Traamp dhimma dallaa daangaa Meeksikoorratti labsii biyyaalessaa yeroo balaa labsuufi

Doonaald Traamp

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Duula na filadhaa traamp keessatti dallaa ijaaruun waada isa guddaa ture

Pireezidantiin US Doonaald Traamp dhimma dallaa daangaa Meeksikoorratti labsii biyyaalessaa yeroo balaa labsuufi jedhe Waayit Haawuus.

Sagantaa cufiinsa dhaabbilee mootummaa hambisu 'border security' jedhamu kan mallatteessan ta'uus Kongireesii bira darbuun Faandii waraanaa kan isaan 'military funds' jedhaniin fayyadamuun dallicha ni ijaarus jedha ibsichi.

Duula na filadhaa Traamp keessatti dallaa ijaaruun waadaa ijoo ture.

Haga ammaatti garuu maallaqa waada isaanii raawwachuuf isaan barbaachisu argachuu hin dandeenye.

Kamisa darbe Kongireesiin cufiinsa dhaabbile mootummaa hambisuuf jechaa sagantaa Traampiif qarshii haga ta'e hayyamu raggaaseera.

Sagantaan sun seera ta'ee hojiirra ooluuf Traampiin mallatteefamuu qaba.

Waayit Haawus ibsa isaa keessatti Tiraamp waadaa dallaa ijaaruuf gale raawwachuutti jira jedheera.

Dubbii himtuun mootummaa Ameerikaa Saaraa Saandeers ''Traamp labsii yeroo balaa dabalatee murteewwaan kaaniis yaaddoo nageenya biyyaalessaa fi gaaga'ama namoomaa naannoo daangaa jiru dhaabuuf raawwachuu danda'u'' jedhan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Sagantaa nageenya daangaa jedhameef maalaqni ramadame doolaara biiliyoona 1.3 ta'uufi maallaqni Traamp ijaarsa dallaaf fedhan doolaara biiliyoona 5.7 akka ta'ees himaniiru.

Traamp maallaqa barabaadan argachuuf labsii biyyaalessaa yeroo balaa labsuu malu jedhuun erga dhagaahamee mormiiwwan gurguddoon irratti ka'aa jiru.

Keessumaa Demokraatotni gameeyyiin ''aangootti hangaa ol fayyadamuufi gocha seera hin bu'uureffanne'' jechuun komachaa jiru.

Sagantaa nageenya daangaa 'boarder security' kongireesii fi seenetii biyyattiin sagalee caalmaa argachuuni kan ragga'e.

Dimookraatootni labsiin Traamp labsuuf jedhan kun aangootti hangaa ol fayyadamuu ta'uusaan dabalataan waada dallaa ijaaramuuf baasii barbaachisu Meksikootu danda'a jedhanii tures kan cabseedha jedhu.

Marii lammiilee biyyatti fi mootummaa Ameerikaan alatti baasii guddaan dallaa ijaaruuf duulli amma gaggeessaa jiran sirrii mitis jedhu.

Kongireesiin aangoo heeran kennameefitti fayyadame yaada kana duara akka dhaabatus dhaaman.

Labsiin yeroo balaa biyyaalessaa maali?

Labsiin yeroo balaa wayita balaa hamaan dhalatu labsii labsamuudha. Haala amma jiruun garuu baqattoota daangaa US-Meeksikoo gahaa jiraniin balaan dhalacha jira jedhu Traamp.

ogeessonni siyaasa labsii kana labsuun Traamp adeemsa seera cabsuun fedha isaanii akka raawwatan carra kennaaf jedhu

Maallaqa waraanaa ykn bajata bayyanachiisa balaaf ramadame naannessuun dallaa ittiin ijaaruu malus jedhu.