Netaaniyaahuun pireezidantii Libaanos waliin wal-arguufi - Qondaala Israa'el

Madda suuraa, Reuters
Ministarri Mummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuu Pireezidantii Libaanoos Jooseef Oowuun waliin wal arguuf tahuu miseensi kaabinee nagneenyaa Gaaliyaa Gaamli'eel miidiyaa Israa'el 'Army Radio' jedhamutti dubbate.
Kunis erga Pireezidanti Donaaldi Tiraamp miidiyaa hawaasaa 'Truth Social' irratti Roobii galgala hogganoonni Libaanosiifi Israa'el 'bor' wal argu jechuun dubbataniin booda dhagahame jedhe.
Gaafa Kamisaa qondaalli waajira pireezidantii Libaanos wal-argaa kana quba akka hin qabne himee ture.
Amma garuu mariin kuni waa mirkanaa tahuu hubachuun danda'ameera.


