Itoophiyaafi Jibuutii jidduutti galaanni haaraan uumamaa jiraa?

Madda suuraa, JUAN MARTINEZ
Haroon Abbee daangaa Itoophiyaa fi Jibuutii jidduu diriiree argama. Naannichattis lafa gogaa malee kan misoomee hin mul’atu.
Gammoojjii cimaanis kan ijji namaa arguuf danda’u caalaa diriiree mul’ata. Namoonni naannichaas haroo kanaan Abee jedhuun.
Haroon kunis balliina km 19 fi dheerina km 17 kan qabu yoo ta’u, bishaan isaa sogiddaan kan guutameedha.
Naannoo isaattis laayimsitooniiwwan dhibbaan lakkaa’aman hiriiranii dallaa ogeessi muuxannoo hin qabne ijaare fakkaatu.
Haroon haalluu magariisaafi cuquliisi qabu kunis, tullaa urkaa meetira 50 qabanitu keessaa yaa’a.
Nama naannicha hin beekneef wayita urkaan sun akka tasaa keessaa ba’u baayyee nama naasisa. Urki isaa kunis Salfarii qaba.
Sababii bishaansaa fayidaadhaf hin taanef jecha namoonni bayyinaan naannicha hin jiraatan.
Dhooqa Affaar
Haroon Abbee kunis walarga tectonic plates Somaaliyaa, Arabiyaa fi Nuubiiyaa irratti argama. Jecha biraatiinis eddoon kunis Dhooqa Affaar jedhamee beekama.
Naannichis bakka Luusiin itti argamteedha. Inummaayyuu qorattoonni tokko tokkoos bakkichi iddoo agama qaroomati jedhu.
Haroon kunis sababiin inni kaaniin adda bahee ta’eefis, sababii bakki tectonic plates jedhamu suuta suutaan adda baqaqaa adeemiifidha jedhama.
Kunis lafti harichaan gaditti argamu akka haphataa adeemu dirqiisiiseera. Baroota 1950 keessa bishaan haroo kanaa harkifamuun qonnaaf wayita waraabameetti harki lama sadii isaa hir'atee ture.

Madda suuraa, JUAN MARTINEZ
‘Haroo haaraa’
Jii'ofiizistoonni (Geophysicists) garuu waggaa miiliyoona 10 booda suluulli Affaariifi haroo kun galaanaa haaraa umuu jechuun tilmaamu.
Qorattoonni dhimmichaa akka jedhaniitti, dachiiwwan sadan kunneen baqaqaa lafti jidduu isaaniitti argamu ammoo adda fagaachaa akkuma adeemuun, Galaanni Diimaan qarqara Jibuutii qabatee gara dhooqa Affaarriitti imala. Kanas kan jedhan ammoo saayintistoota NASAti.
Galaanni Diimaan, Dhooqni Baha Afriikaa fi qarqarri Galaana Edan waliitti makamuun galaanaa Atiilaantiikiin gitu uumu.
Akka tilmaama saayintistootatti gaanfi Afriikaa kan bishaaniin marfamte taati.
Ummata Affaar
Dhooqa Affaar eddoowwan Afriikaa keessatti argamaniif itti baruudhaaf baayyee cimaa ta’an keessaa tokko ta’ulleen, gutummaan namni keessa jiraachu hin danda’u jechuu miti.
Lixa Jibuutiin gara Finfinneetti yoo imaltan fageenya km 150 imaltan Haroo Abbee ni argattu.
Horsiisee bultoonni naannichatti argaman mataansaanii, coba bishaan ofiisaaniifi loonsaaniif ta’u argachuuf baayyee imaluutu isaan barbaachisa.
Hojii doowwachiisutiin kan jiraatu Mohaammad Omaar Alii, ‘‘Eeddoo akkasii keessa jiraachunsaa ummata Affaariif waan haaraa miti,’’ jedhan.
Ummanni Affaar naannicha sana jiraatu irra caalaan horsiisee bulaadha. Bakkaa bakkatti socho’uun kan jiraatudha.
Soogidda qotanii gurguruun, nyaataa fi bishaan bitatanii jiraatu. Irra jiraan miseensa hawaasa horsiisee bulaa Affaar mana bakkaa bakkatti socha’u qabatee waan imaluuf, dhiyeessii bishaan dhaabbataas ta’e, ibsaa hin qaban.

Madda suuraa, JUAN MARTINEZ
Jijjirama haala qilleensaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haroon Abbee kan haalli qilleensaa hoo’a cimaafi darbee darbee ammii qiillensi laafan keessatti mul’atuudha.
Yeroo qabbannaattis haalli qileensaa isaas digrii seentii gireedii 30 ta’a. Yeroo ho’aatti ammoo hanga 45tti ol-ka'a.
Hawaanni naanichaas haala qilleensaa kana dandamachuun jiraataa jira. Keessattuu waggoota dhihoodhaan asiitti haalli jijjirama qilleensa naannichaa, naannicha baayyee rakkiisaa taasisuu isaatiin alatti hongees hordofsiiseera.
Haata’u malee Omaar Aliin akka jedhuutti, ummanni Affaar naannicha gadhiisee bahu kongumaa hin barbaadu. Naannichi kan bareeduu gara ganamaati.
Hurki tullaawwan keessaa yaa'u ammo keelloo biiftuu ganamaa waliin walitti makamee arguun baayyee nama gammachiisa.
Bareedinni ummamaa akkasii galaana Paasifiik jala malee eessayyuu hin jiru jedhu saayintistoonni.
Yoo galgalaa’u ammoo Haroon Abbee baayyee bareeda. Urjiin akka daraaraa uffata siree irratti hojjatameetti samiitti hirkatanii fakkaata. Kanaafu galgala keessaa bakkichatti argamuun ilaalcha addaa namaaf kenna.
Imaltoonni baayyee Jibuutii irraa ka’anii Haroo Abbee doowwatanii deebii’uudhaaf guyyaa tokko fudhata. Naannichatti dhaabbinni dahoo dhaabee bakka bulmaataa qopheessuu baayyee xiqqaadha.
Isaan keessaa tokko Kamiil Haasan naannicha keessa baroota dheeraaf jiraate. Naannicha haalaan kan beeku Kaamiil, Affaariitti turizimiin babal’ate maddi galii akka ta’uf hawwa. Hawwuu qofaas osoo hin taane, innis kan gaheesaa ni gumaacha.












