Chaanaalii WhatsApp BBC fi Qajeelfama Mateenya Hawaasaa
Chaanaaliiwwan WhatsApp BBC fi Qajeelfama Mateenya Hawaasaa
Amantaa nuurratti qabdan nuuf waan guddaadha. Kuni BBCn mateenya (privacy) fi nageenya daataa dhuunfaa keessanii eeguuf kutannoo qaba jechuudha. Akkamitti fi maaliif odeeffannoo dhuunfaa akkasii akka itti fayyadamnu akka hubattaniif qajeelfama kana dubbisuun keessan barbaachisaadha. Qajeelfamni kuni haaluma seera eegumsa odeeffannootiin, tibba hariiroo nu waliin qabdanii fi isaan booda attamiin odeeffannoo dhuunfaa keessanii akka itti walitti qabuu fi itti fayyadamnu ibsa.
BBC'n odeeffannoo dhuunfaa akkamii akka walitti qabu fi akkamitti akka itti fayyadamnu
BBCn nu waliin ta’uu, chaanaaliifi hawaasa keenyatti makamuufi hordofuuf jecha odeeffannoo dhuunfaa nuuf qooduuf filattan walitti qabuun ni qindeessa. Odeeffannoon kunis kanneen armaan gaditti tarreeffaman keessaa muraasa ykn hunda kan hammate ta’uu danda’a.
Odeeffannoo dhuunfaa
Odeeffannoon dhuunfaa walitti qabamuu danda'an:
Maqaa/maqaa piroofaayila WhatsApp keessan keessaa
Teessoo keessan, kan akka lakkoofsa mobaayilii
Suuraalee mul'atan
Haaluma suuraa piroofaayilii keessanii fi mateenya keessan irratti hundaa'un, BBCn odeeffannoowwan eegumsa barbaachisan, akkasumas daataa ramaddii odeeffannoo addaa jedhamuun beekamu kan isin ibsuu filattan walitti qabuu fi qindeessuun danda'a. Kunis fakkeenyaaf kanneen hammachuu danda'a:
Sanyii ykn gosa keessan
Odeeffannoo fayyaa keessan
Amantaa ykn falaasama keessan
Fedhii saalaa keessan
Ilaalcha siyaasaa keessan
Suuraa WhatsApp keessanii gara dhuunfaatti jijjiiruu
Maaloo yoo suuraa piroofaayilii WhatsApp keessanii namni hundi akka argu hayyamtan, BBCnis odeeffannoo kana arguu akka malu hubadhaa. Odeeffannoo dhuunfaa karaa WhatsApp nu waliin qooddan xiqqeessuuf mateenya keessan gara 'contacts only'tti akka jijjiirtan isin jajjabeessina.
Eenyutu Odeeffannoo To'ata?
BBC’n odeeffannoo dhuunfaa kamiyyuu nuuf qooddaniifi meeshaalee akkasumas sistama BBC irratti kuufaman qofaa isaa to’ata.
WhatsApp'n dhaabbata walabaa ''to’ataa daataa''’ odeeffannoo kamuu gama WhatsApp’n ergitaniiti. Maaloo Imaammata Mateenyaa fi Haala Tajaajila WhatsApp’fis akka bitamtan hubadhaa. WhatsApp'n odeeffannoo keessan Kubaaniyyoota Meta waliin qooduu danda'a.
To’ataan kamuu odeeffannoo dhuunfaa keessan maaliif akka itti dhimma bahu, akkasumas haala itti qindaa’u ofiin murteessa. Shakkiin akka hin uumamneef, BBC'n odeeffannoo dhuunfaa keessan kaayyoo qajeelfama kana keessatti eerameef qofa walitti qabamee kan qindeeffamu ta'a, kunis Chaanaalii WhatsApp BBC'tti makamuufi hordofudha. To’ataan kamuu itti gaafatamummaafi seera eegumsa odeeffannoo kabajuu qaba.
Odeeffannookeetti fayyadamuuf bu'uura seeraa jiru
Odeeffannoo dhuunfaa waa’ee keessaniitti fayyadamuuf hayyama irratti hundoofna. Sababiin isaas tamsaasa Chaanaalii WhatsApp keenyaarratti hirmaachuuf dammaqinaan waan murteessitaniifidha. Tamsaasni kuni akka isin bira hin geenye dhaabuu yoo barbaaddan yeroo barbaaddanitti chaanaalii irraa of haquun hayyama keessan kaasuu dandeessu.
Odeeffannoo keessan qooduu
BBC'n odeeffannoo dhuunfaa keessan hayyama keessa malee qaama sadaffaa kamiifuu hin qoodu.
Odeeffannoo keessan ol kaa'uu
BBCn yeroo kaayyoowwan qajeelfama mateenyaa kana keessatti kaa'aman galmaan ga'uun hanga barbaachisaa ta'eetti odeeffannoo dhuunfaa keessanii ni qindeessa.
Mirga keessaniifi odeeffannoo dabalataa
Seera eegumsa odeeffannoo UK jalatti mirga qabdu. Hamma odeeffannoo ol keenyee jirrutti, odeeffannoo Akkaawuntii BBC keessanii fi odeeffannoo armaan olitti ibsame dabalatee garagalcha odeeffannoo BBCn waa'ee keessan kuusu gaafachuu ni dandeessu.
Karaa teessoo imeelii keenyaa [email protected] nu qunnamuu dandeessu. Gaaffii yoo qabaattan ykn waa'ee mirga keessanii caalaa baruu yoo barbaaddan, maaloo Imaammata mateenyaafi Kuus-yaadannoo http://www.bbc.co.uk/privacy irratti ilaalaa.
Haala BBC'n odeeffannoo dhuunfaa keessan itti qaburratti yaaddoo yoo qabaattan, abbaa taayitaa to'ataa UK keessaa, Waajjira Komishinara Odeeffannoo (ICO)'tti https://ico.org.uk/ irratti yaaddoo keessan dhiyeessuu ni dandeessu.
Qajeelfama mateenyaa haaromsuu
Akkaataa odeeffannoo dhuunfaa keessan itti fayyadamnu irratti jijjiiramni guddaan yoo jiraate qajeelfama mateenyaa keenya ni fooyyeessina.












