Diinummaarraa gara michuutti geeddaramuun ittaanaa Tiraamp kan ta'e JD Vaansi eenyu?

Jeedii (JD) Vaansi tarii ittaanaa pirezidantii Ameerikaa ittaanu ta'u danda'a. Filammoo Ameerikaa Sadaasa dhufaa keessa gaggeeffamuu irratti namoota siyaasaa xiyyeeffanoon kennameef keessaa tokkodha.
Waa'ee JD Vaansi irratti qabxiilee beeknu muraasni kunooti:
Nama Tiraampiin tuffiin ilaalu ture
Amma Vaansi waa'ee Tiraamp dubbatee hin quufu. Waahila dhiyoo Tiraampi, hordofaa fi akka ittaanaa pirezidantii Tiraampitti osoo hin dorgomiin dura, Jeedii Vaans Tiraampiin baayyee tuffata ture.
''Tiraampi nama dhaadheessuummaa cimaa qabuudha, nan tuffadhaan'' jedhee ture yeroo tokko.
Kana kan jedhe bara 2016tti ture. Bara sanattis hiriyaasaa waliin yunivarsitii barate Joosh Maaklaawuriiniin akkas jedhee yaadannoo barreessee ture.
''Yeroo baayyee waa'ee Tiraampi nan yaada. Namni Tiraamp jedhamu nama badaa ykn Hitilar lammii Ameerikaati jedheen yaada.''
Amma hiriyaasaa akkas jedhee barreesseefii ture Joosh Joorijiyaatti miseensa mana mareeti.
Vaansi nama yeroo sana akkasiin arrabse Tiraamp, amma waa'ee nama jabaa ta'uusaa osoo dubbatuu oolee bula. Falmsiisummaan Vaansis kanarraa eegala.
Gaheessa waggaa 40ti
JD Vaansi ganaa gaheessa nama waggaa 40ti. Sadarkaa amma irra gaheettiis dargaggeessa kan isa jechiisiisuudha.
Yeroo ammaa kanattis bakka bu'aa mana maree Ohaayoo ta'un tajaajilaa jira. Umuriinsaa ganaa ta'usaatiin alattis, Ameerikaa kutaa 'mid West' jedhamurraa ta'unsaa filatamaa isa taasiseera.
Innis naannoo baadiyaa Mid-West irraa kan dhufeedha. Naannoon sunis kan hojjattoonni adii baayinaan keessati argamaniidha.
Bakki kunis Eliinoy, Indiiyaanaa, Ayoowaa, Kaansaas, Neebiraaskaa, Wiiskonnsan, Miichigaan, Meeneesootaa fi kaan kan hammatuudha.
Naannoon Miidweest jedhamu kunis bal'inan Tiraamp akka filataniif, keessattuu dargaggoonni Tiraamp akka filataniif jajjabeessuuf dhalataa nananoosanaa kan ta'e Vaansiin itti aanaasaa taasifachuun paartii isaatiif waan gaarii fakkaachuun itti mullateera.
'Baqattoonni sareefi adurree sooratu'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sababiiwwan Vaansi ittiin adda baafamuufi falmiisaa ta'unsaa ittiin dabalu keessaa tokko haasaawwanni inni miidiyaaleewwan irratti kennuudha.
Yeroo tokko akkas jechuun dubbatee ture. ''bulichiinsa Ohaayootti baqattoonni Haayitii, magaalaa Ispiriingfiildi keessatti saree fi adurree akka sooratan dhageenyeerra.''
Vaansi erga kana jedhaan booda Tiraamp waltajjii falmii Kaamalaa waliin qaburratti taasisan irratti irra deebiin dubbachuun nama kolfaa ta'an.
Vaansi osoo gara ittaanaa pirezidantummaatti osoo hin dhufiin dura, haaluma walfakkatuun haasaawwan falmisiisaa dubbachuun beekama.
yeroo tokko Yunaayiti Kingdamiin ''biyya Islaamaa'' jechuun waamee ture.
Ameerikaa guutuutti ulfa baasuun seeraan akka dhorkamuuf waamicha dhiyeessee ture. Haasaawwan kanneen hundaan caalaa kan filmisiisaa isa taasise haala itti dubartoota osoo gaa'il hin dhaabbatiin turan itti waamee ture.
''Maseenoota ijoollee hin qabne, kanneen aduurreesaanii waliin firoma'' jechuun dubbachuunsaa rakkoo keessaa isaan galchee ture.
'Arrabsoon' kunis kan Kaamalaa Haariis ittaantuu pirezidantii biyyatti dabalatu ture. Dubartoonni hedudun hasaa kanaan aaranis sagaleesaanii Haariif akka kennan dhaadatanii ture. Innis dhimmicharratti dhiifama hin gaafanne.
