Waraana Kaaba Itoophiyaa: UN sababa waraanaatiif gargaarsi dhiyeessu gufachuu hime

Madda suuraa, WFP
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) toora ittiin gargaarsi namoomaa dhiyaaturra waraanni jiraachuu isaatiin gargaarsa barbaachisu Tigraay qaqqabsiisuun akka gufate ibseera.
UN fi dhaabbileen miti-mootummaa sababa waraanaatiif wantota bu'uuraa barbaachisoo ta'an akka nyaataafi qoricha dhiyeessan hir'suufi haquuf dirqamuu isaanii beeksiseera.
Waajirri Qindeessaa Gargaarsa Atattamaa UN (OCHA) gargaarsa namoomaa gara Maqalee geessu hir'isuu, osoo hin geessiin yeroo dheeraa turuufi haquullee kanan dirqame daandiin ittiin dabarsan kan waraanni irratti gaggeeffamaa jiru waan ta'eef jedheera.
"Karaa Samaraa irraa - Ab'aalaatiin goree - Maqalee geessuun dhiyeessi gargaarsa namoomaa gara Tigraay akka galu taasifamu sababa waraana Ab'aalaa irratti gaggeeffamaa jiruuf Kibxata Amajji 13, 2022 irraa kaasee addaan citeera," jechuun OCHAn Kamisa Amajji 20, 2022 ibsa baaseen himeera.
Erga A L I Adoolessa 26, 2013tiirraa kaasee karaa Ab'aalaatiin boba'aan hojii gargaarsa namoomaatiif oolu gara Tigryaa hin ergamne kan jedhu OCHAn, hanqina boba'aa Tigraay keessa jirurraa kan ka'een dhaabbatichi naannicha keessatti boba'aa argachuu hin dandeenye jedheera.
UN hanga A L I Mudde 04, 2014tti namoonni kuma 10 fi 500 gargaarsa nyaataa argachuu isaanii ibsuun, lakkoofsi namoota gargaarsa fudhataniii kun A L I erga Bitootessa 2013 as isa gadi aanaadha jedheera.
Akka UN jedhutti, lakkoofsi namoota torban torbaniin gargraasa argachuu qabanii kuma 800 ol ta'uu qaba.
UN dhaabbileen gargaarsa namoomaa michoota isaa ta'an midhaan gargaarsaa kuusaa keessaa qaban namoota kuma 28 qofa gargaaruu kan danda'u ta'uu isaa gabaaseera jedhe.
Talaalliin dhibee gifiraa torban sadii dura jalqabee ture daa'imman kuma 14 ta'aniif kennamuu ibsee, talaallii kana daa'immaan kuma 800 fudhachuu qau jedheera.
Hanqinni boba'aafi maallaqqa callaa, qorichi tajaajilaan ala akka hin taane ykn haalaa qilleensaa keessa turuu danda'uun geejjibsiisuun rakkisaa ta'uufi hanqina ogeessota fayyaa qormaatawwan biroo baayyee hamoo ta'an waliin ida'amee duula talaallii gifiraa rakkisaa taasisuu UN ibseera.
Amaaraafi Affaar
Naannoo Amaaraafi Affaar keessatti garuu hojiin gargaarsa namoomaa qaqqabsiisuu babal'achuu isaa OCHAn ibsa isaatiin eeraara.
Torban darbe keessa naannoo amaaraa keessatti ummanni miliyoona walakkaa ta'u gargaarsa nyaataa argachuu isaa ibsuun, namoonni kuma 40 ta'an ammoo gargaarsa miidhaan nyaataan ala ta'anis argachuu isaanii beeksiseera waajirichi.
Waraanicha hordofee namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman qe'ee isaaniirraa buqqa'an gara qe'ee isaaniitti deebiyuu isaanii UN eeree jira.
Naannoo Affaar keessatti garuu namoonni kuma 47 ol ta'an gargaarsa namoomaa argachuu isaanii OCHAn ibsa isaa kanaan mul'iseera.
Namoota bakka sababa waraana kanaan miidhame jiraatan gargaaruudhaaf gareen bakkaa bakkatti socho'an 30 bobba'uu isaanii OCHAn ibseera.

Waraanni ji'a 14 dura naannoo Tigraay keessatti jalqabame gara naannolee hollaa Amaaraafi Affaaritti babal'achuu isaatiin miidhaan namoomaa guddaan qaqqabee qabeenyi guddaanis manca'eera.
Waraanni kun lubbuun namoota kumaan lakkaa'aman akka darbuufi miliyoonaan lakkaa'aman ammoo akka buqqa'an taasisuun isaa irra deddeebiin gabaafamaa tureera.
Sababa waraana kanaatiin Kaaba Itoophiyaa naannoo Tigraay, Amaaraafi Affaar keessatti rakkoo dhalateen namoonni miliyoona 9.4 ol ta'an gargaarsi namoomaa akka isaan barbaachisu UN torbanoota muraasa dura beeksisee ture.
UN dabalatee rakkoo namoomaa waraanni kun qaqqabsiise furuudhaaf humnoonni wal waraanan atattamaan waraanicha haabanii wal-dhibdee gidduu isaanii jiru mariin akka furan biyyoonni Lixaa irra deddeebiin waamicha dhiyeessaa turaniiru.
















