Kantiibaan Musliimni paartiisaatiin ala maaliif Tiraamp deeggaraa jira?

Madda suuraa, Facebook Ghalib
Magaalota U.S. gara 20,000 ta’an keessaa kantiibaa Musliimaa kan qaban muraasa qofaadha. Isaan keessaa tokko kantiibaa magaalaa xiqqoo Michigan kan filannoo pirezidaantummaa dhufu irratti, paartiisaaniin ala Doonaald Tiraampiin deeggaraa jirudha.
Bu’aan qorannoo dursaa Michigan irraa argame akka agarsiisutti, Araboonni-Ameerikaa kutaa biyyattii keessa jiran hedduun morkattuu isaa cimtuu kan taate Kaamlaa Haaris caalaa Tiraamp deeggaru. Michigan kutaalee ijoo torba bu’aa filannoo US baraa murteessan keessaa tokko ta’uu beekuun caalaatti hiika qaba.
Kantiibaa Muslimoota muraasa U.S. keessa jiran keessaa tokko kanta’e, Amer Ghaaliib, Yaman keessatti kan dhalate yoo ta’u, wayita umuriinsaa waggaa kudha torbaa ta’u gara Ameerikaatti godaane.
Amma gara waggaa lamaaf kantiibaa magaalaa Hamtramck kan naannoo Detroit jiru ta'un tajaajilaa jira. Innis Tiraamp nama ''ejjannoo'' qabuu fi ''yeroo murteessaa'' fuuldura jiraniif filannoo hundarra caalaa gaarii ta'uu amana.

Madda suuraa, Getty Images
Kantiibaa kaadhimamaa paartiisaatiin alaa deeggaru
Kantiibaa Ameer Ghaaliib, miseensi paartii Dimokiraatiiti. Garuu, kaadhidhamamaa Riippablikaanii deeggaruudhaan viidiyoowwan lama fuula Facebook isaa irratti maxxanse. Viidiyoon tokkoo Afaan Arabaatiin yoo ta’u, inni lammaaffaa Afaan Ingliziitiin. Viidiyoo kana keessattis waa’ee duula filannoo Miichiigan irratti Tiraampiin wal arguu dubbata.
Tibba walgahii sanaattis, pirezidantiin duraan Tiraamp gaaffiiwwan Ghaaliib dhimma Muslimootaa irratti qabu dhaggeeffachuun, galmi imaammata alaasaa ‘‘Baha Jidduugalaafi eessattuu walitti bu’iinsa dhaabuudha’’ jedhan. Akkasumas Tiraampi addunyaarratti eessattuu waraana eegaluuf karoora akka hin qabne cimsuun dubbatan.
Ghaalib hordooftoota Facebook isaatiin, gara wagga tokkootiif kan barbaadaa turres kanuma, dhukaasa dhaabuu,’’ jedha yeroo waraanni Israa’eliifi Filisxeemoota Gaazaa jidduutti eegalamee yaadachuun.
"Garuu kan nu dhagahees ta’e, waraanni akka dhaabbatuuf kan yaalee hin jiru’’ jechuun, miseensoonni paartii isaa baatii 11 darban keessa, aangoo Waayiiti Hawuus keessattii fi Seeneetii keessatti qabaniitti fayyadamuun dabalataan dhiigni Baha Jidduugalaa keessatti akka hin dhangalaaneef gochuu dadhabuutti qeeqeera.
Akka Kantiibaa kanaatti, Dimokiraatonni akka Musilimoota Ameerkaa keessaa dhaggeeffatan itti fakkeessuulleen hin barbaadan. Kanaan dura yeroo Joo Baayidan Michigaan dowwatanii turanitti Ghaaliib daqiiqaa muraasaaf waliin dubbatee ture.
Haata’u malee Tiraamp garuu gara daqiiqaa 20’f isa waliin erga mari’ateen booda, ummatatti akka dubbatuuf gara waltajjiitti isa affeered.
