Filannoo US 2024 dhiyaachaa jiru keessatti hirmaannaa dhalattoota Itoophiyaa

Kaadhimamtoota pirezidantii US kan bara 2024

Madda suuraa, Getty Images

Sadaasa 5, 2024 guyyaa itti lammiileen Ameerikaa pirezidantii isaanii kan waggoota ittaanan afuriif biyyasaanii hogganuu itti filatanidha.

Hanga gaafa Waxabajji 27'tti dorgommiin pirezidantummaa Ameerikaa baranaa kaadhimamtoota bara 2020 wal dorgomaniifi pirezidantii US ammaa Joo Baayidan fi kan duraanii, Donaald Tiraamp gidduutti jedhamee ture.

Kanaaf, gara jalqabaa filannoo jaarrolee gidduutti gaggeeffamu jedhamee qeeqamaa ture. Saababiin isaas maanguddoota jaaran (raagan) lama gidduutti waan yaadamee tureefidha.

Pirezidant Joo Baayidan maanguddoo waggaa 80 keessa jiran yoo ta’an, Doonaald Tiraamp ammoo 80 seenuuf jedhu.

Joo Baayidan sababa umuriinsaanii deemeeruuf ga’umsa isaaniirratti gaaffii kaasuun dhiibbaa warri Dimokiraatotaa irratti godhaniif erga jilbeeffatanii booda haalli jiru jijjiirameera.

Baayidan ofiin dorgomiicha keessaa bahuun itti-aantuusaanii, Kaamlaa Haarisiin kaadhimamtuu Dimokiraatotaa akka taatuuf eebbisan.

Ragaan yaada ummataa guyyuun sassaabamu akka agarsiisutti, Kaamalaa Haaris bakka pirezidant Joo Baayidan buutee kaadhimamtuu ta’uusheen dura, Tiraamp dursaa ture. Guyyaa sanaa booda garuu Kaamalaan caalmaa agarsiisaa jirti.

Adeemsa filannoo bara kanaa waliigalaarratti dhalattoota Itoophiyaa Ameerikaa jiraatan dubbifneera.

'Dhaloonni haaraan waan haaraa hin argannu jechaa ture'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Obbo Kadiroo Elemoo dhalataa Itoophiyaa Mineessotaa jiraatanidha. Siyaasaafi filannoo Ameerikaa itti dhiyeenyaan hordofu.

“Jaarrolee (Tiraampiifi Baayidan) walitti fida jedhamee waan tureef namni hedduun filannoo dullootaati. Filannoo isa darberrattis jarri kunneen wal dorgomanii waan turaniif namoonni, keessumaa dhaloonni reefuu waan haaraa hin argannu jechaa turan'' jedhan.

''Dargaggoonni dorgommiin jaarrolee kanneen lamaan gidduutti taasifamu nu hin hawwatu, waan haaraa dhaga’uuf hin deemnu jedhanii namuu hamilee dhabee hordofaa hin turre,” jedhu Obbo Kadiroo Elemoo.

Ji’a tokkoon dura Piezidant Joo Baayidan filannoo kessaa ba’anii bakka isaanii Kaamalaa Haariis dorgomuuf eegallaan haalli filannoo biyyatti guutummaan guutuutti akka jijjiirame dubbatu.

“Duraan namni hamilee dhabee hordofaa hin turre; erga Kaamalaa Haaris dorgomuudhaaf fuulduratti baatee kaasee filannoon kun guutummaan guutuutti jijjiiramee jira. Keessatti warri filannoo maanguddootaa hin barbaadnu, filannoon kan bara 2020 akka irra deebiyu hin bardnu jedhan fuula haaraa, nama haaraa, humna haaraa, dammaqinsa haaraa, sochii haaraa arganii jiran.”

Barruleen bebbeekamoo akka ‘The Economist, The New York Time, The Washington Post’ fi miidiyaaleen US kaan guyyaa guyyaan qoratanii kaadhimamaa isa kamitu fudhatamnisaa dabalaa jira jedhu madaalu.

