Filannoo US 2024: Haariis fi Tiraamp imaammatoota akkamii hordofu?

Kamaalaa Hariis fi Doonaald Tiraamp

Guyyaa filannoo lammiileen Ameerikaan ulaagaa filachuu guutan hunda ejjennoo fi imaammata ifa ta'e kaadhimamtoota pirezidaantiirraa erga dhagahanii booda beekanii kan fedhaniif sagaleesaanii kennu.

Kaadhimamtuu Dimokiraatotaa Kamaalaa Hariis fi kaadhimamaa Rippaablikaanotaa Doonaald Tiraamp keessaa kan fedhan filatu.

Kaadhimamtoonni siyaasni isaanii maalirratti akka ijaarame fi maal milkeessuuf akka deeman imaammata hordofaniin mul'isaniiru.

Dhimmoota garaagaraa biyyattii ilaallatan irratti imaammati isaanii kunooti.

Qaala'iinsa irratti

Haariis hojiinshee guyyaa jalqabaa maatii hojjetatanii bulaniif gatii nyaataa fi manaa hir'isuu akka ta'e dubbatte.

Giroosariiwwan irratti gatii akka malee dabaluu akka dhaabdu, namoota yeroo jalqabaaf mana bitatan akka tumsitu fi dhiyeessiin mana jireenyaa akka heddummaatuuf deeggaruu irratti akka hojjetu ibsiteetti.

Bulchiinsa Joo Baayidan jalatti qaala'iinsi jireenyaa akka malee dabaleera. Kooviid fi waraana Yukireen akka sababaatti kaasu. Ergasii garuu hir'ateera.

Tiraamp qaala'iinsa jireenyaatti xumura gochuun Ameerikaan iddoo jireenyaaf mijattuu akka taasisu dhaadata.

Akkamiin jedhamee wayita gaafatamu akkuma boba'aa baasuuf baayyisnee qotnu gatiin anniisaa gadi bu'a jedhe.

Dhala baankii hir'isuufis waadaa seene, garuu kun to'annoo pirezidantiin ala. Godaantota biyyasaaniitti deebisuun dhiibbaa mana jireenyaa hir'isa jedhee amana.

Ogeeyyiin diinagdee imaammata Tiraamp keessaa tokko kan ta'e, meeshaalee alaa galan irratti gibira guddaa kaffalchiisuun gatii dabala jedhan. Inni garuun qaala'iinsa akka hir'isu hima.

Gibra

Haariis biizinasiiwwan gurguddaa irratti gibira dabaluu barbaaddi. Kun lammiilee Ameerikaa waggaatti doolaara 400,000 argatanis ilaallata.

Ammoo dhiibbaa gibiraa maatiiwwan irra jiru hir'isuuf tarkaanfiiwwan fudhattus ibsiteetti.

Tiraamp ammoo gibira doolaara tiriiliyoonaan lakkaa'amu kanneen qabeenyaan badhaadhan irraa kaasuun isaan fayyaduuf wixineesseera.

Bara 2017 qabeenyasaarratti imaammata kana hojiirra oolchee ture, isuma ammas babal'isuu barbaada.

Xiinxaltoonni imaammati gibiraa lameenuu rakkoo qaba, garuu kan Tiraamp irruma caalaa rakkoo uuma jedhan.

Ulfa baasuu irratti

Haariis duula filannoo gaggeessaa jirtu keessatti mirga ulfa baasuu xiyyeeffannaashee olaanaa godhattee irratti dubbataa jirti. Mirgi wal-hormaataa akkanaa akka biyyaatti seera ta'ee akka ragga'uufis qabsaa'aa jirti.

Tiraamp waa'ee ulfa baasuurratti yaadisaa kan hin daddaaqamne ta'uu hubachiisuuf guddoo yaalaa jira.

Yeroo pirezidantii ture abbootiin murtii inni muude warra mirga ulfa baasuu heera biyyattii keessatti eerame haquu keessatti qooda guddaa ba'aniidha.

