Duula filannoo US: Eenyutu dursaa jiraa - Haariis moo Tiraamp?

Ameerikaanoti filattoonni pirezidaantii isaanii ittaanu filachuuf Sadaasa 5 gara filannootti imalu.
Dulli filannoo kunis jalqaba irratti bara 2020 Doonaald Tiraampii fi Joo Baayidan jidduutti gaggeeffamee kan ture yoo ta'u, tibbanas irra deebiin hanga tokkoo falmii eegalanii turan.
Haata'u malee jidduutti, ji’a Adooleessaa keessa Pirezidaanti Joo Baayidan duula filannoo isaanii dhaabuun, ittaantuu pirezidaantii Kaamalaa Haaris raggaasisuu ibsan.
Gaaffii inni guddaan amma jiru ammoo- Ameerikaan pirezidaantii dubartii jalqabaa argattii moo Doonaald Tiraamp'tu marsaa lammaffaa filatti? kan jedhuudha.
Ammuma guyyaan filannoo dhihaatu, adeemsicha hordofuun duulli dorgommii kun Waayit Haawus irratti dhiibbaa akkamii akka qabaatu kan ilaallu ta'a.
Filanniicha eenyutuu dursaa jira?
Kaamalaa Haaris erga dhuma baatii Adoolessaa dorgommii kana seentee as, giddugalaan filannoo biyyaalessaa irratti Tiraamp dursaa jirti.
Akkuma chaartii armaan gadii irratti mul’atutti, lakkoofsi yeroo dhiyoo lakkoofsa guutuu itti dhiyaate jirutti naanneffame.
Haaluma kanaanis Kaamalaa hariis %48 yoo taatu, Doonaald Tiraamp ammpp %46 irratti argamu.
Falmii TV kallattii Fulbaana 10 Peenselvaaniyaatti gaggeffameen kaadhimamtoonni lamaanu kokkee walii qabachuun, falmiinsaanii ummata miiliyoona 67 ilaalamee ture.
Kenniinsa sagalee (polls) biyyaalessaa torban tokkoon booda gaggeeffame harki caalaan ga’umsi Haarais bu’aa xixiqqoo muraasa akka argattushee gargaareera. Qabxiin ittin durstus, guyyaa falmichaa qabxii dhibbeentaa 2.5 irraa kan ture torban tokkoon ol booda gara qabxii 3.3tti ol guddate.
Ammi garaa garummaa isaanii jiruutis irra caalaa gara lakkoofsa Tiraampiin yaadaniitti gadi bu’e. Giddugaleessaan falmiin dura ol ka'aa kan ture yoo ta'u, garuu torban booda walakkaa dhibbeentaa gadi bu'e.
Jijjiiramoota xixiqqoo kanneen chaartii hordoffii filannoo armaan gadii keessatti arguu dandeessu. Sararrriiwwan adeemsaa akkaataa giddugaleessi itti jijjiirame agarsiisuu fi tuqaaleen ammoo bu'aa sagalee dhuunfaa tokkoo tokkoo kaadhimamaa agarsiisan.
Kenniinsi sagalee biyyaalessaa kun akka waliigalaatti kaadhimamaa tokko guutuu biyyattii keessatti hangam akka jaallatamu baruuf agarsiiftuu faayidaa qabu ta'us, haata'u malee bu'aa filannoo isa dhumaa tilmaamuuf sirrii ta'uu dhiisuu danda'a.
Sababnisaas US sirna filannoo elektoraal kolleejjiitti, kan tokkoon tokkoon Isteetii haaluma baayyina umataatiin tilmaamamuun baayyinis sagalee kennamuutti fayyadamti.
Walumaagalattis, sagalee elektiraal kolleejjii 538 dhiyaata. Kana keesaayis kaadhimamaa tokko injifachuuf 270 guutuu qaba.
US keessatti isteetiiwwan 50 ta’utu jira, garuu sababii baayyeen isaanii haala yeroo hunda jedhamuun paartii tokkoof sagalee waan kennaniif, dhugaattis carraan kaadhimamaa lamaanuu mo’achuuf qaban muraasa qofadha.
Bakkeewwan filannoon kun itti injifatamuu fi mo’amuu fi isteetiiwwan lafa falmii cimaa (battleground states ykn swing states) jedhamuun beekamu.
Isteetii falmii cimaa (swing state) irratti eenyutu injifataa jira?
Yeroo ammaa kanaattis, filannoo kana irratti isteetiiwwan filamii cimaa (vattlegroungs) jedhaman torba sagaleen kaadhamamtootaa baayyeen kan walitti dhuyaatuudha ykn qabxiin dhibbeentaa tokko ykn lama qofatu kaadhimamaa addaan baasa.
Sunis Pensilvaaniyaa bakka burteessaa kan isteetiiwwan torban keessaa filattoota elektoraalii olaanaa kan qabdu dabalata. Kanaaf kaadhidhamamtoota injifachuuf sagalee isaan barbaachisu 270 akka salphaatti akka gahan taasisa.
Erga Haaris kaadhimamtuu paartii Dimookiraatotaa taateen as, dorgommiin kun akkamitti akka jijjiirame kan agarsiisu yoo ta’u, guyyaa Baayiden dorgommii keessaa adda kutanii bahaniitti giddu galeessaan Tiraampiin isteetiiwwan torban kana keessatti gara dhibbeentaa shaniin duubatti hafaa turan.












