Ummata ajjeesaafi ukkaamsaa ummata bilisa baasuun hin danda'amu - MM Abiy Ahimad

Ministira Muummee Abiy Ahimad

Madda suuraa, PMO

Bulchaan Itoophiyaa gaaffilee rakkoo nageenyaa biyyattii keessatti mul'atu irratti gaaffii miseensota paarlaamaarraa ka'eef deebii kennaniin, ''ummata ajjeesaafi ukkaamsaa ummata bilisa baasuun hin danda'amu,'' jedhan.

MM Abiy Ahimad kana kan jedhan haasaa yaa'ii idilee 28ffaa bara hojii 2ffaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa Itoophiyaa Roobii (Adoolessa 06, 2023) gaggeeffameerratti.

Marii kanarratti raawwii bajata bara darbee (ALI 2015) fi bajata haaraa 2016 akkasumas haala nageenyaa, dinagdeefi kaan irratti gaaffilee miseensonni kaasaniif deebii kennaniin ture.

Ukkaamsuu, ajjeechaa aanga'ootaa fi lammiilee

Miseensoonni dhimmoota kallattiin diinagdee biyyattiin walqabataniifi rakkooleen siyaasaafi nageenyaa biyyattii quucarsaa jiran akka xiyyeeffannaa argatan kaasaniiru.

Gaaffiilee miseensotaan kaafaman keessaa tokko dhimma rakkoolee nageenyaa naannoolee Itoophiyaa garaa garaatti mudataa jirudha.

Rakkoo nageenyaa naannolee Oromiyaafi Amaaraa keessatti hammaatee hojii misoomaarratti gufuu ta’e qolachuuf mootummaan maal karoorsee jira?

Humna addaa deebisanii akka haaraatti ijaaruun walqabatee rakkooleen ni mul’atu.

Keessattuu Naannoo Amaaraatti rakkoo mudate maddasaa adda baasuun sirreessuuf maaltu yaadame? gaaffii miseensoota paarlaamaan MM'f dhiyaatan keessaayi.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mariin nagaa WBO/Shanee waliin eegalame sadarkaa maaliirra jira, akka guutuu biyyattiitti adeemsi deebisanii ijaaruu kun sadarkaa maaliirra jira? kan jedhan gaafatamaniiru.

Keessattuu ajjeechaa akkasumas badiin lammiilee nagaafi aanga'oota ukkaamsuu qaamolee hidhataniin raawwatu eerameera.

Haleellaawwanis haala qindaa'een kan raawwatan waan ta'anii, nageenyi bora'uudhaan wal qabatees lammiilee akka buqqaafamaniifi ajjeefaman akkasumas qabeenyi barbadaa'aa jiraachuun ka'eera.

Akkasumas daandiileen gurguddoon biyyattii qaxanaa yaaddoo ta'usaaniifi haala tarkaanfii naannoo Amaaraatti humna addaa deebisanii caaseessuutiin wal qabateenis hokkorri ka'un eerameera.

Miseensi paaralaamaa tokko ammoo WBO waliin wal qabate rakkoon kan itti fufe ta'u kaasan.

Mariin araaraa mootummaafi hidhattoota WBO kan marsaa jalqabaa taasifamuus mariin dabalataa eegasi taasifame hin jiru.

MM Itoophiyaa Abiy Ahimad gamasaanitiin deebii dhimmoota kanarratti kennaniin, ''Ummata ajjeesaafi ukkaamsaa ummata bilisa baasuun hin danda'amu.

''Kanneen ummata ajjeessaafi ukkaamsaa jiran bilisa baaftoota ummataa ta'u hin danda'an,'' jedhan.

Rakkinichaaf furmaata argamsiisuuf ammoo mootummaan tarkaanfii seera kabachiisuu kan itti fufu ta'u fi dhimmi mariidhaan furamu yoo jiraate ammoo mootummaan qophii ta'u kaasan.

Daldala jimaa, hojii dhabdummaafi xaa'oo

Miseensi paarlaamaa Obbo Mohaammad Qophee rakkoo oomishaafi daldala jimaan walqabatee ka'aa ture dhiheessan.

