Abbootiin amantaa Ortodoksii Tigiraay addatti Mana Lubummaa Tigiraay hundeessuf

Madda suuraa, DW
Abbootiin amantaa Tewehaadoo Ortodoksii Tigiraay mana lubummaa waliigalaa Itoophiyaa irraa foxxoquun mana lubummaa Waliigalaa Tigiraay hundeessuuf murteessan.
Qabeenyummaan isaa TPLF kan tahe buufata Televizhinii Dimtsi Wayyaanee irratti kan dhiyaatan abbootiin amantaa Tewehaadoo Ortodoksii Itoophiyaa haala naannicha keessaa irratti marii erga gaggeessanii booda, mana Lubummaa Waliigalaa Itoophiyaa irraa kan adda bahe Mana Lubummaa Waliigalaa Tigiraay hundeessuuf murteessuu isaanii himan.
Abbootiin amantaa kunneen Bataskaanni Ortodoksii Itoophiyaa waraana Tigiraay keessatti mootummaa federaalaaf loogdeetti jechuun himatu.
Kana malees Tigiraayitti yeroo namni ajjeefamu dhaabbileen adda addaa manca'an manni Lubummaa Itoophiyaa waraanicha hin balaaleffanne jedhan.
Sababa kana irraa kan ka'e ''isa diigame ijaaruufi uummaticha jajjabeessuuf Mana Lubummaa Tigiraay hundeessuun barbaachise'' jedhan abbootiin amantaa kunneen.
Murteen abbootii amantaa Tewehaadoo Ortodoksii Tigiraay kun kan dhagahame erga hogganaa TPLF Dr Dabretsiyoon G/Mikaa'el waliin wal arguun isaanii gabaafameen booda.
Dimtsi Wayyaaneen gabaasa gaafa Amajji 27/2014 baaseen hogganaan TPLF fi abbootiin amantaa Ortodoksii naannichaa yeroo wal argan Dabretsiyoon ''uummatni Tigiraay haleelame jechuun manneetiin amantaa Kiristaanaas haleelaman jechuudha'' jedhanii dubbachuu hime.
Mana Lubummaa Waliigalaa Itoophiyaa irraa cabuun mana lubummaa gara biraa hundeessuuf yaaliin yeroo godhamu kun kan jalqabaa miti.
Kana dura Mana Lubummaa Oromiyaa hundeessuuf yaaliin godhamaa tureera.
Waraanni ji'oota 15 dura naannoo Tigiraayitti jalqabee gara naannolee kaan Kaaba biyyattiitti babal'ate namoomaa fi qabeenya irraan miidhaa guddaa geesiseera.
Sababa waraanichaan manneetii amantaa irratti macaatiin guddaan gahaa turuu yeroo adda addaatti himamaa tureera. Dabalataan namootni baay'een manneetii amantaa keessatti ajjeefamaa turuu hordoftootni amantichaa himaa turan.
Waa'ee hundeeffama mana lubummaa Tigiraay ilaalchisee waajjira Paatiraarkii ol aanaa Itoophiyaa irraa odeeffannoo argachuuf yaallee hin milkoofne.
Waraana Tigiraay hordofee Manni Amantaa Kiristaanaa Itoophiyaa nagaan akka bu'uuf yeroo kadhannaa labsuun kadhannaa gochaa turteetti.
Kanaan alattis Manni Lallabaa kutaa Tigiraay sababa waraanichaan hanqinni qorichaa fi nyaataa mudachuun namootni du'aa jiraachuu himee ture.
Gama biraan qulqulluu Abune Maatiyaas Caamsaa 2013 keessa viidiyoo waraabamee baheen waa'ee Tigiraay akka hin dubbanne ''sagaleen koo ukkaamfameera'' jechuun dubbachuun isaanii ni yaadatama.
Waraanni naannoo Tigiraayitti gaggeeffamaa jirus ''hojii waanbadeeti'' jedhanii yeroo baay'ee yaadni kennaa turan ammoo eeyyama dhabuu akka tahe hubachiisaniiru.
Sagaleen paatirakichaas ejensii tajaajila oduu Faransaayiin kan waraabame yoo tahu walitti bu'insa naannoo Tigiraayitti mudatee fi sarbama mirga namoomaa irra gahes kaasaniiru.















