Waraanni Miyaanmaar hooggantuu biyyattii Suu Chii erga hidhanii booda biyyattii to'ate

Suu Kiy

Madda suuraa, Reuters

Humni waraanaa Miyaanmaar hooggantuu biyyattii Aung San Suu Chii to'annoo jala oolchee sa'atii muraasa booda ammoo aangoo biyyattii harkaan ga'ateera.

Humni waraanaa erga aangoo qabatee booda TV irratti ibsa kenneen Labsiin yeroo muddamaa waggaa tokkoof labsamuu ibseera.

Filannoo Sadaasa darbe biyyattii keessatti gaggeeffamerratti atakaaroon humna waraanaa fi caasaalee bulchiinsaa mootummaa gidduu ture dhumarratti fonqolchi mootummaa haala kanaan akka raawwatuuf ka'umsa ijoo ta'eera.

Maqaa Barmaa jedhamuunis kan beekamtu Miyaanmaar hanga rifoormiin dimokiraasii bara 2011 biyyattii keessatti eegalutti humna waraanaan bulaa turte.

Humni waraanaa biyyattii akka jedhutti aangoo biyyattii yeroo ammaa hooggana waraanaa olaanaa biyyattii kan ta'an Min Aung Hlaing'tti dabarfamee kennameera.

Yeroo ammaa daandiin magaalaa Nay Pyi Taw akkasumas Magaalaan ijoon biyyattii Yangon humnoota waraanaa guutamaniiru.

Namni badhaasa Noobeelii Nageenyaa fudhatan San Suu Kyi humna waraanaan hidhaman

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Namni badhaasa Noobeelii Nageenyaa fudhatan San Suu Kyi humna waraanaan hidhaman

Sadaasa darbe paartiin Suu Kyi' 'National League for Democracy (NLD)' jedhamu teessoo mootummaa hundeessuuf isa barbaachisu argachuu ibsee ture, humni waraanaa bu'aan filannoo waliin dhahameera jechuun komii achirraa eegale.

Fonqolchi mootummaa humnoota waraanaa biyyattiin raawwatame heera biyyattii kan humna waraanaa mataasaaniin waggaa kurna caalu dura baafame kan faallessuudha jedha gabaasaan BBC Kibba baha Eeshiyaa jiru.

Qondaalota siyaasaa gameeyyii akka Suu Kiy hidhuun dubbii hammeessa, balaa baata jedha gabaasaan kun.

Saan Suu Chii eenyu?

Saan Suu Chii intala nama abbaa bilisummaa Barmaa jedhamuun kan beekaman Janaraal Ong Saan.

Abbaan ishee kan ajjeefaman yeroo isheen umurii waggaa lamaa jirtu ture. Kan ajjeefamanis Barmaan sirna gita bittaa Ingilizootaa jalaa ba'uudhaaf xiqqoon yeroo hafu akka lakkoofsa isaaniitti bara 1948 keessa ture.

Saan Suu Chii yeroo tokko mirgoota dimokiraasiifi namoomaatiif akka fakkeenya guddaa tokkotti ilaalamti ture. Sababiin isaa faallaa loltoota Miyaanmaar warra haraara hin beekan jedhamanii dhaabahuudhaan biyyattii keessatti dimokiraasiin akka jiraatuuf qabsaa'uudhaaf waggoota dheera dabarsisteetti.

Kana hordofees bara 1991 badhaasa Noobeelii Nagaa mo'achuu dandeesseetti.

Badhaasichas kan mo'atte osoo bakkuma jirtutti hidhamtee jirtuudha.

Saan Suu Chii erga waggoota 15f hidhaa turtee booda bara 2010 bilisaan gadi dhiifamteetti.

Filannoo waggoota 25 keessatti yeroo jalqabaatiif gaggeeffameenis paartiin ishee mo'icha guddaa argatee gara aangootti dhufuu dandeessee turte.

Haata'u malee, Heerri mootummaa biyyattii Saan Suu Chii akka pirezedaantii biyyattii taatuuf hin hayyamu.

Sababiin isaa ammoo ijoolleenshee lammii biyya alaa waan ta'aniif. Kanarraa kan ka'eenis mootummaan kan gaggeessitu dugda duuba teesseeti.

Saan Suu Chii amma umuriin ishee waggaa 75 guuteera.

Badhaaso Noobeelii Ngaa mo'attee kan turte Saan Suu Chii biyyashee keessatti jallinaafi gidiraa Musliimota Rohinjiyaa irra gahaa turerratti dhibaa'ummaa agarsiifteen kabajniifi beekamtiin jaarmiyaalee addunyaa hedduurraa argatte irraa fudhatameera.

Bara darba Mana Murtii Yakka Addunyaarratti dhiyaattee kanaaf deebii akka kennitu ta'etti Musliimota Rohinjiyaa irra gidiraan gahe sirrii ta'uu isaa agarsiisuuf yaaluun ishee kabaja sadarkaa addunyaarratti isheef kennamee ture kan gur'aachessedha.

Haata'u malee Saa Suu Chii biyyashee keessatti warra Budhaa baayina qaban biratti fudhatama bal'aa qabdi.