Biyyattiif omishaalee galii argamsiisan keessaa tokko kan ta'e jimaan ummata Harargeef ammoo bu’uura jireenyaafi sochii diinagdee naannawa sanaa keessatti hidda dhiigaati jedhan.

Haa ta’u malee, yeroo dhihoo as daldalli jimaa kootaadhaan akka ta’u 'qajeelfama dogoggoraa' dabarsuun isaa sochii daldala jimaarratti miidhaa guddaa uume yaada jedhu kaasan.

Qonnaan bultoonni Harargee jimaa oomishan eeyyama daldala jimaa akka hin baafannee fi akka hin haaromsanne dhorkamaniiru jedhan.

Jiraattota naannolee ollaafi abbootii qabeenyaa muraasaaf eeyyamuun hariiroon obbolummaa ummata gidduu ture akka laafuufi walqixxummaan faayidaa akka dhibu ta'eera jechuun himan.

Kunis, hammi jimaa gara alaa ergamuu akka hir’atu, sharafi alaa biyyattii akka hir’atuu fi biyyoonni jimaa bitan gabaa Itoophiyaa dhiisanii gara biyya biraa akka deeman godhuu dubbatan.

Dabaluunis, gabaan Itoophiyaa akka dhiphatuufi ummannis akka irraa hin fayyadamne kan godhuudha jechuun tarkaanfii hatattamaa akka fudhatamu gaafatan Obbo Mohammad Qophee.

Miseensi paarlaamaa biraan Aadde Gannat Katamaa mootummaan xaa’oof birrii ramaduu himan.

Haa ta’u malee, xaa’oon yeroon dhihaachuu dhabuufi kan dhihaates yoo ta’e yeroodhaan dhihaachuu dhabuun, keessattuu naannolee Oromiyaa, Amaaraa fi Kibbatti qonnaan bulaan rakkoo keessa jira jedhan.

Kanaan walqabateefi xaxaa fi hanna mudatu dhaabsisuun maaliif akka dadhabames dabaluun gaafatan.

''Rakkoo xaa’oo waaraan furuuf maaltu yaadameera?'' kan jedhu gaaffisaanii ture.

Miseensi biraa dhimma rakkoo hojii dhabdummaa irratti gaaffii kaasan ammoo Obbo Zalaalam Malaak turan.

Isaaniis hojii dhabummaa hamaa, qaala’iinsa jireenyaa fi daldala kontirobaandiitiin diinagdeen biyyattii qoramaa jira jedhan.

''Gatiin meeshaaleefi midhaanii yeroo tokko akkaan daballaan deebi’ee yeroo sirratu hin mul’atu.

''Haalli kun diinagdeen hagam haqa qabeessaafi ummata fayyadaa jira?'' gaaffiilee jedhaniifi kaan kaasisa jedhan.

Ijaarsa pirojektootaa

Miseensi biraa, pirojektoonni gurguddoon akka naannoleetti karooraan eegalaman kanneen akka daandii, bishaan dhugaatii, jallisiifi kaan yeroon xumuramuu dhabuudhaan ummanni komii kaasaa jira jedhan.

Kanaafuu ''mootummaan federaalaa karoora pirojektoota gurguddoof qabame hojiirra oolchuuf maal hojjetaa jira?'' jechuun gaafatan.

Akkasumas haalli hidha haaromsaa maalirra akka jirus kaasaniiru.

Akkasumas pirojektoota gurguddoo akka biyyatti eegalaman kanneen akka ''Gebeta le hager’’ irratti yaadanno garaagaraa ni ka’u jedhan.

Osoo rakkoon biroo jiranii ''...pirojektoonni kunneen dhimma dursa kennamuufii qabuudhaa?,'' jechuun miseensoonni qeequun ibsa akka fedhan gaafatan.

MM Abiyyis keessattuu pirojektoota ofiisaaniin adda durummaan gaggeessaa jiraniifi yeroo adda addaatti qeequmsi irratti ka'urratti deebii bal'inaan kennan.

