Koolu galtoonni Afrikaa filannoo Ameerikaa dhufuuf maaf yaadda'an?

Madda suuraa, Getty Images
Lakkoofsi koolu galtoota Afrikaa fi godaantota Ameerikaa keessatti dabalaa jiruuf, filannoon pirezidaantii fuuldura kana gaggeefamu egeree isaanii guutuu jijjiiruu danda’a.
''Nageenyi nuuf mala,'' jedhan Dr. Yaves Kaduli namni ganna 38, Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo irraa koolugaltummaadhan, Ameerikaa jiraata.
Itti dabaluunis gaaffii fi deebii BBC irratti taasisaniin, ''warra godaanan ittisuuf abjuun qaba,'' jedheera.
Dr. Kaduliin bara 2014tti Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo kan waggoota kurnan sadiif waldhabdee keessa jirtu keessatti butamanii erga dararamaa turanii boodaa gara Ameerikatti baqatan.
Hospitaala Sifunzi Kalonge keessatti doktora ta'ee hojjechaa kan ture yoo ta'u, bu'aa walitti bu'iinsichaa itti dhiyeenyaan argeera.
''Dubartoonni gudeedamaniiru. kana argeera. Qaama koo keessatti natti dhaga'ama,'' jechuun BBC'tti himeera.
Dr. Kaduliin miidhaa namoota nagaa mudate kanaan rifachuun, inniifi waahillan isaa hedduun, badhaasa Noobeelii Nageenyaa kan injifate Dr Denis Mukwege dabalatee ajjeechaa fi gudeeddii gareewwan hidhattootaatiin namoota nagaa irratti raawwatame irratti hirmaachuun, mootummaan pirezidaantii yeroo sanaa Jooseef Kaabilaa nageenya ummataa eeguu dhabuu isaaf qeeqan.
Kunis namoota hin beekamneen akka irratti xiyyeeffatamu taasiseera jedha doktorichi.
"Dhufanii, anaa fi miiltoo hojiikoo biraa humnaan fudhan," jechuun kan yaadatu Dr Kaduliin, sana booda gara kaampii naannawa bosona dhiyoo jiru tokkotti geeffamanii reebamanii, dararaa fi du'aan doorsifaman.
Dr. Kaduliin akka jedhanitti, guyyaa tokkoof erga hidhamee dararamee booda miliquu akka qabu murteeffate.
Haadhaa fi ilma isaa xiqqaa dhiisee imala waggaa shanii ta'u eegale, jalqaba biyya ollaa Ruwaandaa keessa darbee, achiis gara Kuubaa, Ikuwaadoor, Nikaraaguwaatti balali'ee dhumarratti bara 2019 daangaa Ameerikaa fi Meeksikoo akka gahe dubbata.

Madda suuraa, Yaves Kaduli
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Yoo xiqqaate ji'a tokkoof daangaa irra ture, dunkaana xixiqqoo keessa haala namummaa hin qabneen jiraanne." Dr Kaduliin akka jedhutti sana booda gara US qaxxaamuree ji'oota 15f hidhamee bahe.
Amma Varjiiniyaa keessa jiraata, ogeessa fayyaa ta'ee hojjechaa, dhimma koolugaltummaa isaa irratti murtii eegaataa jira.
Dr Kaduliin godaantota Afrikaa kumaatamaan lakkaa’aman kan waggaa waggaan imala dheeraa daangaa Ameerikaa fi Meeksikoo ga’uuf taasisan amma lakkoofsa ol ka'aa jiruu keessa nama tokko.
Garuu lammiileen Ameerikaa hedduun filannoo kana keessatti haala godaantotaa irratti yaaddoo olaanaa ta'uu kan eeran yoo ta'u, kaadhimamttootni lamaan dhimma daangaa fi godaansaa irratti tarkaanfii wayii akka fudhatan dhaadachuu hordofee, koolu galtoonni Afrikaa yaaddoo keessa jiru.
''Namoonni siyaasaa sadarkaa keenya yakka godhanii, hawaasa keenya gadi xiqqeessanii waan ilaalaniif namni pirezidaantii ta'uudhaan muudamu egeree keenya murteessuu akka danda'u argina,'' jechuun Dr Kaduliin BBC'tti himu.

