Waldhabdee Israa’el fi Iraan irratti ejjannoon Raashiyaa fi Chaayinaa maali?

Madda suuraa, Getty Images
Israa'el haleellaa Teehiraan Onkoloolessa 1 misaa'eloota gara 200n irratti raawwatteef haaloo bahuudha jechuudhaan buufataalee waraanaa Iraan keessatti argaman irratti ''haleellaa sirrii'' jechuun ibsite raawwatteetti.
Eegdonni Warraaqsa Iraan haleellaan Israa'el irratti raawwate sun ajjeechaa hoggantoota gareewwan hidhattoota Iraanin deeggaraman lama - kan teessoo isaanii Gaazaa godhate Hamaasii fi kan Hezboollaa Libaanos keessatti raawwatameef haaloo ba’uuf akka ta’e ibseera.
Haleellaa Onkololeessaa 7 Hamaas Israa'elirratti raawwateen booda, tarkaanfii qindaa'aa Israa'el Gaazaa keessatti raawwataa jirtuun wal qabatee gareen hidhattootaa Iraaniin deegaramu Hezboollaan daangaa kaaba Israa'el irratti rookkeettiiwwan dhukaasa ture.
Waldhabdeen Baha Jidduugaeessaa keessatti hammaataa dhufe kunis, biyyoota humnoota gurguddoo gidduu jiru dabalatee hariiroo addunyaa irratti dhiibbaa geessisaa jira.
Haleellaa Israa'el Gaazaa keessatti raawwattuuf meeshaa waraanaatiin deeggaraa kan jirtu Ameerikaan ammas deeggartushee ta'u ifatti beeksiifteetti.
Ofii dorgomtoota cimoo Ameerikaa kan ta'an Raashiyaa fi Chaayinaanis waldhabdee Baha Jidduugalaa kanarratti ejjanoonsaanii maal fakkaata? Deebii akkamiis kennuu danda'u?

Madda suuraa, Reuters
Raashiyaa: Michummaa diina aarsuu
Raashiyaa fi Iraan waliif michuu hin turre. Haata'u malee, waggoota dhiyoo asitti walitti dhufeenyi isaanii daran dabalaa kan dhufe yoo ta’u, waliigaltee “walta’iinsa tarsiimoo” irra gahuuf eegalan adeemsa xumuruu irratti argamu.
Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Onkoloolessa 11 pirezidaantii haaraa Iraan Maasuud Pezeshkiiyaan waliin yeroo wal arganiitti, lamaan isaanii iyyuu taateewwan addunyaarratti ejjennoon isaanii qaban walitti dhiyeenyaa kan qabu ta'uu dubbataniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Iraan waraanaa Raashiyaan Yukireen waliin gaggeessaa jirtu irratti Iraan tumsa ishee agarsiiftee jirti.
Keesumaa Ameerikaa fi UK'n Iraan Moskoodhaaf misaa'ela baalistikii fi dirooniiwwan waraanaa dhibbaan lakkaa'aman dhiyeessuun himatan.
Iraan misaa'ela baalistikii kana erguushee ifatti kan haalte yoo ta'u, miseensi paarlaamaa Iraan tokko garuu meeshaaleen waraanaa kunneen jijjirraa nyaataatiin gara Raashiyaatti ergamu amanee jira.
Humni qilleensaa Iraan qoqqobbii waggoota dheeraa booda dadheera. Dhiyeenya kana garuu Raashiyaan yoo xiqqaate xiyyaara haleellaa salphaa tokko erguufii akka hin oollee Dhaabbanni Waraanaa Jeens himeera.
Deebii meeshaa waraanaa Iraan ergiteef deebisuuf, Moskoon haleellaa Israa’el Iraan irratti raawwatte hordofuun, murtii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Iraan ilaalchisee baasuu kamiyyuu akka dhorkituu fi tarkaanfii humnaa isheerratti fayyadamu kamiyyuu akka mormiitu eegama.
Raashiyaadhaafis waldhabdeen Baha Jiddugaleessaa xiyyeeffannoo fi qabeenya warri lixaaa Yukireen irraa akka fageessuufi gargaarsas Yukireen irraa naanneessuun ni gargaaraan.
Haata'u malee Kiremliin dhiibbaa haleellaan Israa’el bu’uuraalee geejjibaa Iraan keessatti geessisuu danda’u yaaddoo qaba. Raashiyaan qoqqobbii idil-addunyaa cimaa jala kan jirtu yoo ta’u, karaan boba’aa ishee gurgurattu dangeffamuyyuu, carraa qabdu keessaa tokko karaa Iraan gara Hindiitti geessudha.
