Feesbuukiin haasaa jibbiinsaa Rohinjaa waliin walqabateen doolaara bil. 150n himatame

Baqattoota Rohingiyaa

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Musliimotni Rohingaa kuma dhibbaan tilmamaman duula jibbinsaa isaan irratti gaggeeffameen Maayinamar keessaa baqachuun bahaniiru

Musliimotni Rohinjaa UK fi US keessa jiraatan kumaatamni dhaabbatni miidiyaa hawwaasaa guddaan kun haasaan jibbinsaa isaanirratti xiyyeeffate akka babal'atu godheera jechuun Feesbuukii irratti himata banan.

Dhaabatni kun haasaa jibbinsaa facaasuun sabni lakkoofsaan xiqqaan akka ari'atamu godheera jechuun beenyaa doolaara biliyoona 150 akka kaffaluuf gaafatan.

Maayinamaar biyya amantaan Budizimii itti heddumatu keessatti yeroo jeequmsi ka'e sana keessa yoo xiqqaate musilimotni Rohinjaa 10,000 tahan ajjeefamaniiru.

Feesbuukiin kan amma Meettaa jechun maqaa isaa jijjiire himata irratti dhiyaate kanaaf deebii hin kennine.

Dhaabbatichi ''waggootaaf haasaa jibbiinsaafi haasaa dogoggoraa hamaa tahe facaasa ture,'' jedhamuun himatame.

UK keessatti dhaabbatni seeraa baqattoota Rohinjaa bakka bu'u xalayaa inni Feesbuukiif barreesse BBC'n ilaaleera.

Himatni kunis:

  • Algoorizimiin Feesbuukii ''haasaa jibbinsaa uummata Rohinjaa irratti xiyyeeffate hammeesee facaasaa ture.''
  • Dhaabbatichi ''dhugaa siyaasaa Maayinamaar keessa jiru adda baasuuf homaa hin tattaafanne", jedhe.
  • Kaampaanichi maxxansoota akkasii kaasuufi akkaawontii fayyadamtootaa haasaa jibbiinsa maxxansanii balleessuu hin dandeenye jedhe.
  • Akeekkachiisni dhaabbilee tola-ooltummaafi miidyaalee irraa kennamus, ''tarkaanfii sirrii fi yeroo isaa eeggate hin fudhanne,'' jedha.

US keessatti abbootiin seeraa Saan Firaansiiskootti dhaabbatni kun ''biyya xiqqoo Kibba Bahaa Eeshiyaa keessatti gabaa isaa guddifachuuf jecha lubbuu namaa daldale'' jechuun himata irratti banan.

Maxxansa Feesbuukii Rooyitarsi qorannoo irratti gaggeessaa ture caqasaniiru. Bara 2013 keessa maxxansi tokko ''akka Hiitiler warra Jewush godhe sanatti isaan haleeluu qabna,'' jedha.

Maxxansi biraa ammoo ''boba'aa itti naquun abidda itti qabsiisaa, yeroos dafanii Allah waliin wal argu,'' jedha.

Feesbuukiin Maayinamaar keessatti fayyadamtoota miliyoona 20 tahan qaba. Namoota baay'eef miidiyaaleen hawaasaa karaa oduu ittiin qoodanii fi argatan isa guddaadha.

Bara 2018 keessa Feesbuukiin haasaa jibbinsaa saba Rohingaa irratti dubbii kakaasu dhaabsisuuf hojii gahaa akka hin hojjenne amaneera.

Kun gabaasa qorannoo Feesbuuk hojjechiisee miidiyichi ''sarbama mirga namoomaaf ''haala mijataa uumeera'' jedhu hordofeeti.

Rohinjaan Maayinamaar keessatti akka godaantota seeraan alaatti ilaalamu. Mootummaa fi uummataan waggoota dheeraaf qoollifatamaa turan.

Bara 2017 hidhattootni Roohingaa buufata poolisii irratti haleellaa jabaa geesifnaan mootummaan naannoo Raakinee keessatti tarkaanfii hamaa fudhate.

Namootni kumaatamni ajjeefamuun gara 700,000 kan tahan ammoo gara biyya ollaa Baangilaadeshitti baqatan.

Sarbamni mirga namoomaa suukaneessaan akka murtoo seeraa malee ajjeesuu, gudeeddii fi qabeenya lafarra jiru gubuu akka raawwate himameera.

Bara 2018 UN tarkaanfii Feesbuukiin haasaa jibbiinsaa facaase dhaabsisuuf fudhate ''suuta kan jedheef bu'a qabeessas hin turre'' jedhe.

Ameerikaa keessatti Feesbuukiin qabiyyee fayyadamtootni isaa maxxansaniif akka itti hin gaafatamne seerri dahoo kennuuf jira. Maayinamaar keessa ammoo akkas waan hin taaneef, himatichaan ni milkaa'u taha.

BBC akka deebii kennuuf Meettaa gaafateera.