Madda suuraa, Getty Images
Bara 2022tti godaantonni Afrikaa gara kuma 13 ta’an daangaa Ameerikaa fi Meeksikoo irratti galmaa’uu isaanii ragaan eegumsa Gumurukaa fi Daangaa Ameerikaa ni mul’isa.
Bara 2023tti lakkoofsi kun dachaa afuriin dabalee 58,000 ta'eera.
Komishinii Olaanaan Baqattootaa UNHCR (UNHCR) bara 2022 irraa eegalee daangaa walfakkaatu irratti biyyoota Afrikaa Dhihaa kanneen akka Senegaal, Mooritaaniyaa fi Giinii irraa iyyanni koolu galtummaa haalaan dabaluu isaa gabaaseera.
Iyyanni koolu galtummaa haaraan lammiilee Senegaal qofa irraa bara 2022tti 773 ture bara 2024tti gara 13,224tti ol guddateera. Biyyoota biroo waliin yoo ilaalamu hanga ta'e tasgabbaa’aa ta’us, ummata Senegaal, harka sadii keessaa tokko ol hiyyummaa keessa jiraata jedha gabaasni Baankiin Addunyaa.
Dargaggoonni Senegaal lakkoofsi isaanii dabalaa dhufe karaa balaa guddaa qabu karaa Meditiraaniyaanii gara Awurooppaatti geessu irra gara Ameerikaatti godaanuu filachaa jiru.
Amma karaa baay’ee jaallatamu karaa miidiyaa hawaasaa, TikTok dabalatee, qoodamu – karaa Nikaraaguwaa viizaa argachuuf ulaagaa guutuu qaban filataa jiru

Madda suuraa, Getty Images
Baatii Fulbaanaa bara 2023 keessa lammiileen Seneegaal 140 ol ta’an gara daangaa Meksikoo fi Ameerikaatti qaxxaamuran gara biyyaatti deebifamaniiru.
Namoonni sababa garaa garaatin gara U.S. dhufu jetti Kathleen Bush-Josef kan dhabbata deeggarsa qorannoo fi bu’uuraaleen deeggaramu keessa hojjatan.
"Namoonni ari'atamaa fi haala diinagdee ijoollee isaanii nyaachisuun rakkisaa ta'e jalaa baqachaa jiraachuu malu."
Osoo eegaa jiranii hayyama hojii argachuu waan danda'aniif koolu galtummaa iyyachuuf onnachiiftoonni jiru, kunis dhuguma namoota jireenya isaanii fooyyessuu barbaadaniif carraa uumuu danda'a," jetti.
Keessattuu godaantota Afrikaatif koolu galtummaa US keessatti milkaa'inaan gaafachuun qormaata guddaadha.
Danqaan afaanii, yeroo dhufan hawaasa dhabuu fi waldhabdee Afrikaa irratti hubannoo dhabuun adeemsa cimaa Afrikaanotaaf daran akka ulfaatu taasisa jedhu Aadde Buush-Jooseef.
''Abbootiin murtii fi abukaatonni yeroo baayyee haalawwan biyyoota Afrikaa tokko tokko keessatti namoonni baqachaa jiran hin beekan,'' jechuun BBCtti himti.
Warra biyyaatti deebifamanis balaa keessa galuu danda'u. Waggaa keessatti Bara 2022tti Human Rights Watch (HRW) gabaasa baaseen koolu galtoonni Kaameeruun kudhanootaan lakkaa’aman daangaa Ameerikaa irraa erga deebi’anii booda hidhamanii, dararamaa fi gudeedamaniiru.
Qorattun HRW Lawuren Seyigbert BBC'tti akka himtetti, "Namoonni gara biyyoota miidhamanii fi buqqa'anii, akkasumas waldhabdee itti fufee jiruu fi dhiittaa mirga namoomaa bal'aa ta'etti deebifamaa jiru, kun ammoo isaaniif balaa guddaadha," jetteetti.

