Lammiileen Miyaanmaar fonqolcha mootummaa mormuun hiriira gaggeessan

Madda suuraa, Reuters
Lammiileen Miyaanmaara magaalaa guddittii Yaangoon keessa jiraatan kumaan lakkaawaman fonqolcha mootummaa raawwatame balaaleffachuun guyyaa lammataaf hiriira bahan.
Torban dura waraanni biyyattii fonqolcha mootummaa raawwachuun biyyattii loltootaan kan to'ate yoo ta'u, hiriirtotni kun hanga dimookrasiin mirknaa'utti qabsoo keenya itti fufna jedhaniiru.
Magaalaa guddoo biyyattii Yaangoon keessa daandilee gurguddoon jiran kora bittinneesitootaan guutamanii kan jiran yoo ta'u, addatti Yunivarsiitiin Yaangoon qaama nageenyaa hedduun marfamee mul'ata.
Biyyattii keessa yeroo ammaa tajaajilli Intarneetaa kamuu hin jiru. Dilbata darbe hiriirri mormii muraasni gaggeeffamus dafee dhaabate.
Dhiyeenya filannoo gaggeefameen dhaabni isaanii sagalee caalmaa argachuun kan injifate hooggantuun biyyatti Aang Saan Suu Chii amma manaa akka aangoorraa kaafamanii to'annoo waraana biyyattii jala jiru.
Dhaabni mirga namoomaaf falmu Aministii Intarnaashinaal intarneetni adda cituu qeeqee, gochi kun sarbama mirga namoomaaf haala mijeessa jedheera.
Erga fonqolchi mootummaa kun raawwatamee hanga ammatti qaama fonqolcha kana raawwaterraa yaadasa ta'e ibsi hin kennamne.
Filannoo dhiyeenya gaggeefame booda yeroo duraaf filatamtootni manneen marii ya'ii isaanii gaggeessu jedhamee wayita eegamaa turetti. Waraannii biyyattii filannoon kun hatameera komii jedhu dhiyeessee ture.
Lammiileen Miyaanmaar hedduun adeemsa fonqolcha mootummaa kana feesbuukiin kallattiin daawwachaa turaniiru.
Ta'us garuu qaamni fonqolcha kana raawwate Inatrneetiin guyyaa sadiin booda akka cufamu ajajaniiru.
Maqaa durii Barmaa jedhamuunis kan beekamtu biyyi kun Kibba Baha Eeshiyaatti kan argamtu yoo ta'u, Hindi, Baangilaadeesh, Chaayinaa, Taayilaandiifi La'oos waliin daangaa qooddatti.
Biyyi kun uummata miiliyoona 54 ta'u kan qabdu yoo ta'u, dubartii badhaasa Noobeelii injifatte Saan Suu Chiin hoogganamaa turte.
Suu Chiin badhaasa Noobeelii fudhatanii waggaa lama booda biyya isaanii keessatti haleellaa musliimota Roohingaarratti raawwatameen walqabatee kabajni isaaniif kenname gaaffii keessa galeera.












