Itoophiyaan ibsa Gamtaa Awurooppaan 'mufachuu' ibsite

Mootummaan Itoophiyaa fi humnoonni Tigraay waggoota lamaan darbaniif wal waraanaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Itoophiyaan Gamtaan Awurooppaa badii TPLF yeroo garagaraatti raawwata jedheen beekaa bira darbuu filate jechuun komii ibse.

Haleellaan diroonii magaalaa Maqaleetti raawwataman adeemsa marii nageenyaa kan gufachiisuudha jechuun Gamtaan Awurooppaa (EU) ibsee ture.

Dubbi himaan gamtichaa ibsa Roobii kaleessaa baasan keessatti, haleellaawwan qilleensarraan mudataa jiran marii nageenyaa Itoophiyaa kan balaarra buusuudha jedhan.

Itoophiyaan deebii kenniteen ibsa dhaabbatichaan 'mufachuu' ibsite.

Imbaasiin Itoophiyaa Beeljiyeem jiru ibsa baasen tarkaanfii nagaan akka bu'u mootummaan Itoophiyaa fudhate gamtichi hin ibsin hafe jechuun qeeqe.

Dabaluunis, TPLF waraanni mariin akka xumura argatu qophii ta’u isaa gamtichi ibsuun 'dogongorsiisaadha' jechuun komate.

Ibsi mootummaa Itoophiyaa waraanni mariin akka xumura akka argatu yoomuu qophii ta'u ibse.

Turtii baatiiwwan shan booda waraana akka haaraatti eegaleef qaamoleen lamaan wal himatu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haleellaawwan dirooniin guyyoota lamaaf torban kana Maqalee raawwatan jedhamaniin lakkoofsi namoota du'anii 12 gahuu Daarektarri Meedikaalaa Hospitaala Ayidar Dr Kibroom Gabrasillaasee gaafa Kamisaa BBCtti himaniiru.

Kanneen biroo 18 ta'an immoo madaa'uu himan.

Haleellaan kun iddoo jireenyaa lammiilee nagaarratti kan xiyyeeffatee fi kanaanis namoonni nagaan ajjeefamuu qondaalli TPLF Geetaachoo Raddaa tiwiitarii isaarratti barreesseera.

Waa'ee haleellaa diroonii magaalaa Maqaleetti mudate jedhameerratti mootummaan federaalaa hanga yoonaa homaa hin jenne.

Gamtaan Awurooppaa ibsa isaa kanaan, waraana kana keessatti hirmaannaan loltoota Ertiraa marii nageenyaa Itoophiyaa akkaan gufachiisaa jira jedhe.

Dhiheenya kana humnoonni Tigraay hatattamaan waraanni akka dhaabbatu waamicha dhiheessaniiru, kan duraan didaa turam-Gamtaa Afrikaa jalatti mari'achuuf qophii ta'uus ibsaniiru.

Mootummaan federaalaas dhukaasi dhaabbatee waraanichis marii nagaan akka furamu fedha qabaachuu ibsaa ture.

Haalli kun nageenyi akka bu'uuf abdii ta'ee ture, garuu bu'aa qabatamaatti osoo hin jijjiramin karaatti hafeera.

Fedhiin qaamolee lameen biraa dhagahamu osoo hojiitti hiikamee, waraana dhaabuun rakkoo karaa nagaan hiikuuf carraa guddaa ta'uu kan eere Gamtaan Awurooppaa, kun ta'uu dhabuutti akkaan gadduu ibse.

Biyyi duraanuu daafoo waraanaan raafamaa jirtu deebitee waraana haaraatti seenuun, lubbuu lammiilee hedduu kan gaaga'uu fi akka waliigalaatti biyyattii kufaatii diinagdee hamaaf kan saaxiluudha jechuun yaaddoo qabu ibse Gamtaan Awurooppaa.

''Filannoon jiru marii nageenyaa qofa,'' kan jedhe Gamtaan Awurooppaa, barri haaraan Itoophiyaaf nagaa fidee dhufuu akka qabu dhaameera.

Qaamoleen lameenuu carraa amma jirutti fayyadamuun waraanicha nagaan akka goolabanii fi mariidhaan nageenya waaraa fiduurratti akka xiyyeeffatanis gaafateera.

Gamtaan Awurooppaa marii karaa Gamtaa Afrikaa gaggeeffamuu fi nageenya Itoophiyaaf tattaaffii biyyoonni addunyaa taasisan hundaa cinaa dhaabbachuun akka deeggarus ibseera.

Mootummaan Itoophiyaa marii Gamtaan Afrikaa gaggeessu irratti qooda fudhachuuf qophii qabaachuus Ministirri Muummee Itti Aanaa Dammaqa Makonnin Gamtaa Awurooppaatti himaniiru.

Obbo Dammaqa Makonnin Gamtaan Awurooppaa adeemsa waraanicha nagaan hiikuu keessatti deeggarsa akka taasisu amantaa qabaachuu, gamtichatti daarektara dhimma Afrikaa kan ta'an Riittaa Laaraanjiinhaa waliin wayita mari'atan ibsaniiru.

Mootummaansaanii hariiroo Gamtaa Awurooppaa waliin qabu akka cimsus dubbatan, daaretarittiinsi Itoophiyaa waliin michummaa cimsuu, keessattuu gama nageenyaan deeggarsa barbaachisu yeroo kamittuu taasisuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.