‘Ibsi Paatriyaarkichaa ejjannoo Sinodoosii Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa bakka hin bu’u’

Madda suuraa, FANA
Paatriyaarkiin mana amantaa Ortodoksii Itoophiyaa Abuna Maatiyaas tibbana ibsi kennan yaada dhuunfaasaaniiti malee Sinoodoosii ‘’bakka hin bu’uu’’ jedhame.
Ibsi Paatriyaarikichi kennan hojimaata Sinodoosii kan hin eegganneefi beekamtii Sinodoosii alatti kan gaggeeffame akka ta’e Barreessaan Sinodoosiifi Kutaa Lallabaa Geedi’oofi Sidaamaatti Phaaphaasii kan ta'an Abuna Yooseef ibsaniiru.
Abuna Maatiyaas dhimma Tigiraayi wayita dubbatan,’’sagaleen koo ukkamfameera,’’ jedhanii turan.
Paatriyaarkichi walitti bu’iinsi naannoo Tigiraayitti adeema jiru’’suukanneessaadha’’ jedhanii ibsanii, hawaasni idila addunyaa ajjechaan namoota nagaarratti qaqqabu karaa dhaabuun danda’amu akka barbaadan gaafatanii turan.
Abuna Yooseef garuu gamasaaniitiin, ibsi kana fakkaatu kan kennamu qabu Koree Dhaabbii Sinodoosichaa harka caalmaa yoo deeggarsa argate akka ta’e ibsuun,‘’Sinodoosiifi Koreen Dhaabbii Sinoodosichaa otoo hin murteessiin Paatriyaarkiin dhuunfaasaaniitiin Bataskaana Ortodoksiifi Sinoodosii qulqulluu bakka bu’aanii ibsa kennuu hin danda’an’’jedhan.
Kanaaf Abuna Maatiyaas tibbana ibsi kennan’’dhuunfaan kan kenname malee Sinoodosicha bakka hin bu’uu’’jedhan.
‘’Ibsi Paatriyaarkichi kennan murtoo Sinodoosii akka hin taane ibsaa, mootummoonni biyyoota addunyaa, lammileen Itoophiyaa biyya keessaafi alaa, akkasuma mootummaan Itoophiyaa akka beeekaniifi hubatan barbaanna’’ jedhan.
Abuna Maatiyaas eenyu?

Madda suuraa, GETTY IMAGES
Abuna Maatiyaas Bataskaana Ortodoksii Taawaahidoo Itoophiyaatti Paatiraarikii 6ffaa ta’uun kan filataman A.L. I Bitootessa 24, bara 2015tti ture.
Abuna Maatiyaas Tigiraay kan dhalatan Aanaa duraan Subahaana Sillaase jedhamutti bara 1934tti ture.
Barnoota barachuuf hiriyootasaanii wajjin gadaamii Tambeen seenan.
Achitti barnootasaanii erga baratanii xumuranii booda Aksumitti barnoota amantii barachuu itti fufan. Itti aansuun Gondaritti barachuun barsiisaa amantaa ta’an.
Abuna Maatiyaas daaqanummaa Phaaphaasii Eertiraa Abuna Maariqoosirraa argatan ture.
Abuna Maatiyaas gadaamiiwwan keessattis barsiisaa turan, sana booda Finfinnee bataskaana Sillaase Kaateederaalitti tajaajila amantaa eegalan.
Bara 1971 Phaaphasii ta’uun filatamanii, Liqa Phaaphaasii ta’uun Yerusaaleem deemanii turan.
Yerusaaleem wayita jiranitti sirni Dergii ejjannoo amantiirratti qabu balaaleffachuun gara Ameerikaatti qajeelan.
Mootummaan Dergi erga kufee booda gara biyyaatti deebi’anii turan.
Sana booda Sinodoosiin Ameerikaatti Phaaphaasii ta’uusaanii mirkaneessuun amantoota Orotodoksii Ameerikaa jiran tajaajilaa turan.
Paatiraarkii mana amantaa Orotodoksii Liqa-Phaaphaas Abuna Phaawuloos du’aan boqochuusaanii hordofee Paatiraarkii mana amantaa Ortodoksii Itoophiyaa ta’uun bara 2005 muudamuusaaniitu yaadatama.