Madda maallaqa pirojektoota 'Gabataa La Shagarri,' Gabataa La Hagar,' fi 'Gabataa La Tiwulid'' jedhamaniifi kanneen biyyaaf faayidaa qaban ilaalchisee ''namoonni keessa isaanii dhukkubu'' jiru jedhan.

Hojiiwwan mana marichaa dabalatee, waajjiraalee fi biirooleetti eegalamanis qaama tiraanisformeshinii biyyattii eegalameeti jedhan.

Hojiiwwan haaromsa waajjiraalee keessaa kan sadarkaa olaanaan hojjatameera jechuun kaasanis ijaarsa gammoo miidiyaa biyyaalessaa - EBC kan waggaafi baatii jaha fudhateeti jedhan.

Itti dabaluunis, pirojektii gurguddaa keessaa kanneen akka biqiltuu dhaabuu akka fakkeenyaatti kaasan.

Biyyattiin biqiltuu biiliyoona 50 dhaabuudhaaf yoo xinnaate doolaara biiliyoona 50 barbaachisuu akka danda'u eeran.

''Paarlaamaan kun eessaa fidee doolaara biiliyoona 50 nu kenna ture. Yoo xinnaate doolaarri biiliyoona 50 GDP biyyattii keessaa harka tokko sadiidha.

''Qabeenyichi kan dhufe gara laafeeyyii lammiilee Itoophiyaa irraayi. Kan hojjatame lammiilee Itoophiyaa humnasaanii, maallaqasaanii gadi naquuf murteessan waliin,'' jedhan.

Ijaarsa seeraan alaa ilaalchisee

Gaaffiin gara biraa miseensotaan kaafame waa'ee manneen dhuunfaa fi amantaa magaalota Finfinnee fi shaggar keessatti seeraan ala ijaaraman jedhamuun diigamaniiti.

MM Abiy deebii isaaniin manneen seeraan alaa diiguun Magaalaa Shaggar bira darbee tarkaanfichi sadarkaa biyyaatti akka raawwatamu qabu kallattiin kaa'amu himan.

''Magaalummaa jechuun manneen walitti maxxanan ijaaruu jechuu miti,'' jedhan.

Haata'u malee, adeemsa kana keessa namoonni dhuunfaas ta'e dhaabbiileen amantaa haala seera qabeessa ta'een hojjatanii garuu kan miidhaman yoo jiraatan beenyaa argachuu qabaatus jedhan.

'Badhaadhinni aagnoo gadi haa dhiisu...'

Qondaalli paartii mormituu Dr Dassaalanyi Caannee paartiin Badhaadhinaa maqaarra kan darbe biyyaaf badhaadhinni fide hin jiru jechuun paarlaamaa keessa dubbatan.

Inumaa ummata gadadoo fi hiyyummaatti galche, kun ammoo kufaatii bulchiinsa paartii badhaadhinaa MM Abiy Ahmadiin durfamuuti jedhan.

'Bulchiinsa keessaniifi paartii keessan kufe kanaaf furmaati maali? Kora biyyaaf fala barbaadu hatattamaan hundaa’ee rakkoo biyya kanaaf birmachuu hin wayyuu?' jechuun MM akka aangoo gadhiisaniif gaafatan.

Dr Dassaalany ''bulchiinsi paartii badhaadhinaas ta’e paarlaamaan amma jiru kun rakkoo biyyaafi uummataaf fala kaa’uu,'' hin danda'u jedhan.

Kanaafuu, ''.. aangoo bulchiinsa siiviliif dabarsee manni akkaataa heera mootummaa keewwata 60, keewwata xiqqaa 1'tiin miseensota isaa diigee filannoo haaraan akka gaggeeffamun gaafadha'' jechuun himan.