Tehraan garee hidhate Libaanos Hezbollaafi Hamaas Gaazaa keessaa dabalatee humnoota bakka bu’oota Baha Jiddugaleessaa keessatti argaman walitti fufinsaan deeggarti. Moskoon Hamaas waliinis walitti dhufeenya cimaa uumaa kan jirtu fakkaata, jilli hoggantoota olaanoo garee kanaa jalqaba bara kanaa Moskoo daawwateera.
Garuu Raashiyaan Israa’el caalaa Iraan barbaaddus, hariiroo lamaan isaanii waliin qabdus eeguuf barbaaddi. Israa’el waraana Raashiyaan Yukireen keessatti geggeessaa jirtuu fi hariiroo Iraan waliin qabdu qeeqxus, hanga ammaatti gaaffiin dhiyaatus, meeshaalee waraanaa Yukireenif hin kennine.
Raashiyaan Iraan waliin yoo cimtee dhaabbatte, Israa’el deebii kanaaf meeshaa waraanaa Yukireenitti erguu jalqabuu dandeessi jettee yaaduu dandeessi, waraanni guddaan Baha Giddu Galeessaa keessatti gaggeeffamu dandeettii Israa’el daangessuus.

Madda suuraa, Sputnick / Getty
Dhimmi gara biraa Iraaniifi Raashiyaa walitti hidhu bulchiinsa Kibba Kaawukaasas kan Azarbajaan keessatti argamtuudha. Naannoon kunis qoqqoobbii jalatti kan argamtu Raashiyaadhaaf jidduugala daldalaaa fi anniisaa ta'eefiira.
Bulchiinsicha keessatti badhaatuufi baayyina ummatasheen kan beekamtu Azaarbajaan, Raashiyaa fi Iraan waliin daangaa qooddatti. Azaarbajaan daandiiwwan, sarara baabuuraa fi geejiba doonii biyyoota lamaan walitti fidan foyyeessuuf pirojaktii koridarii geejjiba Kaaba-Kibbaa hojjachuuf waliigalte jirti.
Haata'u malee, Azaarbajaan Israa'el waliin walitti dhufeenya waraanaa cimaa qabdi. Israa'elis waraanasheetiif dirooniiwwan fi meeshaalee waraanaa hammayyaa dhiyeessaafii turte.
Kana malees, bara darbe Azarbajaan Fulbaana bara 2023 keessa naannoo falmisiisaa Nagorno-Karabakh deebiftee fudhachuun bulchiinsa saba Armeeniyaa waggoota kurnan sadiif ture xumurte.
Odeeffannoon hordoffii balaliinsa dhaabbata oduu Asoosheetid Prees xiinxale akka agarsiisutti, duula kana dura meeshaaleen waraanaa Israa’el irraa ergamu dabaluu isaati.
Basaasa Israa'el Iraan irratti gaggeessitu dhaabbilee waraana Azarbaajaaniitti akka fayyadamtuuf hayyamteefii jirti jechuun Iraan ni himatti. Azaarbaajaan garuu himannaa kana ni waakkatti.
Kanaafu Israa'el haleellaa Iraan irratti raawwattu walitti dhufeenya Azarbaajaan waliin qabdurratti dhiibbaa taasisaa laata? kan jedhu Raashiyaan of eeggannoon xinxalu qabdi. Waldhabdee kanarratti dhimmi biraa Raashiyaan ejjannoo Chaayinaan qabattuu fi tarkaanfiiwwan fudhattu itti dhiheenyaan hordofti.
Raashiyaan teeknooloojiidhaaf keessattuu galteewwan meeshaalee waraanaa fi daldala galii elektironiksii akkasumas dhimmoota siyaasaa fi tarsimootiin Chaayinaarratti hirkatti.
Kanaafuu yaaddoo Chaayinaan waldhabdee Baha Jidduugaleessaa irratti qabduu fi ejjannooshee kan ibsitu yoo taatee Raashiyaanis kana hordofunsheen hin oolu.
Chaayinaa: Osoo waldhabdeetti hin harkifamin Iraan deeggaruu
Chaayinaafi Iraan walitti dhufeenya dippilomaasii fi diinagdee dabalatee michummaa yeroo dheeraa qabu.
Haleellaa Israa'el iraan irratti raawwattee hordofuunis Chaayinaan deeggarsashee akka itti fuftu eeggama. Chaayinaan walitti bu'insicha keessa akka hin galleef fageenyashee eeggachaa michuushee Iraaniif deeggarsa hololaa taasisuunshee kan hin olleedha.
