Lolli daangaa naannolee Affaar fi Tigraay lammiilee nagaa gaaga'aa jiraachuun himame

Madda suuraa, Tigray Communication Affairs Bureau
Guyyoota muraasa duraa eegalee daangaa naannolee Affaar fi Tigraayitti lolli gaggeeffamaa jiru lammiilee nagaa gaaga'aa jiraachuun himame.
Haleellaa daangaa irratti raawwata jiru kanaaf naannoleen Tigraay fi Affaar quba walitti qabaa jiru.
Lola naannolee lamaan gidduutti tureen gam lamaanirraayyuu lammiilee nagaan miidhamuu jiraattonni himaniiru.
Mootummaan naannoo Affaar humnoonni TPLF karaa Ab'aalaa daangaa ce'uun Affaar seenanii haleellaa qaqqabsiisaa jiru jechuun himate.
TPLF gamasaan humni addaa naannoo Affaar ''Uummata keenya nagaa irratti itti fufiinsaan haleellaa qaqqabsiisaa jira,'' jechuun himateera.
Waraana ji'oota 14 lakkoofsise kanaan humnoonni TPLF naannolee Amaaraa fi Affaar keessaa bakkeewwan qabatan gadi dhiisanii erga ba'anii waan qabbanaa'e fakkaatus, haleellaa qilleensarraan mootummaan federaalaa raawwataa jiruun lammiilee hedduun miidhamuun bal'inaan gabaafamaa ture.
Waraanni kaaba Itoophiyaa kun lubbuu lammiilee kumaatamaan lakkaa'amanii gaaga'eera, miiliyoonaan kan lakkaa'aman qe'eerraa buqqiseera.

Biiroon Kominikeeshinii naannoo Affaar ibsa ALI Amajjii 08, 2014 baaseen, humnoonni Tigraay,''uummata Affaar nagaa barbaadu irratti haleellaa bifa haaraan raawwataa jiru irraa hatattamaan akka dhaabbatu,'' akeekkachiiseera.
TPLF karaa Kiilbatii Rasuu(Zoon Hulet) Aab'alaa irraan seenuun Muddee 10, 2014 irraa eegalee meeshaalee gurguddaan inni dhukaasaa jiru lammiilee nagaa akkaan miidhaa jiraachuu ibse mootummaan naannoo Affaar.
Haleellaa karaa Kiilbatii Rasuu Aab'alaa Jimaataa fi Sambata darbe TPLF meeshaalee waraanaa gurguddaadhaan raawwateen hedduurra gaaga'amni lubbuu ga'eera, kumaatamatti kan lakkaa'aman ammoo haleellicha dheessuuf jecha qe'ee fi qabeenyasaaniirraa buqqa'aniiru jedha mootummaan naannochaa.
TPLF gamasaan ibsa kaleessa baase keessatti humnoonni addaa naannoo Affaar lammiilee nagaa Tigraay irratti deddeebi'anii haleellaa raawwataa jiru jechuun himateera.
Ibsi ajaja komaand postii waraana Tigraayiin kenname jedhame, humnoonni addaa Affaar ALI Amajjii 07, 2014 iddoowwan Milaazat fi Daandan jedhaman haleeluun lammiilee miidhaniiru jedha.
Komaandi postichi haleellaa raawwate jedhe ofirraa qolachuu himee, lammata haleellaan akka hin raawwanneef jaarsoliin biyyaa fi abbootiin amantaa dhiibbaa akka uuman gaafateera.
Waraanni naannoo Tigraayitti eegalee achiin booda gara naannolee Amaaraa fi Affaaritti babal'ate erga Sadaasa bara 2014 waan tasgabbaa'e fakkaata.
Haata'u malee daangaa naannolee Tigraay, Amaaraa fi Affaaritti walitti bu'iinsi itti fufuun dhagahamus, malli quunnamtii adda waan citeef haala kana sirnaan hubachuun rakkisaa ta'eera.
Mootummaan federaalaa naannolee Amaaraa fi Affaar keessaa humnoota TPLF baasuu erga himee booda karoora gara Tigraay imaluu waan hin qabneef loltoonni bakkuma jiran akka turan ajajeera.













