kanaaf garuu “shororkeessitoota” kan jedhanitti quba qaban.