Waamichi nageenyaa TPLF maal akeeka, callisuun mootummaa hoo?

Madda suuraa, Getty Images
Humnoonni Tigraay adeemsa marii nagaa gaaddisa Gamtaa Afrikaa -AU jalatti gaggeeffamu irratti hirmaachuuf waliigaluu himaniiru.
Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) waamicha kana kan dhiyeesse, erga waraanni isaan mootummaa Federaalaa Itoophiyaa waliin gaggeessan irra deebiin eegale boodadha.
Mootummaan amma dura dhukaasa dhaabuu gam-tokkoon labsuu hordofee, lolichi ji’ootaaf qabbanaa’ee ture.
Yeroo kanattis mootummaan Itoophiyaa, marii nagaa AUn hoogganamu taa’uuf qophii tahuusaa himuun, kanneen hirmaatanis adda baasee ture.
TPLF gamasaan garee jaarsummaa pireezidantii duraanii Naayijeeriyaa fi ergamaa Addaa Gamtaa Afriikaa Oluseeguun Obaasaanjoon durfamu akka hin fudhannee garuu marii nagaa Keeniyaan durfamu akka simatu himee ture.
Waraanichi erga akka haaraatti jalaqabee booda waamicha nageenyaa anga’oonni Tigraay dhiyeessan, qaamoleen idil-ddunyaa miira gaariidhaan simataniiru.
Haata'u malee mootummaan Itoophiyaa dhimma kanarratti hanga ammaa ifatti waanti dubbate hinjiru.
Ibsi TPLF maal akeeka?
Humnoonni Tigraay bara haaraa Itoophiyaa 2015 irratti ibsa baasaniin, barri haaraa Tigraay keessa kan dhukaasni itti hin dhagahamne, tajaajiloonni bu’uuraa fi qarqaarsi namoomaa itti dhiyaatu akka tahu fedhii qabaachuu himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ergamaan Addaa Gamtaa Afriikaa, Obaasaanjoo kan yeroon ergamasaanii dhiyeenya kana xumurames, akka haaraatti yeroon dheereeffamuun akka itti fufan AUn murteesseera.
Gama kaaniin Pireezidantiin Keeniyaa amma baallii fudhatan Wiiliyaam Ruutoon, pireezidantiin duraanii Uhuruu Keeniyaataan biyyattiitti nagayaa buusuuf yaalii amma dura jalaqabanii turan akka itti fufan mirkaneessaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa waamicha nageenyaa TPLF dhiyeesseef hanga ammaa deebii kennuu baatus, marii nageenyaa Gamtaa Afrikaan durfamu irratti hirmaachuuf ‘‘fedhii cimaa’’ qabaachuu MM Ittaanaa biyyattii Dammaqa Makonnin Gamtaa Awurooppaatti himuu Ministeerri Dhimma Alaa ibseera.
‘‘Waamichi nageenyaa TPLF sababoota lamaaf falmisiisaa taheera,’’ jedha Hoogganaan Waldaa Falmattoota Mirga Namoomaa Itoophiyaa Yaared Hayilamaariyaam.
‘‘Kan jalqabaa, waamichi kun kan labsame wayita waraanni haalaan adeemaa turetti. Gaafa waamichi kun dhiyaate ykn gaafa ittaanu natti fakkaata, oduun TPLF adda waraanaa garagaraatti haleellaa baneera jedhan dhagahamaa turan. Waamichi nageenyaa fi waraanni akkamiin wajjin adeema kan jedhu waan yaachisaadha.’’
Kan lammeessoo ammoo tilmaama: ‘‘gareen kun waamicha nageenyaa kana kan labse, miidhaan cimaan waan irra gaheefi waamichi kun kan onneerraa madde miti, kan itti yeroo dhereeffatudha,’’ jedhu akka tahe kaasu.
‘‘An garuu sababni isaanii dirree waraanaatti miidhaa dabalataa hambsisuufis tahe kaaniif, waamicha kana xiyyeeffannoon ilaala.
TPLF dhugumaan nagayaaf qophiidhaa? kan jedhu boodarra kan ilaallu taha. An gama kootiin, waamicha kana hin kuffisu.’’
'Lolli kufaatii siyaasaati'
Ogeessi seera idiladdunyaa fi gameessi dippiloomaasii Obboo Baay’isaa Waaqwayyaa, Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii - UN keessa itti gaafatamummaa garagaraan ganna 30’f kan hojjetan ennaa tahu, bakka bu’aa dhaabbatichaa Raashiyaa keessaa tahanis tajaajilaniiru.