Isaan boodas, filannoo irratti deeggarsa isaatiif gaafateen. Ghaaliib yoo Tiraampiin akka deeggaruu ibsuttis, Pirezidantiin duraanis gammaduun beekkamtii isaa fudhatan. Sirummayyuu Tiraamp af-gaaffii marsariitii warra right-winf "Breitbart" jedhamurratti deeggartootasaa haaraa galateffachuun, duulla filannootiif magaalaa saanii doowwachuu akka barbaadu dubbate.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Filannoo U.S. keessatti kaadhimamaa tokko sagalee kolleejjii filannoo (electotal college) harka caalu argachuudhaan injifata. Tokkoon tokkoon kutaalee shantamaa fi Waashingitan D.C., sagalee filannoo lakkoofsa murtaa’e kan qaban yoo ta’an, innis irra caalaa baay’ina ummataarratti hundaa’a. Isteetiiwwan hedduunis sagaleesaanii hunda kaadhimamaa achitti sagalee ummataa argachuun injifateef kennu.
Bu’aan Washington, D.C. fi Isteetiiwwan 43 akka waliigalaatti tilmaamamuun ni danda’ama, garuu bu’aan Michigan dabalatee kutaalee torba keessatti argamu kan mirkanaa’e miti. Michigaan bara 2016 Tiraampiif, bara 2020tti ammoo Joo Baayideniif sagalee kennite. Qorannoon gaggeeffaman akka agarsiisutti, kaadhimamtoonni lamaan kutaalee ijoo kanneen keessatti carraa qabu.
Sagaleen akka agarsiisuutti Kaamlaa Haaris, kaadhimamtuun Pirezidantii paartii Dimokiraatii, Miichigaan keessatti dorgomaashee parsantaa tokko ykn lamaan dursaa jirti.
Haata’u malee, sababii kaadhimamtoonni lamaanu duula isaanii keessatti Michigaaniif xiyyeeffannaa guddaa kennaniif, garaagarummaan dhiphaan sagalee kanaatiin akka waan dorgommiin kun xumurametti ilaaluuf gahaa miti.

Madda suuraa, Getty Images
UStti paartiileen Dimokraasiifi Riippablikiitiin alaa attamiin ilaalamuu?
Jiil Isteen, filannoo bara kanaa keessatti kaadhimamtuun Paartii Magariisaati. Bara 2016ttis yeroo Hilaarii Kilintan, kaadhimamtuun paartii Dimookiraatotaa mo’amte, garuu mo’amuushee gartokkoo Isteen ittiin komatte, filannoof dorgomtee turte. Isteen deeggarsa bal'aa waan hin qabneef, maqaanshee waraqaa filannoo irratti kan mul'ate Michigan dabalatee Isteetiiwwan muraasa keessatti qofa ture.
Kaadhimamaa paartii Dimookiraasii ykn Rippabilikaaniin ala ta’an kamuu, hammam yoo ta’an iyyuu, kaadhimamaa "paartii sadaffaa" jedhamuun kan beekamu yoo ta'u, kamiinsaanituu "paartii afraffaa" hin jedhaman.
Jiraachunsaanii US keessatti paartilee gurguddoo lamaaf gaarii miti. Kaadhimamtoonni kunneenis mo’achuuf carraa gadaanaa kan qaban yoo ta’u, kaadhimamaa paartii gurguddoo jalaa sagalee fudhachuun, al-kallattiidhaan morkataa gargaaru.
Fakkeenyaaf, yoo maammanni naannoo kaadhimamaa Paartii Magariisaa hanga ta’een kan Paartii Dimookiraasii wajjin kan walsimu ta‘e, filattoonni waa’ee naannoo yaaddoo qaban Dimookiraatota dhiisanii Paartii Magariisaa filachuu danda’u.
