'Dhimmi hiree murteeffannaa uummata Tigraay mariif kan dhiyaatu miti'- Dr Dabratsiyoon

Madda suuraa, BBC TIGRIGNA
Waraana Tigraay dhaabsisuuf tattaaffiin taasifamaa jiru kan abdii namatti horu ta'us, mootummaan federaalaa yeroo kanatti fayyadamuun humna waraanaa cimsataa jira jechuun Dura taa'aan TPLF Dr Debratshiyoon Gabramikaa'el himatan.
Dr Dabratsiyoon kana kan jedhan ALI Guraandhala 11 wayita waggaa 47ffaa guyyaa hundeeffama TPLF kabajanitti ibsa gaazexeesitootaaf kennaniin ture.
Dura taa'aan TPLF kun tattaaffiiwwan nagaa buusuuf taasifamaa jiran ilaalchisuun ''Nagaan akka bu'uuf jecha wanta danda'amu hunda goona jechuuf malee, wanta qormaata guddaa qabudha,'' jechuun himan.
Mariin akka hin milkoofne ''lafarra harkisaa jiru'' jechuun mootummaa himataniiru. Dhimma kana irratti mootummaan waan jedhe hin qabu.
Hoggantoonni UN mootummaan TPLF waliin marii taasisaa akka jiru himanis mootummaan Itoophiyaa garuu dhimma marii kanaa hin himne.
Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii mariin mootummaa fi TPLF gidduutti deemaa jira kan jedhu 'dhugaarraa kan fagaateedha' jedhan.
''Mootummaan humnoota Tigraay [TPLF] waliin ifatti mariin nageenyaa yookiin waliin dubbiin eegale tokkollee hin jiru,'' jechuun ibsan.
Waraanni erga eegalee booda paarlaamaan Itoophiyaa badiiwwan biyyattii keessatti raawwataa jiruuf TPLF itti gaafatamaadha jechuun tarree shororkeessitootaa keessatti galcheera.
Marii nageenyaatti seenuuf hudhaaleen hedduun jiraachuu kan eeran qondaalli TPLF kun, hawaasi idil-addunyaa tattaaffiin taasisaa jiru ammallee gara hojiitti hin geeddaramne jedhan.
Dr Dabratsiyoon itti dabaluun, ''Gama keenyaan ammas gargaarsa namoomaaf balbala banuuf, dhukaasni dhaabbatee baankiiwwan akka banaman, dhiyeessiin maallaqaa fi boba'aas akka jiraatuuf cimsinee hojjachaa jirra. Kanaaf mallattoon nagaa jira,'' jedhan.
Haala amma jiruun gama hundaan Tigraayitti 'ulaan cufamee' turuun hin danda'amu jechuun Dr Dabratsiyoon dubbatan.
Waraanni federaalaa Naannoo Tigraay keessaa waggaa darbe erga bahe booda tajaajilli telekomii, ibsaa, akkasumas baankii adda citeera. Kanaan rakkachuu ummanni irra deddeebbiin ibsaa ture.
Tattaaffiin nagaa buusuuf taasifamaa jiru kan abdii namaaf kennuudha kan jedhan Dr Dabratsiyoon, mootummaan federaalaa garuu yeroo marii nagaaf haalli mijataa jiru kanatti fayyadamuun humnasaa cimsataa jira jechuun himatan.
''Dandeettii isaanii qindeeffachaa jiru, humna qaban walitti qabatanii sadarkaa 'ni dandeenya' jedhan irra yommuu ga'an halleellaa eegaluun isaanii hin oolu. Kanaaf, marii nagaa jedhanii kan isaan dubbatan yeroofiidha malee waan fiixa ba'u miti,'' jedhan.
Waraanni federaalaa haleellaa finciltoota Tigraay irratti baneen humnooti TPLF imala gara Finfinnee taasisanirraa ofirra deebi'uun Tigraayitti erga deebi'an booda mootummaan raayyaan ittisaa Tigraay akka hin seenne ajajuu himeera.
Kanaanis kan isaan deeggaran akkuma jiran kan isaan qeeqanis turan.
Eegasi ajajaan waraana Itoophiyaa gara Maqalee akka qajeelan miidiyaarratti himanii turan. Xinxaltoonni MM Abiy araara buusuuf yaalaniis qaamoleen dhimmicha akka waraanaan xumuran barbaadan jiru jedhu.
Dhimmoota 'mariif hin dhiyeessine'
Adeemsa nageenya buusuuf adeemamaa jiruu fi egeree Tigraay ilaalchisuun ibsa bal'aa kan kennan Dr Dabratsiyoon, qabxiiwwan mariif dhiyaachuu hin qaban jedhanii amanan shan tarreessaniiru.
''Jalqaba humna waraanaa keenya irratti falmiiin hin jiru. Warra amma jiran qofa mitii, ittuu ni daballa, kanaaf kana booda humna keenya qabanneeti jiraanna,'' jedhan.
Dhimma daangaa Tigraay, waraanni Eertiraa akka gadhiisee ba'u, mirgi hiree murteeffannaa uummata Tigraay fi qaamoleen Tigraay irratti yakka raawwatan jedhan seeraan gaafatamuun waan falmiif dhiyaatu miti jedhan.
''Wareegamni kun hundi kan taasifame bulchiinsa deebisuuf qofa miti. Mariin kun ummatni Tigraay adeemsa egeree fedhii isaa ta'e akka murteeffatu kan godhu ta'uu qaba.''
Waraanni Kaaba Itoophiyaatti baatiiwwan 15 dura humnooti TPLF buufata waraanaa federaalaa Naannoo Tigraay jiru erga rukutanii booda eegale ammallee araaraan xumura hin arganne.
Waraanni boodarra Afaariifi Amaaraatti ce'e lammiilee beelaaf, baqannaaf saaxileera. Kumaatamaan kan lakkaa'amanis lubbuu dhabaniiru.