Hayyuun kun ‘‘lolli kufina siyaasaati, dadhabina siyaasaatu lola fida,’’ jechuun qaamoleen lamaan gara lolaatti deemuun isaanii dogongoradha jedhu.
Gama kaaniin ammoo Itoophiyaa keessatti taa’anii rakkoo karaa mariin furuun akka dadhabinaatti ilaalama jedhan.
‘‘Seenaa Itoophiyaa yoo fudhatte: wal-loltee, cabsitee, mootee, jilbeeffanchiiftee… diinakee balleessita malee, walqixa teessee haasofta kan jedhu hinjiru.
Amma yeroo Tigraay koottaa ni haasofna jedhu, mootummaan Itoophiyaa ammoo ‘jarattin dadhabdeetti, kanaaf nagaa barbaaddi. Kanaaf itti fufnee cabsina’ kan jedhutu dhagahama.’’
Obboo Baay’issan dabaluun: ‘‘Kana kan jedhu mootummaa qofa osoo hin taane, warri baratan, namoonni gurguddaan, ‘amma dhaqanii cabsuudha,’’ jechuun rakkinicha ittuu hammeessaa akka jiran himu.
‘‘Ni haasofna jechuu akka dadhabinaatti hin ilaalu ani, [sababni isaa waan fedhes tahu] – kuni jabina. Lubbuu namaa hambisa, diinagdeen hin miidhamu, bu’uuraalee misoomaa badiirraa hambisa. Kanaafis jajjabeeffamuu qabu,’’ jechuun lubbuu namaafi qabeenya mancaatii jalaa oolchuuf ‘‘mootummaanis kanaaf deebisuutu irra jira,’’ jedhu.

Madda suuraa, Getty Images
Callisa mootummaa fi haal-dureewwan
Obboo Yaared Hayilamaariyaam: ‘‘akeekni callisa mootummaa maali kan jedhu tilmaamuun rakkisaadha,’’ jedhu.
Callisni mootummaa gaaffii namatti tahus ‘‘Waamicha gama TPLFn dhiyaate ija shakkiin ilaaluu yookaas amanuu dhiisuu tahuu danda’a,’’ jedhu.
‘‘Tarii mootummaan gama TPLFn wanti dabalataa eegu jiraachuu mala. Bakka amma waraanni jiru keessaa akka bahu, ykn ammoo dhukaasni akka dhaabatu barbaades tahuu mala.
Anga’oonni mootummaa tokko tokko fuula marsaalee hawaasaa isaaniirratti, yaada TPLF hidhannoo hiikkachuu qaba jedhu barreessanii agarre.
Mootummaan hanga ammaa callisuun isaa TPLF wajjin walamanuu waan dadhabeef natti fakkaata. Haatahu malee mootummaan yaada otoo hin kennin kana jechuun rakkisaadha.’’
TPLF waamicha nageenyaa erga labsee booda ibsa kan kennan ajajaan Humnoota Tigraay Jeneraal Taaddasa Warada, ‘‘dhimma Lixa Tigraay irratti mariin hinjiru,’’ jechuun haalduree kaa’an.
Ittigaafatamaan Waldaa Falmattoota Mirga Namoomaa Itoophiyaa Obboo Yaared, haaldureen adeemsa araaraaf danqaa taha jedhu.
‘‘Waliigalteen AUn jaarsummaa haa gaggeessu jedhan akum jiranitti, gaaffilee iddoowwan naannoo Tigraay duraanii haa deebiyan jedhan keessa galchaniiru. Haaldureen kana fakkaatan adeemsa araaraa gamanumaan balleessu jedheen amana.
Haalduree kan tahuun irra jiru: eenyu nu haa mariisisu? Yoom? Eenyu haa taajjabu? Kan jedhaniifi dhukaasa dhaabuudha.’’
Obaasaanjoo gara Uhuruutti?
Pireezidantiin Keeniyaa dhiyeenya aangoo lakkisan Uhuruu Keeniyaataa, MM Abiy Ahimad dabalatee bakka dureewwan biyyaa hedduu jiranitti, Aabba Wiiliyaam Ruutoof baallii dabarsan.
Pireezidant Ruutoon dubbii qaraa aangoo erga fudhatanii booda taasisaniin, Pireezidantiin duraanii Uhuruu Keeniyaataa naannoo Great Lakes jedhamaniifi Itoophiyaatti nagayaa buusuuf hojii jajjabeessaa hojjetan jedhan.
Waraana waliinii Itoophiyaa keessa ganna lama guutuuf adeemu kanaan, qaamolee walwaraanan gaaddisa mariitti fiduuf, Gamtaa Afrikaa -AU dabalatee maqaan nama siyaasaa Uhuruu Keeniyaataas irra deddeebiin ka’a.
Biyti Afrikaa Bahaa Keeniyaa, biyya olla Itoophiyaa wajjin hariiroo cimaa kan qabdu oggaa tahu, Aabba Keeniyaataan waraana Kaaba Itoophiyaa dhalachuu jalqabee, irra deddeebiin gara Finfinnee imalaniiru.
Ergamaan addaa Au ka tahan pireezidantiin duraanii Naayijeeriyaa Oluseeguun Obaasaanjoo, qaamolee lamaan gidduutti qabbana buusuuf yaalanis osoo hin milkaa’in hafaniiru.
Anga’oonni TPLF Obaasaanjoon mootummaa Itoophiyaaf ‘‘dhiyeenya qabu” jechuun ija shakkiin ilaalu.
Ameerikaatti bakka bu’aa TPLF kan tahan Yohaannis Abirihaa: ‘‘Marii mootummaa Itoophiyaa wajjin taasifamu gama Gamtaa Afrikaan tahuusaa mormuu baannus, Pireezidantiin duraanii Naayijeeriyaa adeemsa jaarsummaa kana akka hoogganan garuu simanneerra hinjenne,’’ jechuun BBCtti himaniiru.
Xiinxalaa dhimmoota nageenyaa Afrikaa kan tahe Abdullaahi Boruu Halakee, pireezidantiin duraanii kun Itoophiyaatti nagayaa buusuuf yaalii amma dura jalaqabanii turan akka itti fufan mirkaneessuun isaanii waan dansaati jechuun, garuu kun hin taha jedhanii eegaa akka hin turre kaasu.
‘‘Uhuruu Keeniyaataan wayita aangoorra turanitti, dhimma Itoophiyaa fi Demokraatik Rippablik of Koongoo - DRC dhiyeenyaan hordofaa turan. Pireezidantii haarayaa kanaaf Uhuruun dhimma kana akka itti fufu gochuun isaanii barbaachisaa qofa osoo hin taane, tarsimoowaadhas.’’
Mootummaan Itoophiyaa MM Abiy Ahimadin durfamu, mariin TPLF wajjin gaggeeffamu gaaddisa Gamtaa Afrikaa jalatti tahuu qaba ejjennoo jedhu qabu eeruun, Pireezidaantiin duraanii kun gaheen isaanii maal akka tahe ifa miti jedha Abdullaahin.
‘‘Kanaafuu Keeniyaataan yoomiifi akkamiin adeemsa marii nageenyaa AU kana deeggaru, wajjin hojjetu yookaan ammoo mormus kan jedhu dhiyeenyaan hordofuu qabna.’’
Adeemsa marii nageenyaa kana keessa dhimmi ijoon keessattuu gama TPLFn kahu dhimma amanamummaa qaama mariisisuuti.
Pireezidaantin duraanii kun adeemsa kana keessa ni hirmaatu yoo tahe, fudhatamni qaamolee lamaaniirraa qaban maal fakkaata jennee kan gaafanne Aabba Abdullaahi, kuni dhimma salphaa hintahu jedha.
‘‘Akka yaada kiyyaatti mootummaan [federaalaa] adeemsa kana to’achuu barbaada. Adeemsi Obaasaanjoon hoogganan fedhii isaanii kana wajjin deema. Garuu Keeniyaataa yoo fudhanne, isa to’achuu hin danda’an.
Aabba Uhuruun amma akka biyyaatti kan deeggarsa qaban. Itoophiyaa fi Keeniyaan akka biyyoota michuutti wal ilaalanis, naannichatti olaantummaa qabachuufis kan morkachaa jiranidha.
TPLF qofa osoo hin taane, biyyoonni [Arabaa] fi Ameerikaanis adeemsa Keeniyaataan hoogganan gara caalu deeggaru.
Kanaaf muudama isaanii ammaa kana wayitan ilaalu, kuni hangam yaada Ruutooti yookaan ammoo fedhii qaamolee alaa adeemsa kanarratti hirmaachuu barbaadaniiti kan jedhu ifa miti,’’ jedhu.












