Humnoonni Tigraay "waraanni bal'aan" irratti banamuu himatan

Humnoonni Tigraay waraanni mootummaa Federaalaafi humnoonni naannoo Amaaraa Hagayya 24, 2022 "waraana bal'aa" nuratti banan jechuun himatan.
TPLF Ibsa Tv naannichaa- TV Tigraay- irratti baaseen, waraanni Itoophiyaafi humnoonni naannoo Amaaraa barii sa'aatii 11:00 irratti kallattii Kibbaa naannoo Amaaraa wajjin wal daangessaniin waraanni guddaan irratti banamuu beeksise.
Akka ibsa 'Komaandii Waraanaa Raayyaa Tigraay' irraa kenname jedhamerraa hubachuun danda'ametti, waraana kana ofirraa qolachuuf garichi uummata Tigraayiif waamicha dhiyeesseera.
Dubbi-himaan TPLF Obbo Getaachoo Raddaa ammoo fuula Tiwiitara isaarratti, "tuttuqqaa torbanootaan booda humni addaa Amaaraa, milishaan Amaaraafi Faannoon Walloo, akkasumas [raayyaan ittisaa] Komaandiin 6ffaa haleellaa baneera," jechuun barreesseera.
Daangaa naannoo Amaaraa fi Tigraayitti sagaleen dhukaasaa jiraachuu jiraattonni himan
Jiraattonni Kaaba Walloo aanaa Raayyaa Qobboo fi Naannoo Tigraay wajjin wal daangessu jiraatan, har'a ganama irraa eegalee sagalee dhukaasa gurguddaa dhagahamaa jiraachuu BBC tti akka himan.
Namoota sadi naannicha jiraatan irraa BBCn akka mirkaneeffatetti, yeroo kaan irraa kan adda ta'e sagalee dhukaasaa gurguddaan akka dhagahamuu yoo himan, garee kamtu akka dhukaasu akka hin barre dubbatan.
Sagaleen dhukaasaa kun addumatti nannawa Saleenwuhaa jedhamu kan Naannoleen Tigraay, Amaara fi Affaar itti wal daangessanitti akka ta'e jiraattonni kun BBCtti kan himan.
Magaala Qobboo irraa fageenya dhiyoo irratti kan argamtu Wajaanfi naannawa isheetti ammoo sagalee dhukaasas ta'ee sochiin waraanaa adda ta'e akka hin jirre jiraattonni ni dubbatu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Himannaa TPLF irraa dhiyaate kana irratti mootummaa Itoophiyaarraas ta'e qaama walabaa irraa hanga ammaati wanti jedhame hin jiru.
Haata'u malee, guyyoota dura mootummaan Federaalaa "TPLF dibbee waraanaa reebaa jira" jechuun himatee ture.
Rooyitars dubbi-himaa humnoota Tigraay fi jiraattota waabeffachuun akka gabaasetti ammoo humnoota mootummaa fi finciltoota Tigraay gidduutti lolli jalqabamuu gabaasera.
Qotee bulaan naannawaa magaala Qobboo Rooyitars dubbise tokko akkas jedhe: "Ganama irraa kaasee sagalee dhukaasaa guddaan dhagahaa jira. Torbee darbe humni addaa Naannoo Amaara fi Faannon gara adda waraanaa konkolaatadhaan osoo imalanii argeen ture."
Jiraatan naannichaa kan biraanis, guyyoota lamaan darban sagaleen dhukaasaa akka ture, humni addaa Naannoo Amaara fi milishoonni Faannoo garasitti socho'aa akka turan Rooyitarsitti hime.
Ministirri Tajaajila Komunikeeshinii mootummaa Federaalaa Dr. Laggasaa Tulluu ibsa torban darbe kenneen, "TPLF dibbee waraanaa reebullee mootummaan garuu ammallee nagaaf dursa kenna" jedhee ture.
