Ertiraan miseensota waraanaa duraanii leenjiif waamuun lammiileen biyyaa akka hin baane ajajjee

Miseensoota raayyaa Ertiraa

Madda suuraa, Getty Images

Mootummaan Ertiraa miseensoota raayyaa ittiisaa duraanii leenjii dabalataatiif kutaasaaniitti akka debii'aniif akkasumas kaan ammoo biyyaa akka hin baane qajeelfama baasuu lammiileen biyyattii biyya keessa jiraniifi biyya alaatti argaman BBC'f mirkanneessan.

Qajeelfama kanaan lammiileen raayyaa keessatti tajaajilaniifi umuriinsaanii waggaa 60 gadi ta'e galmaa'uudhaan gara leenjiitti akka galaniif akkasumas lammiileen biyyattii umuriinsaanii waggaa 50 gadi ta'e galmaa'udhaan qaama dhimmiisaa ilaallatu irraa osoo hayyama hin argatiin biyyaa akka hin baane ajajeera.

Jiraattonni magaalaa Asmaraa BBC Tigiriffaan dubbisee qajeelfamni mootummaa Ertiraa kun kan ifatti ibsame akka hin taane dubbatan.

Jiraattoonni akka jedhaniitti, qajeelfamni kun hojiirra oolaa jiraachusaa kan hubatan biyyaa bahuu fi tajaajiloota mootummaa garaa garaa aragachuuf gara gandoota wayita deemaniitti ittigaafatamtootaan ibsa taasifameen ta'u himan.

Lammiin Ertiraa nageenya maatiisheetiif maqaanshee akka hin ibsamne gaafatteefi biyya Awurooppaa keessa jiraattu haatiifi abbaanshee ishee gaafachuuf gara biyya isheen jiraattu deemuuf viizaa bahumsaa gaafatanii haatiishee yoo hayyamamuuf abbaanshee miseensa raayyaa duraanii kan turan ammoo viizaa dhorkamu BBC Tigirnyaatti himte.

Ajajni mootummaa Ertiraa bulchiinsota naannootiin hojiirra oolfamaa jiru kun dhiirota qofaa osoo hin taanee dubartootas kan ilaallatu waan ta'eef jiraattoota irratti sodaa uumuu lammiileen biyyattii BBCn dubbise ibsan.

Gandoonni magaalaa guddoo Asmaraa keessatti argaman ''haala yeroo ibsuudhaaf'' jechuudhaan walgahiiwwan jiraattoota hirmaachise irratti ''dubartoonnis'' gara leenjii waraanaa seenuu akka danda'an odeeffannoo agarsiisan kennamu jiraattoonni dubbataniiru.

Waamicha miseensoota waraanaa kanaan dubartoota hin herumiiniifi kanneen ijoollee qaban dabalatee gara kutaa waraanaa duraan keessa turaniitti akka deebii'aniif kan ajajame yoo ta'u, miseensoonni tajaajila waraanaa dirqii Ertiraa keessatti gaggeeffamu dhokachuun jiranis addabbii malee akka deebii'aniif akka murtaa'e ibsameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akkasumas kanneen yakka cimaa raawwataniin alatti miseensoonni raayyaa sababii fi badii garaa garaatiin mana hidhaatti argamanis gadhiifamuudhaan haaluma waamicha kanaatiin gara kutaalee waraanaa isaaniitti akka deebii'an taasifamaa jiraachuu maddeen Ertiraatti argaman BBCtti himaniiru.

Waamichi miseensoota waraanaa duraanii mootummaa Ertiraa dabarseefi amma karaa bulchiinsoota naannooleettiin hojjiirra oolfamaa jiru kun, miseensoonni kunneen gara kutaa isaaniitti akka deebii'an kan ajaju yoo ta'u, lammiileen biyyattii dameelee adda addaa irratti hirmaatan ammoo biyyaa yoo bahan to'annoon cimaan akka taasifamu ajajameera.

Kanaan dura lammileen Ertiraa biyyaa yoo bahan haaldureewwan guutuu qaban guutuu fi hayyama mootummaa argachuun dirqama kan ture yoo ta'u, amma garuu caalaa cimfamu jiraattoonni BBCtti himan.

Hojjattoonni mootummaa umuriinsaanii waggaa 70 gadi ta'an akkasumas miseensoonni waraanaa duraanii umuriinsaanii waggaa 60 gadi ta'an wayita biyyaa bahuuf barbaadaniitti dursaanii waajjira Raayyaa Ummata biyyattii irraa xalayaa deeggarsaa argachuu qabaatu.

Ertiraa keessatti dubartoonni baayyeen shaqata biyyoota akka Itoophiyaa, Tarkii fi Arab Imireetsi irraa bituudhaan biyya keessatti gurguru irratti hirmaataniiru.

Ajajni amma mootummaadhaan bahe dubartootas hammachuusaatiin kanneen hojii akkasii irratti hirmaachuun maatiisanii bulchatanii yaaddoo uumuu jiraattoonni BBC dubbise ibsan.

Qajeelfamni kun cimuufi hojiirra oolfamuu eegaluusaatiin wal qabate dubartoonni biyyoota garaa garaatti imaluudhaan hojii daldalaa raawwatan erga tikeettii xiyyaaraa hin kutatiin booda biyyaa bahu akka hin dandeenye itti himameera.

Mootummaan Ertiraa miseensota waraanaa duraanii akka gara waraanaatti deebii'aniif waamiicha haaraa kan taasisee fi kaan ammoo biyyaa akka hin baaneef to'annoo cimaa taasisuun kan dhagahame tibba walitti dhufeenyi Itoophiyaa waliin qaban laaffachuun dhagahameetti.

Torban kanattis Pirezidantiin Itoophiyaa duraanii Dr Mulaatu Tashoomaan barreeffama toora Al-jizeeraa irratti barreessaniin, Ertiraan qaxanicha keessatti walitti bu'iinsa marsaa biraa umuu dandeessi jechuun himatanii ture.

Barreeffama Dr Mulaatuu kanaaf deebii kan kennan Ministirri Beeksiisa Ertiraa Obbo yemaana Gabramasqal himannaa kana haaluudhaan fallaa isaa maddi rakkoo qaxanichaa Itoophiyaadha jechuun himatan.

Sarara diimaa

Odeessa akkanaa biroof BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.