Waraana Tigraay: 'Iddoowwan finciltoonni Tigraay to'atanitti manneen barnootaa kuma 2 ol manca'an'

Ministira Deetaa Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Aadde Salaamaawit Kaasaa

Madda suuraa, fbc/screen grab

Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Deetaa Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Aadde Salaamaawit Kaasaa

Naannolee Amaaraa fi Affaar iddoowwan finciltoonni Tigraay to'atanitti manneen barnootaa kuma 2 ol sadarkaa gara garaatti manca'u mootummaan hime.

Naannoo Amaaraa godinaalee shan keessatti manneen barnootaa 1660 ta'anirra miidhaan sadarkaa gara garaa gaheera jedhan Ministira Deetaan Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Aadde Salaamaawit Kaasaa.

Kanneen keessaa manneen barnootaa 277 fi dhaabbileen leenjii barsiisotaa 2 guutummaatti kan barbadaa'an ta'uu ibsa har'a kennaniin beeksisaniiru Aadde Salaamaawiit.

Naannoo Affaaritti ammoo manneen barnootaa 455 guutummaatti barbadaa'aniiru jedhan.

Sababa manca'iinsa manneen barnootaa kanarra gaheen naannoo Amaaraa qofatti barattoonni miliyoona 1.2 ta'an barnootaan ala yoo ta'an, barsiisotni kuma 47 ammoo hoji dhabdoota ta'aniiru.

Manneen barnootaa manca'an kanneen deebisanii ijaaruuf dhaabbilee gargaarsaa waliin hojjechuuf gama mootummaan qophiin godhamaa akka jiru himaniiru.

Waraana Kaaba Itoophiyaa waggaa tokkoo ol lakkoofsiseen namotni gargaarsa namoomaa eeggachuuf dirqaman miliyoona 9.4 gahuu UN beeksisee jira.

Naannoo Amaaraa qorannoo taasise jedheen erga waraanni eegalee naannicha keessatti qabeenyi birrii biliyoona 270 ol barbadaa'uu beeksisee ture.

Misoomawwan bu'uuraa qonnaa, buufataaleen fayyaa fi kanneen biroo saamichaa fi manca'iinsi hamaan iratti raawwatamuu hima.

Iddoowwan to'annoo isaa jala jiran keessatti namoota nagaa ajjeesuu dabalatee qabeenya saamuu fi barbadeessuun kan komatamu gareen finciltoota Tigraay, gochoota kana raawwachuu ni waakkata.

Waraana amma naannoo Amaaraa fi Affaar keessatti adeemaa jiruun badiin dabalataa gahuu akka malu yaaddoon jira.

Gargaarsa Namoomaa

Naannoo Amaaraatti lakkoofsi namoota sababa waraana kanaatiin qe'eerraa buqqa'anii miliyoona 1 darbuu Aadde Salaamaawiit Kaasaa himaniiru.

Buqqaatota kanaaf mootumman nyaata kuntaala kuma 265 ol raabsuu himaniiru.

Naannoo Afaaritti lakkoofsi namoota buqqa'anii kuma 76 ta'uu kan himan Aadde Salaamaawiit, kanneeniifis nyaatni kuntaalli kuma 36 kennamaa jira jedhan.

Deeggarsi nyaataa Sagantaan Nyaataa Addunyaa (WFP) gara Tigraay ergu guyyoota darban balalii qilleensaa akkasumas karaa Samaraa itti fufeera jedhan.

Samaraa irraan nyaataa fi meeshaalee barbaachisoo kaan kan fe'anii ulaagaa barbaachisu kan guutan konkolaattonni fe'uumsaa 83 gara Tigraay seenuu himan.

Akka UN jedhutti namoota miliyoona 9.4 deeggarsa barbaadan keessaa %80 jechuun miliyoona 7.8 kan tahan bakkeewwan sababa waraanaan deeggarsi gahuu hin dandeenye keessatti akka argamu.

Waraanni Kaaba Itoophiyaatti waggaa tokko dura jalqabe karaa nagaa akka xumura argatu yaaliin dippiloomaasii godhamaa jiru amma dura bu'aa qabatamaa hin buusne.

Waraanichi hammaachuu hordofee gara adda waraanaa duuluu kan himan MM Abiy, kaleessa ibsa kennaniinis 'milkaa'aa' akka jiran himan.

Waraanni hammaachuu isaan daran yaadda'uu kan himan Ministirri haajaa alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan, hatattamaan mariin akka eegalamu qabu hubachiisan jechuun Rooyitars qabaaseera.