US hooggantoota fonqolcha Miyaanmaarirra qoqqobbii keesse

Madda suuraa, EPA
Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan aanga'oota fonqolcha Miyaanmaarirra ajaja qoqqobbii kaa'uu dandeessiisu dabarsan.
Qoqqobbiin Joo Baayidana dabarsaniis kan aanga'oota fonqolcha raawwatan, maatii isaaniifi kanneen isaan waliin walitti dhufeenya daldalaa qaban hunda ilaallata jedhameera.
Kana malees, doolaara maallaqaa biyyattii biiliyoona tokkoo kan Ameerikaatti argamu waraanichi akka hinargannee dhorkaa kaa'uuf adeemsa irratti argamu jedhame.
Mormii fonqolcha motummaa hordofuun gaggeeffamee irratti dubartiin tokko mataarra rasaasaan dhahamuun hospitaalaa magaalaa guddiittii Taayii Piyii Taawu keessatti argamuutti lubbuunshee darbuun ni yaadatama.
Kibxata darbee poolisiiin namoota hiriiraaf bahan bittinsuuf bishaan, gaazii imimmaanessaa fi rasaasa fayyadamaa wayita turetti dubartiin lubbuun darbee sun kan dhahamte.
Dubartittiin rasaasaan kan rukutamte ta'usaatiif ragaan jiraachu mormitoonni mirgootaa ni dubbatu.
Motummaan Angi Saan Suuchii kan karaa dimokraatawa ta'een filatamtee ture torban darbee humnaan diigamusaa hordofee lammiileen kuma kudhaniitti lakkaa'aman addabaabayiitti bahuun mormiisaanii dhageessisan.
Mormitoonnis dhorkaa walgahii Barmaa duraanii ykn Miyaanmaar ammaatiin kaahame cabsuun mormiisaanii ibsataa jiru.
Waraanni aangoo to'ate garuu magaaloota tokko tokko keessatti namoota shanii ol ta'uun walitti qabamuun hindanda'amu jechuun ajaja dabarsuun alattis labsii dhotkaa sa'aatiis labseera.
Haata'u malee namoonni mormiif bahan hiriira daandiirraa torban lakkoofsiiseen mootummaan Angi Saan Suuchii aangorraa kaafamuu mormaa jiru.
Sirni dimokiraasii deebii'u qaba jechuun waamichas taasisaa jiru.
Humni poolisin mormitoota ittiin bittinsuuf fayyadamu haala olaanaa ta'een dabalaa dhufuusaatiin miidhaan qaamaa cimaan gabaafamulleen dabalataan namni ajjeefamuun hindhagaahamne.
Baayidan Miyaanmaar maal akka gootu gaafatan?
Joo Baayidan fonqolchii taasifamee akka bakkatti deebi'uun hooggantuun biyyaa Angi Saan Suuchii dabalatee aanga'oonni siviilii hidhaarratti argaman akka gadhiifamaniif gaafatan.
''Lammiileen Miyaanmaar sagalee mormiisaanii dhageessisaa jiru. Addunyaanis ilaalaa jira,'' jechuun kan dubbatan Pirezidaanti Baayidan, barbaachisaa yoo ta'ee tarkaanfiiwwan biraas akka fudhataman waadaa galaniiru.
''Wayita mormiin itti fufee jiru kanatti lammiilee mirga dimokiraasii isaanii gaafataa jira irratti humna fayyadamuun fudhatama hinqabu. Haala kanas callifnee hinilaallu,'' jedhan.
Bulchinsi Baayidanis tarree maqaa qondaaltoota waraanaa marsaa jalqabaatiin dhorkaan irra kaa'aamu torbee kana ni baasa jedhame. Haata'u malee qondaaltonni waraanaa tokko tokko ajjeechaa muslimoota Roohinjaatiin haala walqabateen kanneen galmee gurraacha keessa jiraniidha.
''Daldala alaa Miyaanmaar irraatti to'annoo cimaa keenya. Qabeenyaa Ameerikaa mootummaa Miyaanmaar gargaaru kum irraa dhorkaa dabarsina. Haata'u malee deeggarsawwan sirna fayyaa biyyattii, gareewwan siiviiliifi uummata Miyaanmaar kallattiin gargaaran taasisuu irraa boodatti hinjennu'' jedhaniiru.
Joo Baayidan erga baatii darbee gara aangoo pirezidaantummaatti dhufanii as qoqqobbii biyya biraarratti yoo dabarsan kun kan jalqabaa isaaniiti.












