Filannoo US 2024: Tiraamp ''faashistiidha'', Hariis ''nama sammuun tuqame''- siyaasa moo arrabsoo?

Kaamalaa Hariis fi Doonaald Tiraamp

Madda suuraa, EPA, REUTERS

Ibsa waa'ee suuraa, Kaamalaa Hariis fi Doonaald Tiraamp wal arrabsan

Roobii waaree booda haalaa fi amala Kaamalaa Hariis kan duraan hin baratamnetu mul'ate. Waashingitan DC teessoo waajjira pirezidantii itti aantuu fuulduratti erga gabaabaa garuu aarii fi mufannaan guutame dabarsite.

Morkataashee kan ta'e kaadhimamaa pirezidantii paartii Rippaablikaan Doonaald Tiraamp ''nama dhaabbii hin qabnee fi guutummaatti jeeqameedha,'' jechuun ibsite.

Pirezidantii Itti Aantuun US kan amma Dimokiraatota bakka buutee pirezidantummaaf dorgamaa jirtu Hariis ''Haalaa fi amalli akkasumas gochi Tiraamp hiika faashistii kan qabuudha,'' jette.

Kanaan dura irra deddeebiin hojiin Hiitlar hojjetaa ture sirrii ta'uu dubbataa ture jechuun Tiraamp himatte Hariis.

Morkataanshee kun aangoo daangaa (luugama) hin qabne akkasumas to'annoo hin qabne barbaada jette Hariis.

Gareen Tiraamp gamasaan yaada kaadhimatuun Dimokiraatotaa kennite kana qeequun deebii kenneera.

Dubbi himaan duula filannoo Tiraamp Istiivan Shewuung ''dubartiin kun of dadhabdee raafamaa waan jirtuuf, duulli filannooshees waan harkaa wal laaqeef abdii kutannaa keessa jirti,'' jechuun arrabse.

Doonaald Tiraamp miidiyaa hawaasummaa isaa- Truth jedhamurratti akkas jechuun arrabsoo Hariisiif deebii kenne.

''Dubbii summii afaanshee keessaa ba'u heddummeessaa jirti. Hanga anaan Adoolfi Hiitlar jettee waamuutti geesseetti. Sammuushee tuqametti waan dhufe hunda naan jechuutti jirti.''

Tiraamp Hariis maqaa waamee wayita dubbata ''Jaal Kamaalaa Hariis'' jechuun itti qoose.

Akkasitti walwaamuu warrashee- Dimokiraatotatu jaallata jedhee amana Tiraamp.

Ammoo isheen dimokiraasiif yaaddoodha jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Falmii duula filannoo US keessatti yeroon kaadhimatoota hamtuu walitti yaadan, wana hamaa waliin jedhan inuma jira.

Kan baranaa (2024) garuu adduma. Jechaan wal tuquun akka filattoota morkataa kee bira deemuu dhiisanii sagaleesanii siif kennaniif fayyada.

Hariis garuu kanaan dura akka Tiraamp afaan darbaa dubbataa hin turre. Waan gaarii, jecha naamusa qabuu fi miira gammachuutiin dhihaachaa turte.

Erga Pirezidant Joo Baayidan kaadhimamtuu pirezidantii akka taatuuf dabarsanii dirqama itti kennanii garuu akkuma morkataanshee Doonaald Tiraamp jechaan ishee madeessaa deemeen isheenis gara arrabsootti seente.

Dhiheenya kana ammoo Tiraamp fi Hariis xiyyeesaanii walitti qabanii akkaan wal qoccolaa jiru.

Lameenuu hanqina walii olkaasanii leellisuun alatti amala walii tokko tokkoon eeruun wal arrabsuu itti fufaniiru.

Hariis irra deddeebiin balaa Tiraampiin pirezidantii gochuun qabu jabeessitee dubbataa jirti.

Mirga ulfa baasuu, eegumsa fayyaa, diinagdee fi imaammata dhimma alaa US irratti Tiraamp nama rakkoo uumu akka ta'e ibsiti.

Tiraamp gamasaan waan hanqina jedhu kaasuun morkattuu isaa paartii Dimokiraat arrabsa.

Noorzi Kaaroolaayinaa keessatti galma tokko keessatti Tiraamp wayita duula gaggeessu ''Hariis dhibooftuu fi jaanjoftuu ykn nama waa hin hubanne'' jedhee arrabse.

Sababa sanyummaa fi saala ishee qofa carraa kaadhimamuu argatte jedheen.

''Yoo Hariis mo'atte biyya hin qabaannu,'' jedhe Tiraamp.

Tiraamp waggoota saddeet darbaniif siyaasa US keessa seenee akkaan falmisiisaa ta'eera. Siyaasa US gidduutti yaadi faallaa akkaan walirraa fagaatee fi hanga waljibbuutti geessisu akka uumamus taasiseera.