Miseensonni gaaffilee nageenyaa, diinagdeefi xaa'oo dabalatee gaaffii garagaraa gaafatan

Madda suuraa, PMO

Ibsa waa'ee suuraa, Miseensonni gaaffilee nageenyaa, diinagdeefi xaa'oo dabalatee gaaffii garagaraa gaafatan

MM Abiyyis mootummaa isaanii ilaalchisee komiiwwan ka'an jiraachuu kaasuun, garuu ammoo wanti hundi dukkana jedhanii walitti qabanii dubbachuun sirrii akka hin taane dubbatan.

''Wanti hundi dukkana yoo nutti ta'e dukkana keessa kan jiru nuyi miti,'' jedhan.

''Itoophiyaan biyya dhaabbilee jajjaboo ta'an ijaaraa jirtuufi kan diinagdeedhaan biyyoota Sahaaraan gadii keessaa sadarkaa sadaffaa, Baha Afrikaatii ammoo sadarkaa tokkoffaarratti argamtuudha” jechuun himan.

Paartiin isaanii Badhaadhinni kan sagalee caalmaan filatame ta'u yaadachiisuun, ofiin mootummaa ijaaruu osoo danda'u paartilee mormituu hirmaachisaa akka jiru kaasan.

MM Ahimad gaaffiin ka'e faayidaa miidiyaa hawaasaatiif akka ta'e kaasuun, ''har'aaf YouTube'n akkas jedhamun gaariidha. Biyyattiif garuu bu'aa hin qabaatu,'' jedhan.

Filannoo ilaalchisee yaadni ka'e gaarii ta'u kaasuun garuu mormitoonni waggaa sadiif akka obsaniif gaafachun ''ummanni Itoophiyaa bu'aasaa beeka'' jedhan.

''Rakkoo olaanaa keessatti carraawwan osoo ilaallee gaariidhas'' jedhan.

'...bu'aan galmaa'e salphaa miti'

Ministirri Muummee Abiy Ahimad gaaffilee hedduu miseensota paarlaamaatiin dhiyaataniif hunda tokko tokkoon deebisuu baatanis, haala qabatamaa biyyattiirraa ka'uun waan tureefi kallattii gara fuulduraa irratti dubbataniiru.

''Karoora qabame guutummaatti milkeessuu baannus rakkoo biyyi keessa turteen garuu bu'aa salphaadha hin jedhamnetu galmaa’e,'' jedhan.

Rakkoolee biyya keessaafi biyya alaa mudataa jiran irratti hundaa’uun karaa ittiin diinagdee keenya fooyyessinu karoorsineerra jedhan.

MM Abiy inni ijoon karoora rifoormii biyya keessaarratti xiyyeeffachuun baheedha jedhan.

''Galmi karoora kanaa ijoon tokko diinagdee keenya suphuudha. Kan biraan liqii duraan ture osoo hin kaffalamiin nuti dhaalle ofirraa kaffaluudha.''

Filannoo gaggeessuuf waggoota sadiitu nu hafa kan jedhan MM Abiy, waggoota hafe keessatti ''waan ummata keenyaaf waadaa seenne milkeessinee argamuu feena,'' jedhan.

''Karoorri rifoormii fooyya’aa guyyaa (ALI Adoolessa 01, 2015) irraa eegalee hojiirra oolu kun, gaaffilee isin kaastan hedduu deebisa.''

Baajati haaraan karoora rifoormii fooyya’aa waggoota sadan dhufaniif qabaman keessaa kan waggaa tokkoo milkeessuuf kan ooluudha.

Jaarmiyaan diinagdee addunyaa - IMF mataansaa diinagdeen Itoophiyaa bara darbe 6.4%, barana 6.1% fi bara dhufu ammoo 6.4% akka guddatu ibseera jedhan MM Abiy.

''Nuti barana diinagdeen keenya 7.5% guddata jennee eegna,'' jedhan.

Qonnaan diinagdee Itoophiyaa keessatti harka tokko sadaffaa yookiin dhibbeentaa 30 qabata jedhan.

''Barana 6.3% akka guddatu eegama. Guddina kanaaf kan gumaachan midhaan gurgurtaa kanneen akka ruuzii, boqqolloo, qamadii fi kkf.''

