Fonqolcha Maayinamaar: Tarkaanfii waraanni fudhateen namootni baay'een magaalaa Baagotti ajjeefaman

Madda suuraa, Reuters
Namootni 80 ol humna nageenyaa Maayinamaariin magaalaa Baagoo jedhamtu keessatti ajjeefamaniiru jedhan rogeeyyiin biyyattii.
Humni waraanaa reeffa namoota ajjeefamanii waan fuudhanii deemaniif lakkoofsi namoota ajjeefamanii ifatti baramuu hin dandeenye.
Namootni ijaan argan miidiyaa biyya keessatti akka himanitti loltootni meeshaalee gurguddoo fayyadamaniiru. Akkasumas waanta socho'u kamuu haleelaa turan.
Erga fonqolchi mootummaa biyyichatti gaggeeffameen as namootni 600 ol ajjeefamaniiru. Humni waraanaa aangoo isaa itti fufe tursiifachuuf jeequmsa mudate irratti tarkaanfii fudhataa jira.
Ajjeechaan dhiyeenya raawwate magaalaa Baangoo, cinaa magaalaa Yaangon keessatti Jimaata darbe yoo tahu, jiraattotni magaalichaa gara gandoota ollaa jiraniitti guyyaa guutuu baqataa turan
Gareen hidhamtoota irratti qorannoo gaggeessu 'Assistance Association for Political Prisoners (AAPP' lakkoofsi namoota du'anii isa jedhameen olidha jedha.
Miidiyaaleen oduu Maayinamaar irratti qindeessan keessaa Ye Htut akkas jedhe: " Akka yakka duguuggaa sanyiiti. Gaaddiduu kamiyyuu argannaan ni haleelu.''
Hiriirri mormii guddaan erga Guraandhala 1 bara 2021 humni waraanaa fonqolcha gaggeessuun aangoo qabatee labsii yeroo muddamaa waggaa tokkoof labsee guutummaa Maayinamaar, duraan maqaa Barmaa jedhamtu keessatti gaggeeffamaa jira.
Humni waraanaa bara darbe filannoon gaggeeffame burjaajja'eera jechuun himata. Filannichaan hoggantuun filatamte Aangi Saan Suu Kii fi paartiin ishee Liigiin Dimokiraasii Biyyaalessaa aangoo qabatanii ture.
Komishiniin filannoo ammoo himaticha kufaa taasiseera.
Jimaata darbe miseensi paarlaamaa ari'amee fi UNtti ambaasadara Maayinamaar kan ture UNtti Manni Maree Nageenyaa humna waraanaa aanqoo qabate irratti tarkaanfii akka fudhatuuf waamicha dhiyeessanii ture.
Wal gahii UN irratti Maayinamaar ''qarqara kufaatii irra jirti'' jechuun akeekkachiisaniiru.
Gorsaa ol aanaan 'International Crisis Grou' Riichaardi Hoorsii, tarkaanfiin humna waraanaa biyyattii haala bulchuun hin danda'amne keessa galchaa jira jedhan.