Amma Muslimoonni Michigan Kaamalaa Haaris caalaa Jiil Iseen akka filatan mul'ata. Akka qorannoo dhiheenya kana Mana Maree Hariiroo Ameerikaa fi Islaamummaa Michigan gaggeessetti, Muslimoonni %40 Isteen, %18 Tiraamp, %12 ammoo Haaris filachuuf yaada qabu.
Haaris ammatti ittaanaa pirezidaantii ta’unsheefi sababii imaammata bulchiinsa jiru walqabattuuf, warri mootummaatti hin gammanne kaadhimamaa biraa deeggaruun isaanii waanuma jirudha.
Isteen dorgommii keessa waan jiruuf ammoo sagalee Haaris irraa fudhata. Kantiibaan Hamtramck deeggarsi Tiraampiif taasisan sagalee Muslimoota Michigan irratti dhiibbaa qabaachuunsaa kann ilaallu ta’a. Ammaaf garuu dorgommiin kun Isteen fi Tiraamp gidduutti waan ta'e fakkaata. Kunis Haaris walqixxummaa keessatti haftee jirti.

Madda suuraa, Getty Images
Kaamlaan maaliif filattoota Muslimtotaa hawwachuuf hin yaallee?
Musliimonni yeroo Tiraamp pirezidaantii tureetti imammaatasaatti gammadaniitii kan amma isaafi ykn Jiil Isteeniif sagalee kannuudhaan injifatamu Haariis’f gumaachaa jiran?
Qorannoon Pew jalqaba bara kanaatti gaggeeffame akka agarsiisutti, Musliimonni Ameerikaa %64 Tiraampiin hin jaallatan. Kanaafuu, gareen Musilimaa kun amma maaliif sagalee Haaris hir’isuun, kallattiin Tiraampiif ykn al-kallattiin Isteen’f sagalee kennuuf filatan?
Yunivarsiitii Trinity San Antonio, Texas keessatti piroofeesara hariiroo idil-addunyaa fi saayinsii siyaasaa kan ta’an Suzaan Siyaavoshi, filattota Arabaa fi Muslimoota muraasaaf dhimmi waraana Gaazaa murteessaa ta’uu ibsiti.
Tiraamp deeggaruun rakkoon Muslimoota addunyaa yeroo gabaabaa keessatti hammeessuu danda'a jedhanii amanu danda'u, garuu galmisaanii kan yeroo dheeraati: "Filannoo U.S. dhufaa keessatti, keessumaa Paartii Dimookiraatotaa kan yeroo baayyee dhimma bicummaa amantii, sanyii fi saala simatu keessatti, sagaleesaanii akka dhaga'amu barbaadu."
Ji'a tokkoon dura, yaa’ii filannoo Paartii Dimookiraatii guyyoota afur irratti namoonni adda addaa haasaa taasisanii ture. Haata’u malee, bakka bu’oonni Arabaa Ameerikaanota ta'an, deeggartoonni Filisxeemotaa gaafatanillee akka dubbataniif hin affeeramne.
Sagaleen mormii gareewwan kanaa yoo Haaris Michigan keessatti mo'amuuf sababa ta'e, paartileen biroo hubannoo akka fudhatanii "dhaloota tokko ykn lamaan booda," garee sagalee kennuu kanaaf xiyyeeffannaa akka kennan amanu Prof. Siyaavoshi.
Siyaavoshi itti dabaluudhaan, duula filannoo Haaris akka kantiibaan Hamtramck Tiraamp deeggaruu fi kanneen Isteen filachuuf karoorfatan beekuu hin oolu. Haata’u malee, kanneen Israa’el deeggaruuf murteessoo ta’an, filattota Yihudootaa fi amantoota wangeelaaf dursa kenna.
Tiraamp dhiheenya kanas sagantaa koree dhimma ummataa Ameerikaa-Israa’el (AIPAC) irratti haasaa taasisuun sagalee akka isa filatan gaafateera.












