Waliigalteen Itoophiyaa waliin taasisne sababa “atakaaroo uumameetiin harkifate"- Pirezidantii Somaaliilaand

Pirezidantiin Somaaliilaand waliigalteen Itoophiyaa waliin taasisan kan harkifate sababa “atakaaroo uumameetiin” jedhan.
Pirezidantiin somaliilaand waliigalteen fayyadama ulaa galaanaa Itoophiyaa waliin taaisan kan harkifateef sababa “atakaaroo uumameetiin” jedhan.
Pirezidantiin Somaaliilaand Musee Bihii waliigalteen wal hubannoo fayyadama ulaa galaanaarratti taasisan hanga ammaatti osoo xumura hin argatiin kan tureef sababa qaxanicha keessatti “atakaaroo uumameen” ta’uu ibsan.
Itoophiyaan waliigaltee ulaa galaanaa tajaajila buufata humna galaanaafi daldala galaanarraaf oolu Somaaliilaand waliin jalqaba Amajjii bara 2024 waliigalteerra gahuu ibsitee ture.
Waliigalteen Itoophiyaafi Somaaliilaand gidduutti taasifame kun Somaaliilaandiin akka qaama bulchiinsashee taateetti kan yaaddu Somaaliyaa dheekkamsiiseera.
Waliigaltee kanaan boodas Somaaliyaan Masirii waliin waliigaltee waraana amallatteessuufi waraanni Masirii Moqaadishootti argamuun muddamni jiru akka dabalu taasiseera.
Pirezdidant Musee Bihii turtii BBC Somaalee waliin turtii taasisaniin waa'ee filannoo pirezidaantummaa biyyi isaanii gaggeessitu ilaalchisuun ibsa kennaniiru.
Gaaffiifi deebii taasisan kanaan Itoophiyaafi biyya isaanii gidduutti waliigateen fayyadama ulaa galaanaa taasifamus mootummaan Somaaliyaa garuu mallattoon kan dhumaa akka harkifatuuf sababa ta'uu eeraniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Hasan Sheek [pirezidantiin Somaaliyaa] Itoophiyaa qoccolaniiru. Itoophiyaan waliigaltee kan taasifte Somaaliland waliinidha. Hasan Sheek garuu ammallee Somaaliilaand qaama Somaaliyaati jedha. ... Birmadummaan keenya sarbameera jedha.
Lafa kan keenyadha jedhu dhufee fudhacuu akka hin dandeenye; to'annoo kamillee akka hin qabe ni beeka. Waggoota 34 darbaniif biyyoota walabaa addaa adda taanedha. Kana ammoo hunduu ni beeka. Dabalataanis mootummaata adda addaa lamadha."
Waliigalteen Itoophiyaa waliin wal mallatteessan osoo hojiirra hin ooliin ji'oonni 10 darbuu kan gaafataman Pirezidant Muse Bihii, "waliigalteewwan idil-addunyaa yeroo fudhatu" jechuun duunyaatti deebisuu filatan.
Ministirri Muummee Abiy akka biyya of dandeessuutti kan of ilaaltuufi sadarkaa idil-aaddunyaatti beekamtii kan hin arganne Somaaliilaand waliin waliigaltee qarqara galaanaa kiiloomeetira 20 bal'atu liizii waggaa 50f turuun kireeffachuun buufata humna galaanaa ijaaruu dandeessisu ture kan mallatteessan.
Itoophiyaan ammoo bakka isaa Somaaliilaand akka biyya taateetti beekamtii kennuufiin addunyaarratti biyya jalqabaa akka taatu aanga'oonni Somaaliilaand ibsaniiru.
Somaaliilaand Somaaliyaarraa erga fitoqxee waggoota 30 ol ta'ulleen biyya walabaa ta'uun ishee Gamtaa Afrikaatiinis ta'e dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitiin beekamtiin hin kennamneef,
Aaanga'oonni Itoophiyaa Somaaliilaandiif beeamtii akka kennan ifatti hin ibsine. Haatau malee, dhaabbileen akka Daandii Qilleensaa Itoophiyaa bu'a-qabeessummaan isaanii beekama ta'e keessaa gahee akka kennaniif dubbataniiru.
Waliigalteen wal hubannoo kun Somaaliilaand akka qaama bulchiinsashe etaatetti kan yaaddu Somaaliyaa kan dheekkamsiise yoo ta'u, waliigaltee kanas weerara jechuun ibsiteetti.
Isaan boodas sababa ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha Laga abbayyaatiin Itoophiyaa waliin atakaroo keessa kan jirtu Masiriin Somaaliyaa waliin waliigaltee kan mallatteessite yoo ta'u, kun ammoo Itoophiyaa yaaddoo keessa galcheera.
Masiriin sababa waliigaltee fayyadama ulaa galaanaa Somaaliilaand waliin mallatteessiteef Itoophiyaa waliin wal dhabdee kan jirtu Soaaliyaa meeshaa waraanaa xiyyaara waraanaa lama guutuu erguushe hordofee muddamni ture daran cimeera.
Tumsi waraanaa biyyota lamaanii yaaddoo keessa kan ishee galche Itoophiyaanis tarkaanfii Gaanfa Afrikaa jeequudhaaf fudhatama ajiru callistee akka hin ilaalle beeksifteetti.
Mootummaan somaaliyaas, "humnoota alaa qaxanaa kana jequudhaaf hojjetan waliin hojjecha ajirtu jechuun" himachuun ishee ni yaadatama.
Pirezidant Musee Bihiinis turtii BBC Somaalee waliin taasisaniin waliigaltichaan booda Masiriin dhimmicha keessa galuun muddama umuu isaa dubbataniiru.
Masiriin Somaaliyaatti fayyadamaa jirti kan jedhan Pireidant Musee Bihii, "[Masiriin dhufuun] waan dabalataati. Furmaata ta'uu hin danda'u" jedhan.
"Masiriin Somaaliyaatti fayyadamaa jirti" jechuun kan himatan pireidantichi, "Masiriin atakaaroo dhimma Abbay irratti Itoophiyaa waliin itti jirtu keessa somaaliyaan akka seentu gooteetti," jedhan.
Waliigaltee waraanaa mooutmmaan Somaaliyaa Masirii waliin taasise yeroo qeeqanittis, "carraaqqii Somaaliilaand biyya walabaa ta'uudhaaf gocha ajirtu gufachiisuudhaaf kan ta'edha," jechuun ibsaniiru.
Itoophiyaafi Somaaliyaan muddama gidduusaaniitti uumame karaa mataasaanii hiikkachuu danda'u kan jedhan Pirezidantichi, "sana keessa galuu" akka hin barbaadne dabalanii dubbataniiru.
Somaaliiland Sadaasa 13, 2024 filannoo pirzidaantummaa gaggeessuuf qophiitti jirti.