Akkaataa kanaan akkuma Obbo Kadiroon jedhan, yaada ummanni filannoorratti qabu [Election Polling] barruleefi miidiyaaleen walitti qaban guyyaa Kaamlaa Haariis Dimokiraatota bakka baatee dorgommii jalqabdee jijjiirameera.

'Doonaald Tiraampiin dursaa jirti'

Kaamlaa Haaris umuriin ishee 59 waan ta’eef dargaggeettiidha, yeroo jalqabaatiifis dubartii pirezidantii ta’uuf deemtudha, sanyiin ammoo abbaan gur’aacha Jamaayikaa, haadhaan ammoo Indiyaadha.

Dubartii ta’uun isheefi sanyii garagaraarraa dhalachuun ishee kun ammoo warra filatan biratti waan jaallatamu ta’uu ibsu Obbo Kadiroon.

Kanaaf, dubatootaaf, warra gur’aachaaf, namoota biyya birootii dhufaniif baayee kan dadammaqsudha waan ta’eef amma filannoon kun bifa addaatiin ilaalamaa jira jedhu.

Umuriifi hidda dhalootaa isaaniin alatti imaammanni kaadhimamtoota pirezidantummaa kunneen lamaan qabatan, keessumaa hawaasa daayaasporaatiif hangam hawwataadha gaaffii jedhuuf BBCn gaafateef akkas jechuun ibsu jiraataan Mineessotaa kun.

Imaammati dhimma biyya keessattis ta’e imaammata dhimma alaa pirezidantii duraaniifi bakka bu’aa Rippablikaanii kan ta’an Doonaald Tiraamp hordofan nami baayyeen hin jaallatu jedhu Obbo Kadiroon.

Tiraamp dorgommii bara 2020 akka mo’amu kan taasise tokko imaammata inni hordofu ta’uu kan ibsu Obbo Kadiroon, maanguddoon kun, ummata Musliimaafi godaantonni akka hin dhufne waan godhuuf imaammanni isaa isa kana duraatiin adda miti jedhu.

Doonaald Tiraamp duula filannoo isaa keessatti Ameerikaan akka saamamte irra deddeebiin kaasu.

Akka inni jedhutti Ameerikaan kan saamamte ammoo karaa tokko godaantotaani jedhanii amanu. Kanaaf, Tiraamp godaantotaafi namoota biyyoota Musliima ta’aniirraa dhufaniif hedduu hawwataa miti jedhu Kadiroon.

Imaammanni Kaamlaa kan Joo Baayidaniin adda miti kan jedhu Obbo Kadiroon, dubbii haraaraafi waliigaltee dubbatti jedhu.

Kana malees, idustirii jajjabeessuun iyyummaa xiqqeessuurratti, hariiroo Ameerikaan biyyoota addunyaa walin qabdus akka sirreessitu dubbatti.

Hunda caalaa ammoo Kaamlaa Haaris mirga dubartootaa irratti dhimmitee akka hojjettu dubbachaa jirti.

Tiraampiifi Kaamalaa

Madda suuraa, Reuters

Akka yaada ummataa filannoorratti walitti qabamaa jiruun Kaamlaa Haariis

Dhalattoonni Itoophiyaa Ameerikaanota ta’aniifi filannoo US 2024 irratti filachuu danda’an miliyoona walakkaa ol ni ta’u jedhamee tilmaamama.

Dhalattoonni Itoophiyaa irra caalaan isteetiiwwan Ameerikaa filannoof murteessoo ta’an ‘swing states’ jedhaman keessatti argamuun isaanii ammoo sagaleen isaanii akkaan barbaachisaa taasisa.

Swing states-isteetiiwwan Ameerikaa bakka paartileen gurguddoo lamaan—Dimokiraatonniifi Rippabilikaanonni deeggartoota walqixa ykn walitti dhiyaatu qabatanidha.

