Mooskoon duraan Tiraampiin baayyee abdattee turte, amma garuu maaf ija shakkiin ilaalti?

Gorsan siif qaba, yoo qophii addaa kan qabu ta'u, guutummaatti kan mirkaneeffatte yoo ta'een alatti qaruuraa shaampaaynii 132 gonkumaa hin bitatiin.
Sadaasa bara 2016 keessa namni siyaasaa Raashiyaa Altiraa naashinaalisti (ultranationalist) Vilaadimiir Ziirinovskiin Doonaald Tiraampiin wayita filannoo injifateetti baay’ee gammade ture.
Hariiroon Ameerikaa fi Raashiyaas akka jijjiiru abdatees ture. Miseensi mana maree Raashiyaa kun kaameeraa TV fulduratti dhugaatii shaampaaanyii qaruuraa 132 ta'u waajjira isaa keessatti banuudhaan gammachuusaa ibsate.
Kan haala sanaan filamuu Tiraampiitti Raashiyaa keessatti gamadee tures isa qofaas hin turre.
Guyyaa Tiraamp pirezidantii Ameerikaa ta'un itti ijifate ajaa'ibaa sanatti, gulaaltuu olaantuun Chaanaalii mootummaa Raashiyaa RT, Maargaarittaa Siimoniyaan, alaabaa Ameerikaa foddaa konkolaataashee irra kaa’attee Mooskoo keessa naanna’uuf akka yaadde tiwiitara irratti barreessiteetti.
Akkasumas qondaalli Raashiyaa tokko sigaaraa xuuxuu fi shaampaaynii qaaruuraa tokkoo dhugdee injifannoo Tiraampitti gamaduuf kan jettees akka turte yaadata Gulaalaan BBC Raashiyaa Istiifan Rosenberg.
Mooskootti Doonaald Tiraamp qoqqobbii Raashiyaa irratti kaa’ame ni haqa jedhamee baayyee eegamee ture. Akkasumas tarii odola Kiriimiyaa, kan Yukireen irraa fudhatame akka qaama Raashiyaa ta’etti beekamtii kennuu danda’a jedhamee ture.
Abbaan qabeenyaa fi gulaalaa olaanaan gaazexaa Nezavisimaya Gazeta kan ta’an Konstaantin Remchukov, “Gatiin Tiraamp Raashiyaa keessatti konkumaa waa’ee mirga namoomaa lallabuu dhiisuusaa ture,” jechuun ibsa.
Abdiiwwan sun hundi wal jalaan bifa jijjirachuudhaaf yeroo itti hin fudhannee ture.
“Tiraamp yeroo sana ture kan qoqqobbii cimaa Raashiyaarratti kaa’e,” jechuun yaadata Remchukov. ''Dhuma bara hojiisaaittis namoonni hedduun pirezidaantummaa isaaniitti mufatanii turan."
Kanaafidha, waggoota saddeetiin boodas qondaaltonni Raashiyaa, yoo xinnaate ifatti, abdii bara aangoo Tiraamp lammaffaa irratti of eeggannoo guddaa kan horatan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirezidaant Vilaadmiir Puutiin as ba'anii kaadhimamtuu Paartii Dimookiraatii deeggaran, haata'u malee "deeggarsi" sun bal'inaan akka qoosaa Kiremliin (ykn Kiremliin trolling)tti hiikame.
Puutiin kolfa Kamalaa Haaris “daddarbaa” ta’e akka jaalate hime.
Haata'u malee, Puutiin maal akka kolfachiisee kaa’uuf maal sababii akka ta’e hubachuuf ogeessa siyaasaa bara dheeraa ta’uun si hin barbaachisu. Jecha amma inni jedhe kan kan dubbatte Haaris osoo hin taane Tiraampiidha.
Fakkeenyaaf, qeequmsi Tiraamp hamma gargaarsa waraanaa Ameerikaan Yukireeniif kennituu, weerara guutuu Raashiyaan raawwatteef Puutiin komachuu of qusachuusaa akkasumas yeroo duula filannoo pirezidaantummaatti Yukireen waraanicha akka injifattu barbaaduu fi dhiisuu dubbachuu diduu isaa kanneen ijoodha.
Faallaa kanaatiin ammoo, Kaamalaa Haaris deeggarsi Yukireeniif taasifamu “dantaa tarsiimoo” Ameerikaa keessa jira jechuun falmitee kan turte yoo ta’u, Puutiin “abbaa irree nama ajjeesu'' jechuun waamteetti.
TVn mootummaa Raashiyaa addatti waa'eeshee galateeffate jechuu miti. Torban muraasa dura keessa oduu Raashiyaa baay’ee bebekamoo ta’an keessaa tokko dandeettii siyaasaa Kaamalaa Haaris guutummaatti tuffatee ture. Qophii nyaata qopheesu TV irratti dhiyeessuun caalaa isheef akka ta'u yaada dhiheesse.
Bu’aan gara biraa Kiremlin’f mijachuu danda’u jira - filannoo baayyee walitti dhiyaa itti aansee ammoo bu’aa dorgomaa ta’e. Ameerikaan jeequmsa filannootiin boodaatiin qabamtee sababii burjaajii fi waldhabdeetiin waa'ee waraana Yukireen dabalatee, dhimma alaarratti xiyyeeffachuuf yeroo xiqqaa qabdi turte.
Hariiroon Ameerikaa fi Raashiyaa bara Baaraak Obaamaa rakkoo ummatee ture, bara Doonaald Tiraampitti hammaate. Jecha dhiheenya kana Waashingitanitti ambaasaaddarri Raashiyaa dhiheenya deeman, Anaatoolii Antoonoov, Joo Baayidan jalatti “gara gargar bittiinaa'anii jiru” jedhan.
Waashingitan komachuu guutummaatti Moskoo irratti keesse.
Puutiin fi Baayidan walgahii erga yaa'iidhaaf Jenevaatti wal arganii ji’a saddeetiin booda qofa ture kan hogganaan Kiremliin Raashiyaan Yukireen irratti weerara guutuu akka raawwattu ajaje.
Bulchiinsi Baayidan qoqqobbii hedduu Raashiyaarraa kaa'uu qofaa osoo hin taane, gargaarsi waraanaa Ameerikaa Kiiviif taasiiftuu waraana Raashiyaa waggoota lamaa fi walakkaa oliif akka dandamattu gargaaruu keessatti murteessaa ta’eera.
Meeshaalee waraanaa sadarkaa ammayyaa olaanaa Ameerikaan Yukireeniif dhiyeessite keessatti taankii Abraams fi sirna rookkeettii HIMARS ni argamu.
Yeroo Raashiyaa fi Ameerikaan nageenya addunyaa cimsuuf akka michuutti waliin hojjechuuf yeroon itti waadaa galanii akka ture amma amanuun nama rakkisa.
Dhuma bara 1980moota keessa Roonaald Reeganii fi Mikaayil Gorbaachov meeshaa waraanaa niwukilaraa biyyoota isaanii hir'isuuf gocha dachaa ji’oo-siyaasaa ijaaran.

Bara 1991tti Giiftii Dureenn USSR fi US, Raayisaa Gorbaacheva fi Baarbaaraa Buush, Moskootti siidaa hin baratamne, haadhoo daakkiyyee ijoollee saddeet qabdu, mul'isan.
Sidaan sunis fakkaattii siidaa Gurdubee Ummataa Boostan (Public Gardens) keessatti argamu yoo ta'u, mallattoo michummaa ijoollee Sooviyeetii fi Ameerikaa gidduu jiru ta'ee Moskootti dhiyaate.
Har’as lammiilee Mooskoo biratti jaallatamaadha. Lammiileen Raashiyaa simbirroota kana waliin suuraa ka'uuf gara Paarkii Novodevichy yaa'u. Garuu daawwattoota muraasa qofaatu seenaa duubaa humna guddaa “dippilomaasii daakiyyee” sanaa beeka ta'a.
Har’as lammiilee Muskoo biratti jaallatamaadha. Lammiileen Raashiyaa simbirroota nadhii kana waliin suuraa ka'uuf gara Paarkii Novodevichy yaa'u, daawwattoonni muraasni seenaa duubaa humna guddaa “dippilomaasii hantuutaa” beeku ta'us.
Akkuma hariiroo Ameerikaa fi Raashiyaa mataasaa, simbirroon sunis reebicha muraasa mudateera. Taatee ta'eetti muraasnisaanii hatamanii bakka buufaman.
Raashiyaan waa’ee Ameerikaa fi filannoo Ameerikaa maal akka yaadduu baruuf lammiilee Raashiyaa gaafanneerra.
“Ameerikaan akka badduun nan barbaada,” jedha aarii guddaa kan qabu Igoor kan bishaan kuufamaa dhiyoo jiru keessaa qurxummii qabaa ture. ''Addunyaa kana irratti waraana hedduu jalqabdee jirti. US bara Sooviyeet diina keenya turte ammas akkasuma. Eenyumtuu pirezidaantii yoo ta’e jijjiramaa hin qabu.”

Madda suuraa, Getty Images
Amma yeroo baayyee miidiyaa mootummaa Raashiyaa irratti ilaalcha Ameerikaan akka diina bara baraa Raashiyaatti ibsamti. Igoor oduusaa TV Raashiyaa irraa waan argateef akkasitti aareeraa? Yookiin tarii qurxummii baay’ee waan hin qabneef ta’uu danda’a.
Namoonni baayyeen gabaasaan BBC waliin dubbate ammoo Ameerikaa akka mormituu hamtuutti hin ilaalan.
“Ani nageenyaa fi michoomaaf jira,” jetti Isivetlaanaan. “Garuu hiriyaankoo Ameerikaa keessa jiru amma naaf bilbiluu sodaatu. Tarii achitti bilisummaan yaada ibsachuu hin jiru ta’a. Yookaan tarii, achi Raashiyaa keessatti bilisummaan dubbachuu kan hin jirre ta’uu danda’a. An hin beeku."
“Biyyi keenyaafi ummanni keenya waliif michuu ta'u qabaatu'' jedhe Nikitaa. ''Waraanaafi eenyuu misaa'el akka qabu irratti waliin dorgumudhaan alatti ani Tiraampiin filadha. Yeroo inni pirezidantii ture waraanni guddaan hin turre.''
Raashiyaa fi Ameerikaa jidduu gargaagarummaa jiruun alatti, wanti biyyoonni lamaanuu walootti qaban jira- lamaan isaanituu yeroo hunda pirezidantoota dhiiraatiin durfamu.

Madda suuraa, Getty Images
Raashiyaan jijjirama sana agartii laataa?
Gaaffii Raashiyaan jijjirama akkasii agartii laata jechuuun gaaffii dhaayaateef deebooo akkasiin argate gabaasaan BBC.
''Dubartiin osoo pirezidantii taatee gaariidha jedheen yaada'' jette Maariyaan.
“Asi Raashiyaa keessatti pirezidantii dubartii filachuu baayyeen gammada ture. Kunis gaariidha ykn caalaa badaadha jechuu koo miti. Garuu adda ta'a ture.''












