Ergaan barreeffamaa miidhaa qaqqabsiisu yakka onlaayinii keessatti ramadame

Madda suuraa, Getty Images
Ergaa barreeffamaa ''miira sodaatiin nama hiraarsu'' yookiin ''beekaa ergaa sobaa'' namatti erguun yakkoota onlaayinii raawwataman jedhamuun, Seera Nageenyummaa Onlaayinii keessatti tarreeffaman.
Seerri kun wayita mirkanaa'ee hojiirra ooluu eegalu, miidiyaaleen hawaasaa ergaawwan balaa geessisan dafanii hin haqan taanaan galii akka waliigalaatti addunyaa guutuu keessaa qaban keessaa harka 10 kan ta'u adabamu.
Jijjiiramni seera bulmaataa dhiyoo kana taasifamaa jiru kun, miidiyaaleen hawaasaa dursanii qabiyyeewwan miidhaa fidan akka sakatta'anii fi ofirraa qolatan ajaja.
Seerrii kun daddabarsa namootaa seeraan ala taasifamu, mankaraarsitummaa fi karaa onlaayinii lubbuu ofii baasuus jabeessee dhorke.
Duraanuu miidiyaaleen hawaasaa kanneen akka Facebook fi Twitter qabiyyeewwan fayyadamtoonni maxxansan kan miidhaa geessisanii fi seeraan ala ta'an ta'uun yoo gabaafame dafanii haqu, seerri kun tarkaanfiin akka cimus ajaja.
Ammammoo osoo qabiyyeewwan balaafamoon hin maxxanfamin dursanii akka sakatta'anii fi qolatan seera kana keessatti eerameera.
Dabalataan, yakkoonni karaa onlaayinii raawwataman haaraan sadi seera kana keessa galaniiru.
Ifatti nama sodaachisuu
Ergaawwan doorsisaa kallattiin namaaf ergaman yookiin maxxanfaman,kanneen akka doorsisa gudeeddii, ajjeechaa fi miidhaa karaa maallaqaa namarraan ga'uun yakka jedhamee labsameera.
Nama adamsuu, dhaadachuu fi to'achuuf ergaan ergamus yakka jedhameera.
Namni yakka kana raawwatee argame hidhaa waggaa shaniin adabama.
Kominikeeshinii balaaf nama saaxilu
Ergaa balaaf nama saaxilu nama biraaf erguunis seera ala ta'uun ibasameera, garuu haalli keessatti ergame ilaalcha keessa galuu qabu.
Fakkeenyaaf namni dhala namaarraan miidhaa geessisuun beekamu tokko hiriyaasaa duraatiif suuraa ulaa mana isaanii fuula duraa yoo erge, sodaachisaaf waan ergeef seeraan adabama.
Garuu ergaan haala kanaan ergamu hundinuu seeraan ala jechuu miti, kaayyoo ergaa sanaatu ilaalama.
Beekaa nama gowwoomsuu
Kunimmoo''ergaa miidhaa qabu ta'e jedhanii erguu'' jechuudha, fakkeenyaaf balaa boombiitu jira jedhanii nama doorsisuu.
Namoonni osoo hin beekin ergaa akkanaa kan tatamsaasan yoo ta'e garuu yakkaan nama adabsiisuu dhiisuu mala.
Fakkeenyaaf namoonni koronaavaayirasii irraa fayyuuf qoricha farra jarmii-antiseptic- akka fayyadamaniif jechuun ergaan darbu nama adabsiisa.
Odeessaalee haasaa jibbiinsaa:















