Dhimma xiyyaara Antoonov rukutamee kufuun himamee maaltu beekama?

xiyyaaroota antoonovii

Madda suuraa, Indian air force

Xiyyaarri Antoonov xayyaara bara Sooviyeetii Raashiyaan hojjattee fi meeshaalee waraanaa akkasumas loltoota bakkaa bakkatti deddeebisuuf bal’inaan beekamuudha.

Itoophiyaa dabalatee biyyoonni Afrikaa hedduun xiyyaara kana tajaajila garaa garaatif dhimma itti bahu.

Dhiyeenya kana xiyyaaronni waraanaa Antoonov lama kaaba Itoophiyaatti mul’atan jedhamee bal’inaan odeeffamaa jira.

Torbee lama dura ammoo gosti xayyaara Antoonov kun daangaa qilleensa Itoophiyaa hayyama malee galuu hordofee rukutamee kufuu raayyan ittisa Itoophiyaa beeksisee ture.

Osoo waraanni Kaaba Itoophiyaa irra deebin hin eegalin dura TPLF meeshaalee waraanaa galchaa ture jechuun himata mootummaan.

Dhuguma xiyyaaronni waraanaa Antoonov kun gara naannoo Tigiraay seenaa turanii? Dhiyeenya kana ammoo humni qilleensa Itoophiyaa xiyyaara Antoonov rukutee kuffiseera kan jedhe waanti beekamu maaltu jira?

“Xiyyaaronni dhokatanii galaa turan”

Ministeerri Muummee Abiy torbanoota dura kora dargaggoota guutummaa biyyaa irraa walitti qabaman wajjin marii taasisaniin xiyyaaronni dhoksaadhan naannoo Tigraay galaa turan jedhan.

“Ji’oota muraasa dura xiyyaaronni muraasni dhokatanii galuun Shireetti meeshaalee waraanaa buusaa turan. Miidiyaan tokko illee hin gabaasne. Isaanif nuti hin beeknu itti fakkaata,” jedhan MM Abiy.

Kana haa jedhan malee taatee kana hordofee tarkaanfin mootummaan fudhate jiraachu fi dhiisuu waan dubbatan hin qaban.

Ajajaan Humna Qilleensaa Itoophiyaa Leetinant Jeneraal Yilmaa Mardaasaa, xiyyaarri Antoonoov 26 karaa Sudaaniin qilleensa biyyattii qaxxaamuruun galeera jechuun miidiyaalee biyya keesstti himan.

Xiyyaarichi ‘‘meeshaalee waraanaa fe’uun TPLF dhaaf geessuuf ture’’ jechuun mootummaan kan beeksiise.

Yeroo dhimmi kun himameettis, yeroo xiyyaarichi itti rukutamee jedhameefi bakka isaa ilaalchisee ragaaleen wal faalleessan bahaa kan turan yoo ta’u, Gorsaan Nageenya Biyyaaleessaa Ministira Mummee Ambaasaadar Reediwaan Huseen fuula tiwiitara isaaniirratti ‘‘xiyyaarri qabeenyaa diinoota seenaa keenyaa ta’e meeshaa waraanaa fe’ee Maqaleetti osoo buusuu’’ rukutameera jedhanii ture.

Kana hordofees TPLF karaa dubbi himaasaanii Obbo Geetaachoo Raddaatiin ‘‘kun gonkumaa soba’’ jechuun deebii itti kennanii ture.

Xiyyaara rukutameera jedhame

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Toorawwan tiwiitaraa kanneen fakkaatan xinxaluun deebii kennuun kan beekaman Keeriyoon, Humni qilleensaa Itoophiyaa dhimmicharratti ‘‘odeeffannoon kenne gahaa ta’u baatulleen, dhugaadha’’ jechuun BBCtti himan.

Ajajaan humna qilleensaa ibsa ragaan deeggarame kennuun mootummaan xiyyaaricha rukutee kuffisuu ibsan.

Xinxalaan aviyeeshiinii kun akka jedhaniitti, xiyyaarri N-26 jedhame kun gara daangaa Itoophiyaa kan gale akka lakkoofsa sa’aatii biyyatiitti galgala sa'aatii1:50 irratti.

Keeriyoon, Xiyyaarichi gara bahaatti qajeeluun gara kibba Shireetti, ittaansee ammo gara Aksuumiitti qajeele. ‘‘Isaan booda ammoo haguuggii raadaarii itoophiyaa gadhiisee bahulleen kallattii balaliinsa isaa ilaaluun gara Maqaleetti qajeelaa jiraachuun adda baasuun dubbachuun ni danda’ama,’’ jedha.

Isaan booda alkan gara sa'aatii 3:14tti xiyyaarichi dhumarratti kan irra deeebiin mul’ate liixa Maqaleetti. Itaansee gara daangaa Sudaaniitti qajeelusaa xinxalaan kun ni dubbata.

Ajajaan humna qilleensaa akka jedhaniitti, xiyyaarichi rukutamee kan kufe halkan naannawa sa’aatii 3:30tti.

Keeriyoon akka jedhaniitti, ajajaan humna qilleensaa xiyyaarichi erga raadaarii keessaa badeen booda maal akka umamee ibsu baatanilleen, saffiisa balaliinsa antoonoovii qorachuun ibsichi sirriidha’’ jedhu.

N-26 rukutamuun kan kufe diroonii nama maleessaa baayaaraakrtaar TB2 ol ka’iinsa jiddu galeessaatiin akka ta’e humni qilleensaa Itoophiyaa ibseera.

Xinxalaan aviyeeshinii haala kana bal’inaan xiinxaluun toora isaanii irratti kan barreessan kun akka jedhaniitti, ‘‘ibsi humna qilleensaa Itoophiyaa dhugaa fakkaata. Balaliiwwan Sudaan irraa gara Tigraayiitti jiraachuuf carraansaa bal’aadha’’ jedhu.

Xiyyaara Antoonoovii konkolaatoota waraanaa jidduu

Madda suuraa, Getty Images

Balaliiwwan dhoksaa gara Tigraayiitti ta’aa turanii?

Waraabbiin sagalee qorataa olaanaa Dhaabbata Idil-Addunyaa Kiraayisiis Giruuppii kan ta'an Wiiliyaam Deeviisan ta’uun kan himame tokko, balaliinsiiwwan dhoksaa gara Tigraayiitti taasifaman jiraachuu kan ibsu tokko miidiyaalee hawaasaa irratti dhagahameera.

Waraabbii sagalee kana irratti, qorataan kun xiyyaaroonni kunneen maal akka fe’an beekuu baannuulleen baatiiwwan darban muraasa keessa xiyyaaroonni gara naannoo Tigraayiitti balalii taasisaa turan jedhe.

Sagaleen kunis kan isaa ta’u mirkanneeffachuuf BBC’n Wiiliiyaamii Deeviisanii kan gaafate ture yoo ta’u, sagalichi kan isaa ta’u mirkanneesseera.

‘‘Eeyyeen wantin jedhe sirriidha jedheen amana. Xiyyaaroonni mi’a fe’an gara naannoo Tigraay seenaa akka turan ragaa qaba."

Kana irra darbuun Wiiliyaam xiyyaaroonni eessaa akka ka’an, ykn kan eenyuu akka ta’an ilaalchisee ragaa kennu irraa of qusateera.

Itti dabalunis, ‘‘Keessattu erga waraana bara faranjootaa darbe keessa agarreetiin booda, gareewwan lamaanu dandeettiisaanii cimsataa turan. Gareewwan lamaanu miseensoota adda baasuun, leenjii kennaa fi bittaa meeshaa waraanaa taasisaa akka turan nan amana" jedha Wiiliyaam.

Ministirri Mummee Abiy Ahimad walgahii dargaggoota waliin taasisan irratti dubbii dubbataniin, xiyyaaroonni meeshaa waraanaa fe’an gara naannoo Tigraay seenaa akka turan dubbataniiru.

Humni qilleensaa Itoophiyaa dhimma kanarratti ragaa haa qabaatu malee yaada saanii argachuuf yaaliin taasifne nuuf hin milkoofne.

Xinxalaan Aviyeeshinii Keeriyeen, wayita dhukaasa dhaabuun taasifamee turetti‚ “xiyyaaroota deeggarsa fe’an kan Itoophiyaa, kan Saamaariitaan Parsii DC-8 kan jedhaman kanneen deeggarsa namoomaa fe’aniin alatti xiyyaaroonni gara biraa naannoo Tigraay seenu saanii ragaa hin qabu," jedhan.

Kanaafu himannaa motummaan dhiyaatu kanarratti qondaaltoota mootummaafi fayyadamtoota miidiyaalee hawaasaa tokko tokkoon alatti qaamni kana deegaru hin argamne.

Haata’u malee qaamooleen lamaanu waraanaa amma akka haaraatti ka’eef qophaa’aa akka turan xinxaltoonni ni dubbatu.

Jiddugala Qorannoo Istiraateejiifi Idil-addunyaatti qorataa kan ta’an Kaameeran Haadisan, “qaamooleen lamaanu gara waraanaatti deebii’uu akka danda’an amanaan ture," jedhu.

“Marichi qabatamaan waan mul’atu waan hin argamsiifneefu, deebi’anii waraanaa keessa galuu akka danda’an wantoonni agarsiisan turan."

Xinxalaan Ameerikaa kun akkas haa jedhan malee, gama lamaaninuu baatiiwwaniif qophii olaanaatu ture jechuun ni ulfaata jedhu.

“TPLF osoo qophii cimaa qabaatee boba’aa ni kufata ture. Sagantaa Nyaata Addunyaa jalaa boba’aa fudhachunsaanii qophii guutuu akka hin taasifnee kan agarsiisudha.

“Mootummaanis xiyyaaroota daandii qilleensa Itoophiyaatti fayyadamuun meeshaa waraanaa gara kaabaatti ergeera jedhamuun himatama. Mootummaan jidduugalaas tarkaanfii fudhachuuf karoora osoo qbaatee, daandiiwwan loltummaatti fayyadamuun waraanasaa of eeggannoo irra kaa’a ture,‘‘ jechuun yaada waraanaaf qophiin ture jedhu irratti shakkii qaban ibsu.