Mirgi ulfa baasuu heera mootummaa Ameerikaa keessatti bara 1973 tumame kun Roe v Wade jedhama.

Dhimma baqattootaa

Haariis godaantotaan walqabatee rakkoo karaa daangaa kibbaan mudatuuf rakkoo ka'umsa ta'e qolachuurratti hoji manee fudhattee akka hojjettu himte.

Doolaara biiliyoonaan lakkaa'amu walitti qabuun naannawa rakkoon jirutti hojiin investimantii bal'aan hojjetamee godaantota akka fayyaduu fi haala kanaan gara kaabaatti godaanuun akka hir'atu hojjetti.

Xumura bara 2023tti godaantonni hedduun Meksikoorraa gara daangaa US seenaniiru, garuu kan waggoota afran darbaniin yoo ilaalamu xiqqaateera.

Tiraamp daangaarratti dallaa ijaaruun godaantotatti ulaa cufuudha karoorri isaa ijoon. Akkasumas humna fayyadamuun godaantota ofirraa dhorkuu fedha.

Seenaa US keessatti godaantota eeyyama jireenyaa hin qabne heddumminaan ari'uuf karoora qaba. Karoora kana milkeessuuf adeemsi seeraa keessa darbamu garuu qormaata guddaa akka ta'u ogeeyyiin BBCtti himaniiru.

Imaammata dhimma alaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haariis humna guutuun Yukireen deeggaruu barbaaddi. ''Waan gaafatu hundaan.'' Yoo mo'amte dorgommii addunyaa jaarraa 21ffaa kan mo'atu Chaayinaa osoo hin taanee US ta'uu akka mirkaneessitu waadaa seente.

Dhimma waldhabdee Israa'el fi Filisxeem irratti furmaati kan dhufu yoo qaamoleen lameenuu akka biyyaatti hubatamanii yaadi lameen isaaniyyuu walqixa ilaalame akka ta'e yeroo dheeraaf ibsaa turte.

Waraanni Gaazaa akka dhaabbatus warra cichanii gaafatan keessaati.

Tiraamp imaammata addatti of baasuu wayii hordofuu fedha. US waraanaa fi walitti bu'iinsa kutaalee addunyaa garaagaraaa keessatti raawwatu keessaa akka harka fudhattuu fi dhimmasheef dursa kennitu labsa.

Waraana Yukireen sa'aatii 24 keessatti akka dhaabsisu dubbatee ture. Innis Raashiyaa waliin akka mari'atan gochuun akka ta'e ibse. Warri Dimokiraat ammoo adeemsi kun Vilaadmiir Putiiniif bakka kennuudha jechuun qeequ.

Tiraamp deeggaraa cimaa Israa'el akka ta'e ibsa. Waraanni Gaazaa akkamiin dhaabbachuu akka qaburratti karoorrisaa hagas mara hin beekamu.

Daldala

Haariis dhimma meeshaalee alaa galan irra gibira olaanaa kaa'uu irratti Doonaald Tiraampiin guddoo qeeqxi. Kun biyyarratti gibira dabaluudha jette. Maatiiwwan hojjetatanii bulan guddoo akka miidhuu fi waggaatti abbaa warraa tokko doolaara 4,000 akka baasisaa jiru ibsite.

Meeshaalee gara biyya keessaa seenan keessaa muraasa irratti xiyyeeffachuun gibira akka dabaltu ibsite. Konkolaattota elektirikiin hojjetan kan Chaayinaarraa galan irratti gibirri akka dabalu bara bulchiinsa Baayidan- Hariis labsamee ture.

Kun cimee akka itti fufu feeti.

Tiraamp duula filannoo isaa keessatti ijoo dubbii kan godhate taarifa dabaluudha. Meeshaalee alaa galan garii irratti taarifa dhibbeentaa 10-20 dabaluuf waadaa seeneera.