Iraan misaa'eloota Onkololeessa 1 irratti Israa'el irratti dhukaafte irratti yaada akka kennaniif kan gaafataman dubbii himaana Ministeera dhimma alaa Chaayinaa, deebiisaanitiin Iraan maqaa hin dhoofne.
Weerara Israa'el Libaanos irratti raawwattee kaasuudhaan biyyisaanii birmadummaan Libaanos cabuu akka mormitu ibsaniiru. ''Okkoora Baha Jidduugaleessaa keessatti ka'e kan marsaa kanaatiif sababii ijoon haleellaa gaazaati'' jedhan.
Chaayinaan irra dedeebiin waraanni gaazaa akka dhaabbatuuf waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka taasifamuuf waamicha taasisaa kan turte yoo ta'u, Filisxeemootaa fi Libaanoosiin karaa dippilomaasiitiin akkasumas deeggarsa namoomaatiin ni deeggarti.
Muddamni Israa'eliifi Iraan jidduu jiru yoo cime hoo deebiin Chaayinaa maal ta'u mala?
Chaayinaan Israa'el keessatti keessattuu dameewwan bu'uraalee misoomaa fi teeknolojiitiin maallaqa olaanaa invasti goote.
Kanaafuu Tehraan waliin caalaatti hiriiruun, balaa Israa’el akka ejjannoo michuu dinagdee tokkootti ofirraa fageessuutti ilaalama jechuun yaaduu dandeessi ta'a.

Madda suuraa, Getty Images
Israa'el haleellaa haaloo marsaa kanaatiin bu'uuraalee misoomaa boba'aa Iraan irratti haleellaa hin raawwanne. Haata'u malee tarkaanfiin miilanaa gara fuulduraatti haleellaa akka hin raawwannee kan agarsiisu miti.
Chaayinaan jikita boba’aa biyya alaatii galchitu irratti baay’ee kan hirkattu yoo ta’u, boba’aa jikita Iraan ergitu keessaa tilmaamaan %90 gara Chaayinaa akka deemu dhaabbanni odeeffannoo faayinaansii S&P Global jedhamu ibseera.
Haleellaan haaloo ba’uu Israa’el nan fudhadha jettuun yoo bu’uuraalee boba’aa Iraan irratti kan raawwattu ta'e al-ergii biyyattii irratti dhiibbaa uumuu danda’a. Yoo akkas ta'e ammoo, Beejiing gocha Israa’el cimsitee akka balaaleffattu eeggamma.
Ameerikaan Iraan irra qoqqobiiwwan keessuulleen, Chaayinaan Iraan irraa boba'aa bitachu itti fufteetti. Akkasumas walitti dhufeenyi Iraaniifi Saawud Arabiyaa jidduutti adda cite ture akka eegaluuf Chaayinaan bara darbe waliigalteerra aka gahaniif jaarsummaa teesseefii turte.
Kana malees, Chaayinaan dhiibbaa Iraan irratti qabduutti akka fayyadamtuuf Ameerikaan gaafachushee aanga'oota waabii godhachuun miidiyaaleen gabaasaniiru.
Aanga'oonni finciltoota Huutii Yaman Iraaniin deeggaramaniifi dooniiwwan Galaanaa Diimaa irratti haleellaa raawwatan Iraan akka to'attuuf Chaayinaan akka gaafattuuf gaafatamteetti jedhan.
Aanga'oonni Ameerikaa gaaffilee gara biraa qabaatan illeen Iraaniifi Chaayinaan walitti dhufeenya ajajaafi ajajamtuu hin qaban. Kana malees Chaayinaan gaaffii akkasii keessattuu Ameerikaarraa dhufuun wal qabate akka hin fudhanne beekamaadha.
Chaayinaan carraa kanaan Ameerikaa qeequufi biyyoota kibba addunyaa (Global South) maddii dhaabbachuudhaan mirga lammiileen Filisxeem biyya argachuu deeggaruun dhiibbaa addunyaa taasisuuf itti maayii baati.
Chaayinaan madaallii taajjabummaa kana qabattee itti fufuurratti yaaddoon qabdu baayyee gadaanaadha. Boba'aa yoo barbaaddee fuulashee gara biyyoota Saawudi Arabiyaa ykn Raashiyaa kanneen boba'aa olaanaa erganiitti naanneeffachu dandeessi.
Chaayinaan muddama Iraanii fi Israa'el jidduu jiru irratti waan jettuu guyyoota ittaanan keessatti kan dhegeenyu yoo ta'u, garuu carraan walitti dhu'insicha keessatti hirmaachuushee gadaanaadha.












