Namoonni MM Itoophiyaatu Puuntilaand keessa adeemaa jira na se'u- Ayizaak Ahimad

MM Abiy fi Ayizaak

Madda suuraa, GOOGLE

Maqaan nama kanaa Ayizaak Ahimad Hasan jedhama. Baha Somaaliyaatti bulchaa aanaa Waa’iyee jedhamtuuti.

Biyya ollaa Somaaliyaatti namni bulchaan aanaa tokkoo ta'an kunis sababii ''biftikoo Ministira Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimadiin wal fakkaatuuf nageenyakoof yaadda'eera'' jechuun BBC Afaan Somaaliitti himan.

Namni kunis bifaan MM Abiy fakkaachu qofas osoo hin taane maqaan abbaasaanillee walfakkaachuu kan himan Ayizaak Ahimad Hasan, erga MM Abiy gara aangootti dhufanii booda jireenyikoo jijjirameera jedhu.

Namni sirriitti Ayizaak Ahimadiin hubatee ilaalees, dhugaatti Ministira Mummee Abiy Ahimad waliin wal-fakkeenya qabu hubachuu danda’a.

Wal-fakkeenyi Ayizaakiifi MM Itoophiyaa Abiya Ahimad kunis tibbana Somaaliyaa, Puuntilaanditti ijoo dubbii miidiyaa hawaasaa taheera.

Ayizaak yeroo garaagaraatti Ministira Mummee fakkaachuusaatti mudannoowwan nama kofalchiisu, yeroo biraa ammoo kan nama aarsan akka isa qunnaman dubbata.

‘’Yeroo tokko qondaalonni olaanoon mootummaa Moqaadishoorraa daawwannaaf hojiif aanaa keenya dhufanii yeroo na arganiitti ‘Abiy Ahimad’ jechuun natti qoosuu,'' jechuun dubbattu.

Yeroo tokkos aanga'aan tokkoo suuraasaa kaasuun Pireezidantii duraanii Puuntilaanditti wayita erganiitti, '‘Abiy Puuntilaand jira moo?’’ jechuun deebii kennanii akka turan yaadata.

''Booda garuu suuraan sun kan bulchaa Waa’iyee akka tahe itti himan,'' jechuun dubbata.

'Abiy fakkaachuunkoo jireenya koorratti dhiibbaa qaba'

Namoonni biyyakoo ''na dubbisanii Somaalee ta'uukoo erga hubatanii booda bifaan walfakkaatuu malee akkan Ministira Mummee Abiy hintaane mirkanneeffatu,'' jedha Ayizaak.

Ayizaak Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad erga bara 2018tti gara aangootti dhufanii kaasee, ''maqaa kootiin waamamee hin beekuu,'' jedha. Kunis jiruusaa guyyuu irratti dhibbaa akka qabu hima.

‘’Namoonni gaafa na argan ''Abiy'' jechuun na waamu, ani garuu maqaa biraatiin waamamuun natti hin tolu,’’ jedha.

Ayizaak dabaluunis, ‘’yeroo iddoo namoonni baayyee walitti qabamanitti argamu ammoo Ministira Mummee Itoophiyaa fakkaachuun kootti nageenya koofiyyuu na yaaddessa,’’ jedhe.

Ayizaak naannoo jiraatuutti namoonni maqaa Ministira Mummee Itoophiyaatiin akka isa waaman akka hin barbaadne dubbata.

MM Abiy fi Ayizaak

Madda suuraa, Miidiyaa hawaasaa

'Nu caalaa abbootii keenyatu wal-fakkaata'

Wal-fakkeenyi Ministira Mummee Abiyyiifi Ayizaak seenaa biraas qaba. Ayizaak akka jedhutti, abbaansaa maqaadhaan qofa osoo hin taane bifaanis abbaa Ministira Mummee Abiy Ahimad fakkaata.

''Gaaf tokko namni wajjin hojjennee fi fira koo tahe tokko suuraa wayii naaf erge. Nama kana beektaa? jedhees na gaafate.''

Innis bitaa itti galee raajeeffachuu akka ilaale hima. Suuraan sun kan abbaa Abiy Ahimad ture.

''Bifa abbaa koo waliin tokkuma, garaagarummaan isaan qaban abbaan Ministira Mummee Abiy Ahimad maddii isaaniirra tuqaa gurraatti wayii qabu. Isa qofaadha,'' jedha bulchaan Waa’iyee kun.

Namoonni waan hin beekne tokko anaafi Ministira Mummee Abiy caalaa bifa abbootii keenyaatu caalaatti wal-fakkaata.

Abbaa MM Abiy Ahimad

'Itoophiyaa yoon deeme rifeensakoo haaddadheen'

Ayizaak Ahimad

Madda suuraa, Facebook

Somaaliyaa keessatti MM Abiy Ahimad fakkaachuutti namoonni hanga kana yoo waliigalan, Ayizaak Itoophiyaa yoo deeme waan wal-faaktaan akka isa mudatu tilmaama.

Itoophiyaa yoon deeme akka nama isa kaanii daandiirra nagaan deemuu akka barbaadu dubbata.

‘’Yoon gaaf tokko Itoophiyaa deeme, rifeensa mataakoo fi areeda koo haadeen deema malee, rakkoof of hin saaxilu,’’ jedha.

Yeroon as magaala keessa deemus namoonni maqaa Ministira Mummee Itoophiyaan akka na waaman akka hin feene dubbata.

Yoo namoonni kun isammoo, isa miti? jedhanii itti siquun namoota hubachuu barbaadan amansiisuun salphaa akka tahe dubbata.

''Yeroo natti dubbataniifi lammii Somaaliyaa tahuu koo baran, wal-fakkachuu qofaa akka tahee fi ani Ministira Mummee Itoophiyaa Abiy akka hin taane hubatu,'' jedhe.