Vaansi seenaa Ameerikaatti ittaanaa pirezdantii fudhatama gadaanaa qabuudha.Tiraampis maaliif nama jaalatama hin qabne kana nama biraatiin bakka hin buufne ammas ka'aa jira.
Xilxaltoonni garuu falmiisiisummaan Vaansi fi miidiyaaleerratti falmiisiisaa ta'unsaa sababii gaaffiiwwan diinagdee irraa isaan boqachiisuufiidha jedhu.
Kitaaba baayyiinaan gurgurame
Vaansi kan dhalate Bulchiinsa Ohaayoo miidiltawon keessatti. Haatiisaa araada qoricha mataa addoochuu cimaadhaan rakkataa turte. Isheenis Vaansi osoo daa'ima jiruu gattee biraa badde.
Innis kan guddatee akkoowwan akka abbaafi haadhaatti waamuun. Vaansi kitaabaa seenaa baayyee jaalatameef barreesseera. Kitaabni bara 2016 maxxanfame kunis mata duree ''hillbilly elegy'' jedhu qaba.
Kitaabni kunis Netfilixiin gara fiilmiitti jijjirameera. Kitaaba kana keessatti akka barraa'eetti, sababii haatiisaa araada qoricha sammuu addoochuun qabamteen, jireenyisaa balaa keessa seenee ture. Haala daa'imummaa baayyee rakkisaa ta'e keessa akka darbe hima.
Kitaabni kunis waa'ee jireenya naannawa baadiyaa bulchiinsa Ohaayoo odeessa.
Erga kitaabichi jaalatameefiin booda innis bal'inaan nama miidiyaa ta'e. Miidiyaalee garaa garaarratti affeerramuudhaanis Tiraamp qeequu hojiisaa mummee taasifate, kan harraa hin godhiiniiti.
Nama afigaaffii yerii sanatti inni kennu dhagaheef amma jaalallee Tiraamp cimaa ni ta'a jedhamee hin yaadamu.
Yunivarsitii beekamaarraa kan eebbiiifame
Vaansi barnoota isaatiin qabxii oalaanaadhaan yunivarsitiirraa eebiifame. Kana baratees Yunivarsitii maqa qabeessa ta'e Yeel irraayi.
Yeroo Yunivarsitii baratu kan walbareefi haadha warraasaa ammaa Ushaa irraa ijoolee sadii godhateerra. Iwaan, Shiiveek fi Miiraabil jedhamu.
Isaanis ijoollee umuriin waggaa jaha, afuriifi lamaati.
Haatii warrasaa Oshaa Vaans Saandiyaagoo Kaaliiforniyaatti guddatte.
Maatiinshee baqattoota Hindii garuu milkaa'ota. Isheenis barnootaan dubartii cimtuudha. Yunivarsitii Yeel irraa seraan diigiriin eebbiifamte. Akkasumas Yunivarsitii Keembirijii irraa diigrii lammaaffan eebiifamtetti.
Ulfa baasuurratti ejjannoo cimaa qaba
Vaansi bara 2019 kaatoliikii ta'ee ture. Ilaalcha isaan dura qabuun ulfa baasuun seeraan dhorkamu qabaata yaada jedhu qaba.
Haata'u malee erga dhimmicharratti Tiraamp ejjannoo laafaa fudhachu eegalanii as, Vaansiis ejjannoo wal fakkaataa calaqasiisuu eegale.
Tiraamp dhimma ulfa baasuu kanarratti ejjannoon qaban kan 'Isteetiiwwan ofiisaaniin haa murteessan'' jedhuudha.
Ta'us Tiraampis ta'e deeggartoonnisaa ulfa baasuu ilaalchisee dhorkaan akka kaa'amuuf keessa keessaan fedhii olaanaa qabu.
Dhiheenya kanas Vaansi harkaa bahuun akkasi jedhe, ''kongrasiin dhimma ulfa baasuurratti yoo ejjannoo faallaa qabaatan Tiraamp mirga sagalee sagaleedhaan shaaruutti fayyadmuun ni kuffiisu.''
Tiraamp dhimma kanarratti ittaanaa saaniitti dheekkamaniiru.
''Dhugaa dubbachuudhaaf dhimma kanarratti hin haasoofne. Innis natti hin himne. Ilaalcha mataasaa qabaatulleen, garuu rakkoo hin qabu'' jedhan.
Tiraamp filannoon milkaa'anii pirezidantii yoo ta'an, Jeedii vaansi seenaa Ameerikaa keessatti pirezidantii ittaanaa hin jaalatamne aangoo qabatan ta'u jechuudha.












