Gamtaan Awuurooppaa haleellaa Ertiraan Tigraay irratti bante jedhame qeeqe

Waraana Tigiraay

Madda suuraa, Getty Images

Looltoonni Ertiraa gara naannoo Tigraayiitti galuun haleellaa raawwataniiru gabaasa jedhu hordofuun Gamtaan Aurooppaa gochichi lolichi caalaa jabeessa jechuun akeekkachisee.

‘‘Gamtaan Awurooppaa qaamoleen hunduu furmaata waraanaa dhiisanii ummata isaaniif jecha marii nageenyaatti akka deebii’an irra deebiin gaafanna,’’ jechuun Hogganaan Dhimmoota Alaa fi Imaammata Nageenyaa EU Jooseef Booreel himan.

Humnootni Tigraay loltoota Ertiraatiin waraanni jabaan irratti banamuu fi naannolee Ertiraan wal daangeessan irratti Ertiraa waliin waraana cimaa gaggeessaa jiraachu himunsaanii ni yaadatama.

Dubbii Himaan TPLF Geetaachoo Raddaa loltoonni Ertiraa loltoota mootummaa Itoophiyaa fi milishoota naannoo waliin hiriiruun nu waraanaa jiru jedhan

Haata’u malee, himannaa humnootiin Ertiraa naannicha seenaniiru jedhu kanarratti mootummaa Itoophiyaas ta’e kan Ertiraa hanga yoonaatti kan jedhan hin jiru.

Waraanaa Kaaba Itoophiyaatti gara waggaa lamaatiif gaggeeffamaa jiru kana karaa nagaatiin furuudhaaf yaalii taasisaa kan jiran Gaanfa Afriikaatti ergamaan Addaa Ameeriikaa, Maayiik Hamar looltoonni Ertiraa daangaa qaxxaamuruun gara naannoo Tigraayiitti seenuu isaanii biyyisaanii quba akka qabdu dubbatanii ture.

Ergamaan Addaa kunis ‘‘sochiilee waraanni Ertiraaa daangaan gamatti taasisaa ture hordofaa turre’’ jechuun sochii kanas biyyisaanii akka balaaleeffatu dabaluun himanii ture.

Dhiyeessii deeggarsa namoomaatiif akka mijatuuf jecha qaamooleen wal waraanaan lamaanuu dhukaasa dhaabuu Addoleessa keessa waliigalanii ture erga diigameen booda eddoowwan garaa garaatti waraanni deebii’ee ka’un himamaa jira.

Waraana akka haaraatti deebii’ee ka’e kanaafis motummaan Itoophiyaatiifi humnootii TPLF quba walitti qabaa jiru.

Waraanaa Kaabaa Itoophiyaatti waggoota lamaan darbaniif gaggeeffamu keessatti Ertiraan waraana mootummaa federaalaa waliin hiriiruun TPLF waraanaa akka turte qaamooleen lamaanuu dura haalan illeen booda garuu dhugaa ta’un mirkanaa’eera.

Sababii waraana kanaatinis naannoo Tigraay bira darbiin naannoolee ollaa kan akka Amaaraa fi Tigraay keessattis badiinsa lubbuufi qabeenyaa hedduutiif madda ta’eera.