Lafti Kolombiyaa omisha Kookeeniin qabame dabalaa dhufeera

qonnaan bulaa Kookeenii qophaa'e harkatti qabate,Fulbaana 25 bara 2017

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kookeeniin gatii $2.7bn baasu oomishameera

Oomishni baala sammuu namaa adoochuu Kookeenii jedhamuu bara 2017 Kolombiyaatti rikeerdii guddaarra gahe.

Dhaabbata Mootummota Gamtoomanitti,Biiroon dhimma Qorichootaa fi Yakkaa oomishni Kookeenii waggarraa gara waggaatti 31%dhaan dabala jira jedha.

Akka gabaasichatti rikkerdii guddaa irra kan gahe bara 2017 A.L.Atti ture.

Gabaasichi oomishni kun ijaarsa nageenyaa Kolombiyaatti jalqabame gufachiisuu danda'a jedha.

Adunyarraa Kolombiyaan oomisha Kookeeniidhaan tokkoffaa taatus irra caalaan isaa garuu kan gurguramu Ameerikaattidha.

Ameerikaan adunyaarraa biyya Kookeenii fayyadamuun sadarkaa jalqabaa irratti argamti.

Ministirri Haqaa Kolombiyaa Maariyaa Booreeroo Restereepoo, oomishni Kookeenii kun sadarkaa yaaddessaarra gaheera jedhe.

Oomishni Kookeenii kan bara 2016 irraa lafa hektaara kuma 25 irratti dabalataan babal'ateera.

bara 2017 ammoo isa bara 2016 ture irraa lafti Kookeeniin irratti oomishamu 17%'n dabaleera.

kun rikkeerdii haaraa oomisha Kookeenii keessatti galmaa'e yoo tahu waggaatti gara toonii 1400tti ol guddiseera.

Oomisha Kookeenii kana irraa gabaa biyya keessaa irraa qofa galiin $2.7bln tahu argama .

Kolombiyaa naannoon garba Paasfik oomisha kanaan akka malee beekama dhufeera akka gabaasa bahe kanaatti.

Naannoon Naariinoo jedhamtu fi Ikkuwaador waliin wal daangessitu lafa guutummaatti Peeruu keessatti oomishamu caalaa oomisha Kookeenii kanaan beekamti.

Kolombiyaan waggota dheeraaf oomisha Kookeenii kana xiqqeessuf hojjechaa turtus amma garuu gara rikkeerdii haaraatti c'eera.

Ameerikaan oomishichi akka xiqqaatuuf mootummaa Kolombiyaaf akka deegarsaatti wagga waggaatti $400mln kennaafii turte.

Bara darbe qofa illee Kolombiyaan qonnaan bultoota oomisha Kookeenii dhaabanii gara oomisha midhaan biraatti galuuf walii galaniif beenyaa kaffaluuf Dhaabbata Mootummota Gamtooman waliin $300mln walii mallatteessaniiru.

Pirezedaantii haaraan Ivaan Duukoo mootummaan labsii haaraa waggota afur keessatti oomisha Kookeenii kana xiqqeessuu danda'u ni baasa jedhee ture.

Haaluma kanaan Dhiyoo kana baala Kookeeniin qophaa'urratti qoricha farra aramaa xiyyaara nama maleessaan akka biifamu taasisus bal'inaan tarkaanfichi qeeqameera.

Kolombiyaatti gareen finciltoota bara darbe mootummaa waliin waggota 50 booda waliigaltee nageenyaa mallatteesse [Farc] daldala Kookeeniin beekama.

Tahus waliigalticha boodas daldalli Kookeenii isa eegameen ol dabalaa jira.