Bakka akkasii kana keessatti dorgommiin ‘kokkee walqabuu’ waan ta’uuf sagaleen tokkollee akkaan murteessituudha.

Isteetiiwwan akkasiis: Pensilveeniyaa, Dalaas-Hawustiin, Siyaatil, Loos Anjeles fi Saan Firaansiiskoo Kaaliforrniyaa fa’i.

Sagaleen dhalattoota Itoophiyaa isteetiiwwan kanneen keessa jiran fedhiifi egeree hawaasa isaaniifi kallattii siyaasa biyyattiirratti dhiibbaa xiqqaa hin taane akka qabaatu amanama.

Filannoon walqabsiisee hawaasni Oromoo biyya sana jiraatu dinagdee Ameerikaa ni ilala, nageenya ni ilala, waa’ee fayyaa ni ilala garuu kanneeiin alatti dhimmi guddaan jira kan jedhu Obbo Kadiroon, yaadaafi imaammata warri Dimokiraatotaa dhiyeessanimoo kan warri Rippabilikaanotaa dhiyeessan wayya jedhee itti dhimmee yaadee filachuu akka qabullee ni dhaama Kadiroon.

“Paartiin kamiyyu fedhiifi gaaffii [hawaasni Oromoofi kaan qaban] harka dhibba keessa dhibba kan deebisu waan hin jirreef, wal bira qabanii ilaaluun filachuu qaba.

Filannoo miillanaa kun filannoo imaammataa qofa osoo hin taane filannoo namoomaa ilaallata.

Isa kamitu namooma qaba, isa kamitu namaaf naasuu qaba, isa kamitu egeree keenyaaf gaariidha kan jedhu gadi qabanii ilaaluu qabu.”

Namni filachuu danda’u dammaqinaan akka hirmaatu kan dhaamu Obbo Kadiroon, mirgaafi egeree ofii tolfachuu qabdan jedha.

Mineesota bakki hawaasni Oromoo bal’aan jiraatu bara kana filannootiif bakka barchiiftuu ta’uu dandeessi jedhamaa akka jiru kan himu Obbo Kadiroon, kanaan dura yeroo Tiraamp gara Mineesotaa dhufetti deeggarsa cimaa argachaa ture.

Erga Kaamlaan filamtee garuu Mineesotaan warra Dimokiraatotaa hawwataa jira.

Akka Obbo Kadiroon ibsanitti, kutaawwan bulchiinsaa 50 Ameerikaan qabdu keessaa 20 ol kan ta’an kan deeggartoota Dimokiraatotaa keessatti caalmaa qabanidha ykn warra cuqquliisaa[blue] ta’anidha.

Akkuma kana ammoo 20 ol warra Rippabilikaanonn keessatti deeggartoota caalaa qaban ykn warra diimaadha.

“Isteetiiwwan torbatu gargara isaan baasa. Isteetiiwwan kunneen ammoo warra akka Mshigaan, Koloraadoo, Pensilveeniyaa, Hohaayoo, Joorjiyaafi Nevaadaa fa’i. Dorgomtoonnis warra kanarratti baayyee xiyyeeffatu.

Isaan kunneen eenyu akka mo‘atu warra murteessanidha. Filannoo Ameerikaa keessatti isaan kun dirree lolaa, dirree qabsoo cimaadha. “Haata’u malee, Mineessotaa keessatti sagaleen kennamu baayyee barbaachisaadha.

Barbaachisaa waan ta’eef ummanni filannoo keessatti dammaqinsaan hirmaachuurra darbee filatamuufillee siyaasarraa baqachuu dhiisee akka itti hirmaatus waamicha taasiseera.

Walumaa galatti, filannoon Ameerikaa 2024 dhalattoonni Itoophiyaa Ameerikaa sagaleen isaanii akka dhaga’amuufi hawaasa isaaniitiif jijjiiramni gaariin akka dhufuuf filannicharratti hirmaachuu qabu.