Deeggartoonni Tiraamp daangaa Meeksikoo fi US irratti dallaa ijaaruu eegalan

Fulaa ijaarsaa

Madda suuraa, Facebook, courtesy We Build the Wall

Ibsa waa'ee suuraa, Dallaa daangaa US fi Meeksikoo gubbaarratti ijaaramaa jiru

Gareen deggertoota Pirezidaanti Doonaaldi Tiraamp daangaa Yuunaayitid Isteetis fi Meeksikoo irratti dallaa ijaaruu eegalan.

Godaantonni seeraan ala gara US akka hin seenne ittisuuf jecha Pirezidaanti Tiraampiin kan karoorfame dallaan kun madda falmii ta'ee tureera.

Gareen pirezidaanticha deggeran garuu akka dallaan kun ijaaramuuf hedduu ifaajaa turan, yeroo ammaa maallaqa walitti guura,maa tureen ijaarsa jalqabaniiru.

Qondaalli waraanaa US duraanii Brian Kolfage wayita meeshaaleen ijaarsaa gara iddoo ijaarsaatti fe'aman akkasumas wayita ijaarsi geggeeffamu suuraa fi viidiyoodhaan tuwiitarii isaaniirratti maxxansaniiru.

Namni kun akka jedhutti maallaqa inni walitti qabe doola miiliyoona 22'n dallaan kun ijaaramuu eegaleera.

Murteen maallaqa walitti qabuun dallaa kana ijaaruu kan irra ga'ame erga Kongireesiin Ameerkaa maallaqa Pirezidaanti Tiraampi gaafatan dhorkeeti.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Presentational white space

Seenaa addunyaa keessatti yeroo jalqabaaf gareedhaan maallaqa walitti qabanii biyyoota lama gidduutti dallaa ijaaruutti kan boonan qondaalli humna qilleensaa US duraanii Aab Kolfage, ''Har'a seenaa hojjenneerra'' jechuun tuwiitarii isaaniirratti barreessan.

Muddee darberraa eegalanii dallaa ijaaruuf jecha duula maallaqa walitti qabaa kan turan qondaalli kun yeroo ammaa dhaabbata tola ooltummaa 'WeBuildtheWall' jedhamuun ijaarsisaa jiraachuu ibsaniiru.

Duraan tarsimoo biyyattii baasuudhaan tajaajilaa kan turan qondaalli Waayit Haawus Steve Bannon ammoo dura taa'aa dhaabbata kanaati.

Maallaqa ijaarsa dallaaf oolu kana mata duree ''Nuti uummanni ijaarsa dallichaaf ni tumsina'' jedhuun walitti qabaa akka turanis dubbatu.

Dallaan uummataan ijaaramu kun dallaa duraan ture kiilomeetira 34 kan walquunnamsiisuudha.

Brian Kolfage fi waahillan isaa tuwiitarii irratti

Madda suuraa, Twitter, courtesy Brian Kolfage

Ibsa waa'ee suuraa, Brian Kolfage fi waahillan isaa tuwiitarii irratti

Deggeraa Tiraamp kan ta'an Jeff Allen dallaan ijaaramaa jiru garri caalu lafa isaan qooda keessaa qaban irra bu'uu dubbatan.

Aab Allen wayita AFP'tti dubbatan:''Kun akkaataa jechama Ameerkaati. Warri Kongiresii bu'aa hin qabdan. Nuti falmachaa jirra. Dallaa kana ofii keenyaan ni ijaarra. Kun Awurooppaa miti. Kun Ameerkaadha. Daangaa keenya eeggachuu itti beekna.'' jedhan.

Dubartii Meeksikoo fuudhanii maatii horatanii akka jiran kan dubbatan qondaalli kun''Nuti jibbbiinsa godaantotaaf osoo hin taane mirga keenya kabachiifachuuf, daangaa keenya eegsifachuuf waan hojjetaa jirruudha'' jedhan.

Fulaa ijaarsaa

Madda suuraa, Facebook, courtesy We Build the Wall

Ibsa waa'ee suuraa, Dhaabbati 'We Build the Wall' suuraa ijaarsaa isa jalqabaa gadi dhiise