Xiyyaaroonni raadaariin ala balalii’uu danda’u?

Xiyyaarri antoonoovii motummaan Itoophiyaa rukutee kuffiiseera jedhees ta’e, xiyyaaroonni qorataan Wiiliiyaam Deeviisan jedhamu gara naannoo Tigraay seenaniiru jedhan hunduu gurguddaadha.

Wiiliyaam Deeviisan ‘‘maal keessa isaanii akka ture beekuu baadhulleen xiyyaaroonni kan mii’a fe’an (kaargoodha’’ jedheera.

Xiyyaaroonni mi’a fe’aniifi kanneen Antonovi, booyiingi fi Eer baasiin omishaman jiddugalaan dheerina baallee meetira 73 qabu.

Ofii xiyyaaroonni gurguddaan akkasii raadaarii ala miliquun balalii’uu ni danda’uu?

Gabaasaan BBC Kiriis Paartiriij Xiyyaarri Antoonoovii raadaariidhaan ala ta’uuf carraansaa baayyee gadaanaadha jedha.

Kana malees xiyyaaroonni gurguddoon kunneenis jettiiwwan waraanaa ykn miisaa’eeloota lafaa dhukaafamaniin rukutamu ni danda’u jedha.

Gama biraatiin ammoo xinxalaan aviyeeshinii Heeriyeen akka jedhaniitti, xiyyaaroonni gurguddaan akka antonoov jiran ‘Transponder’ meeshaa ittiin to’ataman dhaamsan illeen, to’ataan qilleensaa dhiheenyatti argamu isaan arguu danda’a.

‘‘Xiyyaaroonni N-26 jedhaman baayyee guddaa ta’u isaaniirraa kan ka’e, gosti xiyyaaraa beekamu baatulleen, kan balalii’u jiraachu raadaariidhaan ilaaluun ni danda’ama.’’

Miseensi human qilleensaa Ertiraa duraanii maqaansaanii akka hin dhahamneef gaafatan tokkoos, ‘‘simbirri osoo hin hafne’’ raadaarii keessa ni seenu jedhu.

Oggeessi kuni raadaaroonni hanga fageenya km 3500tti arguuf dandeettii akka qaban dubbatu.

‘‘Wanti balalii’u tokko yoo olfageenya faana 400 gadii balalii’e argama raadaariitiin ala ta’u ni danda’a. Xiyyaaroonni antonoovii garuu lafatti gadi fageenya kanaatiin balalii’uu hin danda’an,’’ jedhu.

Taankii waraana Tigraay irratti gubate

Madda suuraa, Getty Images

Sudaan maal jette?

Xiyyaarri naannawa daangaa Kaaba Lixa Itoophiyaan Sudaan waliin wal daangeessituutti Humna Qilleensa Itoophiyaan rukutamuun kufe jedhame, karaa Sudaanin daangaa Itoophiyaa qaxxaamuruun seenutu himame.

Kunis ifatti bahee dhagahamu baatulleen, mootummaan Itoophiyaa karaa keessootiin Sudaan irraa ibsa gaafahcuun akka hin oollee amanama. Kana ta’u yoo baate ammoo walitti dhufeenya biyyattii caalaa booreessa.

Hidha haaromsa guddicha Abbayyaa akkasumas gaaffii daangaatiin Itoophiyaa waliin atakaaroo keessa kan galte Sudaan taatee kana soba jette.

Oduun xiyyaarichi rukutamun kufuun akkuma dhagahameen, dubbi himaan raayyaa ittisa biyyattii, Naabiil Abdalaah, Biluumbargiitti akka himeetti, ‘‘Sudaan taatee kana waliin hidhata omaatu hin qabdu’’ jedhe.

Dhimma kanarrattis hanga Kibxata darbeetti gama biyyoota lamaanitiinu wal dhabdees ta’e wal himannaan jedhame homtu hin turre.

Booda garuu ALI Hagayya 24, 2014tti, dhimma xiyyaara rukutamuun kufee jedhame kanaarratti Sudaan ambaasaadara Itoophiyaa sudaaniitti argamu waamuun dubbifte jirti.

Ministeerri Dhimma Alaa Sudaan, Ambaasaadarri Itoophiyaa Yibalxaan A’imiroo, ibsa xiyyaaricha ilaalchisuun kennaniin gammadoo waan hin taaneef Ambaasadaricha waamuun kan haasofsiise.

Maddi oduu Mootummaa Sudaan, Sunaan akka gabaaseetti, Ambaasaadari Yibalxaaliin kan dubbisan, Ministeera Dhimma Alaa Sudaaniitti Daareektara Dhimmoota Afriikaa kan ta’an, Jeeneeraal Ambaasaadar Faadal Abdulaah Faadal yoo ta’an, Ambaasaadarri Itoophiyaa yaada miidiyaaleef kennan akka deebiisanii sirreessaniif gaafataniiru.

Kana irra kan darbe garuu, dhimma kanarratti Finfinneefi Kaartuum jidduutti wanti jedhame omtu hin jiru.