Bara kana ji'a Bitootessaa irraa kaasee mootummaa Itoophiyaafi garee TPLF gidduutti waliigalteen waraana dhaabuu deeggarsa namoomaa erga taasifamee as sagaleen dhukaasaa callisee ture.
Haata'u garuu, ajajni jiddu-galeessaa waraana Tigiraay ibsa Hagayya 17, 2022 baaseen waraanni mootummaa Itoophiyaa humnoota Tigraay irratti taankiifi meeshaalee waraanaa gurguddoon haleellaa sa'aatii tokkoof ture raawwachuu himee ture.
Himannaan humnoonni Tigraay adda waraanaa gara garaatiin haleellaan nurratti baname jechuun dhiyeessee ture kanas, dubbi-himtuun Ministira Muummee Biillanee Siyyum ibsa Hagayya 18, 2022 miidiyaaleef kenniteen dhara jechuun marii nagaa irratti hirmaachuu jalaa "miliquuf" akka ta’etti ibsite.

Madda suuraa, Reuters
Ministeerri Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa ibsa Hagayya 23, 2022 baaseen ''odeeffannoo hin mirkanoofne miidiyaalee hawaasaarratti kanneen raabsan'' gocha isaaniirraa akka of qusatan akeekkachiiseera.
Kaaba Itoophiyaatti waraana humnoota Tigraay waliin ji'oota hedduuf gaggeefameen walqabatee ammoo ''gareen shororkeessaan TPLF dibbee waraanaa reebuutti jira'' jechuunis himateera ibsa isaa kanaan Ministeerichi.
Ministeerri Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa ibsa isaa kanaan, ''deeggartootni TPLF maqa-balleessii Raayyaa Ittisaa Itoophiyaatti jiruu,'' jedheera.
Miidiyaaleen biyya alaas akkasitti gabaasaa jiruu jedhee, miidiyaaleen biyya keessaa gariiniifi fayyadamtootni miidiyaalee hawaasaa ''himannaa diigaa ta'e kana wal-harkaa fuudhanii hafarsaa akka jiran hubanneerra,'' jedhe.
Haala qabatamaa waraanni biyyattii irra jiru akkuma amma duraa barbaachisaa yeroo ta'etti ni ibsanaa jechuunis, namootni odeeffannoo hin mirkanoofne waa'ee Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa qoodan gocha isaaniirra akka of qusatan akeekkachiiseera.
Oduun waraanni bifa haaran naannoo Tigraayitti banamuu dhagahamuun isaa mari nageenya qaamolee lamaan gidduutti adeemsifamuuf jedhu shakkii keessa kan galchuudha.
Mootummaan Itoophiyaa mariin Gamtaa Afrikaatin durfamu hatattamaan gaggeeffamee tajaajilli bu'uuraa naannoo Tigraayif akka gadi lakkifamu beeksisee ture.
Torban darbee kaasee ji'ootaaf dubbii ijoo kan ture dhimmi marii araaraa TPLF fi Mootummaa Federaalaa danqamaa akka jiruufi waraanni akka haaraatti eegaluufi dubbiin jedhu dhagaahamaa tureera.
Waraana Waliinii Itoophiyaa erga eegalee ji'ootni 20 ol lakkaawwan kana xumuruuf tattaaffii godhamuuf mootummaan Itoophiyaa garee marii irratti hirmaatu ijaaree qajeelfama marii araaraa kana ilaallatus qopheessuu ibseera.
Akkuma mootummaa Itoophiyaa mariif qophiidha kan jedhu TPLF gama isaan, marichi jaarsummaa Gamtaa Afrikaan gaggefamuun isaa akka isa hin gammachiifne ibsa.
Mariin ni gaggeeffama jedhamus eessattiifi yoom akka eegalamu adda hin baane.
Torban darbee kaasee ammoo yaaddoon waraanichi deebi'ee eegaluu mala jedhu ui sochiiwwan sana akeekan mul'achaa jiru.