Meeshaalee Chaayinaarraa galanirratti ammoo kana caalaa akka dabalu ibse.

Haala qilleensaa

Haariis akka pirezidantii itti aantuutti seera qaala'iinsa jireenyaa hir'isu- Inflation Reduction Act jedhamu raggaasisuu keessatti ga'ee guddaa ba'atte.

Kunis hedduunsaa maallaqa biiliyoona dhibba hedduun lakkaa'amu anniisaawwan haaromfaman irratti baasuu, gibira konkolaattota elektirikii liqaan fudhataman irraa hir'isuu fi kanneen gibira hedduu kaffalaniif deebisanii maallaqa kennuu ilaallata.

Boba'aa fi gaazii baasuu kanaan dura mormaa turte ilaalchisee yaadashee geeddarteetti.

Tiraamp yeroo aangoorra ture seerota tarkaanfiiwwan eegumsa qilleensa naannoo irratti ba'an hedduu irratti rincicaa ture. Kun aara gubataa (Carbondioxide) warshaalee gurguddoo fi konkolaattota keessaa ba'us ilaallata.

Duula filannoo wayita gaggeessu Arkitik qotuun boba'aa baasuu akka itti fufu ibse. Konkolaattota humna ibsaan hojjetan ammoo akka hin feene ibse.

Eegumsa fayyaa

Haariis qaama bulchiinsa Waayit Haawus, kan gatii qorichaa ogeeyyiidhaan ajajamee akka hir'atu murteessee fi gatiin insuliinii doolaara 35tti akka gadi bu'u taasiseeti.

Tiraamp yeroo hedduu seera tajaajila fayyaa gatii madaalawaan lammiileef argamsiisuurratti ba'e- Affordable Care Act jedhamuun faallaa dubbachuun beekama.

Amma garuu yoo filatame akka fooyyessu ibse. Gatiin kamirratti fooyya'iinsa akka taasisu tokko tokkoon hin ibsine.

Seerri kun lammiileen Ameerikaa miiliyoonaan lakkaa'aman inshuuraansii fayyaa akka argataniif ijoodha.

Seera

Haariis muuxannoonshee kanaan duraa hojii abbaa alangaan akka walhidhatu kaasuuf yaalti, morkataanshee, Tiraamp, ammoo yakkamaadha.

Tiraamp daldala qoricha sammuu namaa hadoochanii balleessuu, kanneen gareedhaan yakka raawwatan humnaan cabsuu fi magaalonni dimokiraatawoo kan yakkarraa qulqullaa'an akka ta'an irratti akka hojjetu ibsa.

Qaamni filannoo jeequ yoo jiraate humna waraanaa ykn eegdota biyyaa akka fayyadamu ibse Tiraamp.

Meeshaa waraanaa

Hariis yakka meeshaa waraanaan raawwatamu dura dhaabbachuuf waadaa seente. Ofiisheetiis meeshaa waraanaa qabdi, garuu seerri meeshaa waraanaa irratti akka cimu feeti.

Tiraamp ammoo meeshaa waraanaa hidhachuun mirga heeraan eegame akka ta'u barbaada.

Caamsaa darbe wayita waa'ee Waldaa Meeshaalee Waraanaa Biyyaalessaa dubbatu, michuusaanii jabaa akka ture ibse.

Dhimma Marijuana

Hariis mariwaanaa bashannanaaf yookiin sammuu haareffachuuf yoo faayidaman yakka ta'uu hin qabu jetti. Namoonni hedduun sababa mariwaanaan harkatti argameef hidhaa bu'an. Ammoo baayyinaan kan hidhaman gurraachotaa fi Laatiinoodha jette.

Tiraamp dhimma mariwaanaa irratti yaada madaalawaa ta'e dhiyeessuutti jira. Mariwaanaa muraasa waan nama harkatti arganiif nama hidhanii dhiphisuun hin barbaachisu jedhe.