Qondaaltonni UN bakka awwaalcha jumlaa Kaaba Itoophiyaa daawwatan

Madda suuraa, FANA
Itti aantuun barreessituu-olaantu UN Amiinaa Mohaammad, waraana waliinii mootummaa fedeeraalaa, fi finciltoota Tigraay jidduuttii gaggeefameen naannoo Amharaa keessatti miidhaa qaqqaban daawwatan.
Adde Aminaan Dilbata bakka awwalcha jumlaa daawwachuu isaanii miidiyaan biyya keessaa Fanaa Biroodkaastiing Koorporeet gabaaseera.
Dabalataanis Adde Amiinaan dhimma miidhaa waraana waliinii irratti angaa’ota naannichaa waliin mari’ataniiru.
Jilli UN kun dabalataanis magaalaa guddittii naannoo Tigraay Maqalee daawwataniiru.
Fincooltonni Tigraay naannolee Amaaraa fi Tigraay to’atan keessatti ajjeechaa fi qabeenya barbadeessuu guddaa akka gaggeessan mootummaan isaan himata. Fincooltonni kun ammo mootumman gocha hamaa hedduu akka raawwate himatu.
Haaluma walfakkaatuun Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Gamtaa Afrikaa kan pireezidantii duraanii Naayijeeriyaa turan Oliseegoon Obasaanjoos torbanootaaf harka humnoota TPLF kan turteefi ajjeechaa jumlaa dabalatee miidhaan hedduun irra gaheera jedhamtu magaala Kombolchaa daawwataniiru.
Obasaanjoon waraana gaaga'aa Itoophiyaa keessatti adeemaa jiru karaa nagaan furmaata siyaasaa akka argatu ji'ootaaf yaaliiwwan jaarsummaa adda addaa gocha kan jiran yeroo ta'u ammaan tana naannoo Amaaraan dabalataan Affaarittis miidhaa humnoota TPLF qaqqabe akka daawwatan miidiyaaleen biyya keessaa qabaasaniiru.
Lolli Kaaba Itoophiyaa waggaa tokko dura Naannoo Tigraayitti erga eegale as lubbuun namoota hedduu darbee, hedduun qe’ee isaanirraa buqqa’anii, namootni miiliyoonaan lakka’aman ammoo gargaarsa namooma isaan barbaachisa.
Yaa'ii hooggantoota biyyoota Afrikaa 35ffaa Gamtaa Afrikaa haala milkaaheen kan raawwatte Itoophiyaan, waayee waraanaa kanaafii miidhaawwan qaqqaban irratti keessummoota sagantichaaf dhufaniif ibsa adda addaa kennaa baate.
Waraana gaaga'aa ji'oota 15'f humnoota mootummaa federaalaafi hidhattoota TPLF gidduutti adeemsifamu karaa nagaa xumuruuf Gamtaan Afrikaa, Dhabbaata mootummoota gamtoomanii fi qaamoleen biroo yeroo dheeraaf yaalii taasisaa turaniiru.
Naannoo Tigraay keessatti narsoonnii fi doktaroonni ofiisaaniitiif waan nyaatan argachuuf nyaata kadhachaa jiraachullee BBC‘n hubateera.
Yaa'iin Gamtaa Afrikaa kun Finfinneetti kan gaggeeffame waraana Itoophiyaa keessa jiru mariin furuuf abdiin mul'achaa akka jiru wayita gabaafamaa jirutti.
Dhiyeenya hogganaan Adda Bilisa Baasaa Tigraay (TPLF) Dabratsiyoon Gabramikaa'eel (Dr) gareesaaniifi mootummaa Itoophiyaa jidduutti haasaan al-kallattii taasifamaa jiraachuu BBCtti himaniiru, ta'uus mootummaan ammatti marii kamuu hin eegallee jechuun marichuuf garuu fedhiin jiraachuu ibseera.
Kun kanaan osoo jiruu garuu gabaasa har’a dhaga’ameen humnootiin TPLF haleellaa gama iddoowwan Tigraayi fi naannoo Affaar daangeessaniin banan torban darbe keessa itti cimu naannoon Affaar ibse.
Akka ibsa naannichaatti haleellaan TPLF gaggeessaa jiru kun Sardoo qabachuun darbanii daandii guddicha gara Jabuutii geessuu to'achuuf kan kaayyeeffateedha.
Ibsi waajjirri Kumunikeeshinii Affaar Dilbata baase akka jedhutti aaanaa shan kanneen godina Kiilbatii keessaatti argamanii fi magaalaan Abaalaa humnootii TPLFn to'atamaniiru.
Akka ibsa kanaatti aanaaleen Abaalaa, Magalee, Erabitii, Konabaa fi Baraahile to'annoo humnootii TPLF jala galaniiru.