Dameen Indastirii diinagdee biyyaa keessatti dhibbeentaa 28 qooda qaba kan jedhan MM Abiy, barana dameen kun dhibbeentaa 8.2 guddata jennee eegna,'' jechuun himan.

''Kanaaf kan bu’uura kaa’e warshaalee 160 ta’an hojiitti galchuudha.''

Akka MM Abiy jedhanitti dameen tajaajilaa diinagdee biyyattii keessaa dhibbeentaa 39 qabata.

''Kana keessatti tuurizimiin ga’ee olaanaa qaba. Dameen kun dhibbeentaa 7.5 guddata,'' jedhan.

Garuu guddinni dameewwan diinagdee kunneen irratti mul’ate ida’amee Itoophiyaa rakkkoo keessaa akka hin baafne qaala’iinsa gatiitu gufuu ta’e jedha.

''Qaala’iinsi jireenyaa akka addunyaatti waan ta’eef Itoophiyaa adda goonee ilaaluu hin dandeenyu.''

Bara itti aanu qaala’iinsa jireenyaa to’achuuf xiyyeeffannaa akka kennan kan himan MM Abiy, bara kana qaala’iinsi jireenyaa (inflation) 37% irraa 30% akka hin caalle gochuun waan guddaadha jedhan.

''Kunis ga’aa waan hin taaneef cimnee hojjechuu qabna.''

'Invastimantiin alaa 10.4% guddate'

Gama kaaniin ammoo, ganna kana yoo xiqqaate lafa hektaara miiliyeena 2 dabalataan ni qonna jechuun ibsan.

Yeroo jalqabaaf lafti hektaara miiliyeena 15 ol ta’u Itoophiyaa keessatti ni qotama jedhan.

''Kunis jallisii, naannolee horsiisee bultootaa qotuu, lafa asiidiin bade xaa’oodhaan qotuun oomisha daballa.''

MM Abiy wayita aangootti dhufan liqaan Itophiyaarra ture diinagdee biyyattii keessaa 59% ture, kun amma 38% ta‘eera jedhan.

''Waggoota sadan dhufan keessatti 30% gadi gochuun dhaloota idaarraa hir’isuuf hojjanna.''

Galiin waliigalaa biyyattii (GDP) wayitasaan gara aangootti dhufan birrii tiriiliyeena 2.2 ture, kan baranaa osoo itti hin dabalamiin amma birrii tiriiliyeena 6.4 ga’uu ibsan.

Diinagdeen biyya tokkoo kan ittiin ilaalamu keessaa tokko baasiifi galii yoo ta’u, akka MM jedhanitti, bara darbe galiin biyyattii harka 28n yoo guddatu, baasiin ammoo harka 13 ture.

''Haala kana waggoota 10'f yoo itti fufsiifne garaagarummaan baasii fi galii dhiphataa deema. Kanaaf ammoo akkuma isin kaastan sirna taaksii fi gibiraa keenya fooyyessuu qabna''

Dhimma ijoon biraa alergii fi meeshaalee gara biyya keessaa seenanidha.

MM akka jedhanitti, bara darbe meeshaaleen gara alaatti ergaman irraa galiin argamu hir’ateera.

Kunis sababa rakkoon oomisha jimaa, warqee fi bunaan walqabata jedhan.

''Gatiin bunaa gadi bu’uu fi oomishi warqee hir'achuun akkasumas kontiraabaandii hedduummaachuutu kana fide,'' jedhan.

''Alergiin tajaajilaa (service export) ammoo 14%'n guddate, investimentii alaas 10.4% guddate,'' jedhan.

''Yoo ida’aman sharafi alaa arganne kan bara darbeen gadii miti. Garuu, meeshaalee keessa galaniirratti dolaara biiliyoona 14 ol baasneerra,'' jedhan.

Akkasaan jedhanitti boba’aaf doolaara biiliyoona 4'tu bahe. Akkasumas xaa’oof dolaara biiliyoona 1'tu ba'e.

''Kunneen meeshaalee gara biyya keessaa galchine keessaa walakkaa qooddatu,'' jedhan.