Madda suuraa, Reuters
Dhaabbata koolu galtoota fi baqattoota Afrikaa US keessa jiran deeggaru keessatti hogganaa imaammata federaalaa Nilsi Kinuhaani, duula filannoo irratti naannoo godaansaa irratti dubbiin dubbatame hawaasa isaanii keessatti ''sodaa guddaa'' uumeera.
''Namoonni sodaa qabu. Sagantaan baqattootaa haleellaa jala galuu danda'a jedhamee yaaddoon jira,'' jedhu Mr Kinuani. Dhaabbanni isaa fi kanneen biroon baqattoota Afrikaa ari’atama sodaatan gargaaruuf mala seeraa dabalataa akka qabaatan waamicha dhiyeessaa jiru. Filannoon tokko sadarkaa dhiifama namoomaa, lammiilee biyya alaa rakkoo akka waldhabdee ykn balaa uumamaa keessa jiraniif eegumsa seeraati. Mootummaan Ameerikaa namoota balaadhaaf saaxilaman yeroodhaaf US keessa akka jiraataniifi akka hojjetan hayyamuuf bahuu danda'a - sagantaaleen amma jiran Yukireen, Kuubaa, Nikaraaguwaa, Heeyitii, Veenzuweelaa fi Afgaanistaan dabalata.
Ameerikaa fi biyya Afrikaa kamiyyuu gidduutti sagantaan gargaarsa namoomaa hin jiru. Kinuani itti dabaluudhaan, akkaataa baqattoonni Yukireen irraa dhufan, saba biroo wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu, aariin tokko tokko akka jiru dubbata.
Waraanni Yukireen keessatti erga ka’ee torban muraasa booda lammiileen waldhabdee kana baqatan dhiifama namoomaa gaafachuu akka danda’an himaniiru.
“Hawaasni Yukireen dhiifama namoomaa gaafachuu ykn leellisuu illee hin barbaachisu ture. Biyya akka Sudaan dhiibuu qabna.”
Ebla bara 2023 irraa eegalee waraanni Sudaan keessatti gaggeeffamaa jiru namoota miliyoona sagal qe'ee isaanii irraa dirqisiisee jira.
Paartiin Dimookiraatawaa fi Paartiin Rippabilikaan lamaan isaanii iyyuu godaantota to’achuu fi rakkoo daangaa Ameerikaa fi Meeksikoo furuu tarree waadaa duula filannoo isaanii keessatti ol’aanaa kaa’aniiru.
Yoo filataman, kaadhimamaa Rippabilikaanotaa fi Pirezidaantiin duraanii Doonaald Tiraamp ''gocha biyyaa ari'uu guddaa seenaa Ameerikaa keessatti raawwatame'' raawwachuu fi imaammata daangaa bara hojii isaanii isa jalqabaa yaadachiisu deebisuuf akka ta'e waltajjiin koree biyyoolessaa Rippabilikaan bara 2024 baase ni mul'isa.
Gama biraatiin kaadhimamaa paartii Dimookiraatotaa fi itti aanaan pirezidaantii Kamalaa Haaris seera nageenya daangaa paartilee lamaanii jalqaba bara kanaa Kongireesii keessatti fashalaa’e akka haaromsan waadaa galaniiru.
Labsiin kun ''hojjetoota koolugaltummaa dabaluu'' fi adeemsa koolugaltummaa ''saffisaa fi haqa qabeessa'' ta'e akka mirkaneessu Waayit Haawus beeksiseera.
Haa ta'u malee, dhaabbilee mirga namoomaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irraa qeeqa argateera.
Bulchiinsi Pirezidaantii Joo Baayiden aangoo gadhiisaa jiru kan Haaris qaama isaa ta’e godaantota daangaa irratti argaman irratti tarkaanfii fudhachuuf kanaan dura socho’eera.
Ajaja hojii raawwachiiftuu baatii waxabajjii keessa baheen, qondaaltonni godaantota gaaffii koolugaltummaa isaanii osoo hin adeemsifamin seeraan ala gara U.S. seenan dafanii ba'uu danda'u, ulaagaan guyyaa guyyaan murtaa'e erga guutamee fi daangaa "garmalee namaan guutame" ta'uu ibse.
Kunis lakkoofsi namoota daangaa ce’anii gara Ameerikaa seenuuf yaalan haalaan akka hir’atu taasiseera jedhu qondaaltonni Ameerikaa.
Gara waggoota kurnan lamaa keessatti yeroo jalqabaatiif lammiileen Ameerikaa walakkaa ol ta’an sadarkaan godaansa gara U.S. sadarkaa amma jiru irraa akka gadi bu’u ykn akka dabalu barbaadu jedha dhiheenya kana dhaabbata xiinxalaafi gorsaa addunyaa Gallup irraa argame.
''Sirni koolu galtummaa Ameerikaa garmalee baay'ee waan ta'eef namoonni gaaffii dhiyeessaa jiran, sababiin isaas karaan biraa gara Ameerikaa dhufan waan hin jirreef hubannoon guddachaa jira,'' jedhan Aadde Buush-Jooseef.
"Namoonni sirnadhimma godaansaa Ameerikaatiin mufatan baay'ina namoota koolu galtummaa gaafataniif yaaddoo keessa jiru."
Yeroo ammaa kana Dr. Kaduliin iyyata koolu galtummaa isaanii irratti murtii argachuuf waggaa afur hanga 10 eegaa jira.
Waggoota muraasa dura abbaan isaa du'aan addunyaa kanarraa boqochuus haalli amma keessa jiru maatii isaa arguuf biyyaa bahee akka ba'u isa hin hayyamu jedheera.
"Yeroo dhimmi koo ammallee hin xumuramnee fi haasaa namoota siyaasaa televijiinii irratti ilaaluun natti hin tolu, garuu sababa tokkoof as akkan jiru nan beeka," jedhan.
Abdiin isaa inni dhumaa gaaf tokko mucaa fi haati isaa Ameerikaatti akka isa waliin jiraataniidha.
"Ameerikaan gatii wal fakkaatu naaf kenniti, ofii kootiif akkan hojjedhu, maatii koo akkan gargaaru, dinagdee biyya kanaa keessatti akkan hirmaadhu nan amana, kanaaf shakkii fi abdii gidduun jira."












