Mootummaan Itoophiyaa gabaasa qorattoonni mirga namoomaa UN baasan akka hin fudhanne ibse

Waraana Kaaba Itoophiyaa

Madda suuraa, Reuters

Mootummaan Itoophiyaa gabaasa Komishiniin Mirga Namoomaa UN yakkawwan waraanaa mootummaa Itoophiyaan raawwateera jedhee himate balaaleffate.

Gabaasichi '‘guutuu kan hin taane, kan wal-hin qabannee fi ragaan kan hin dabaalamnedha,’’ akkasumas Itoophiyaa xiqqeessuuf kaayyeffate jechuun qeeqe.

Gareen ekispartoota UN dhimma Itoophiyaa qorachuuf hundaa’e gabaasa isaa jalqabaa Wiixata baaseen, ragaa amanamaa waraanni Itoophiyaa ajjeechaa bal’aa raawwatu qabaachu himee ture.

Qorattoonni UN mootummaan ''beela akka meeshaa waraanaatti dhimma bahaa jira’’ jechuun himatanii Tigraay keessa tajaajiloonni bu’uuraa akka eegalan gaafatan.

Komishinichi humnootni TPLF yakka waraanaa, ajjeechaa gurguddaa saba Amaaraa irratti raawwachuu fi yakka gudeeddii fi miidhaa saalaa dhaqqabsiisuu isaaniif ''ragaa amansiisaa tahen qabas’’ jedheera.

Miidiyaa mootummaa kan ta'e Tajaajilli Oduu Itoophiyaa deebii mootummaa qoodeedha jedheen, mootummaan hojii garee qorattootaa ‘’sadarkaarraa kan hanqate’’ akkasumas '‘ergama qabuun’’ gadduu ibse.

Qorannoon kun '‘maqaa qorannoon ergaa siyaasaa dabarfamedha,’’ jechuun mootummaan balaaleeffateera.

Jeenevitti bakka bu’aa mootummaa kan ta’an Ambaasaaddar Zannaba Kabbada mootummaan beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamuu isaa ‘’ragaa tokkoyyuu hin dhiheessine’’ jechuun AFP’tti dubbatan.

Gorsaan nageenyaa MM Abiy Ahimad, Obbo Reduwaan Huseen siyaasa ‘’Itoophiyaa yakkuufi gad-qabani mul’isuu’’ durumaa yaadamedha jechuun Tiwiitara gubbaa gabaasicha qeeqan.

Obbo Reduwaan gabaasicha kan ‘’waliin dhahameefi qabatamaa hin taane’’ jechuun komataniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mootummaan kanneen badiin shakkaman seeratti dhiheessuu isaa himuun himannaa irratti dhihaate akka hin fudhanne ibse.

Humnoonni Tigraay garuu gabaasa kana akka fudhatan kana dura ibsaniru.

Dubbii Himaan TPLF Obbo Getaachoo Raddaa mootummaan Itoophiyaa yakka namoomaa naannicha keessatti raawwachuu isaa ‘’itti cichinee himaa turre’’ jechuun AFP'tti himan.

Komishinichi waraana Kaaba Itoophiyaan sarbamni mirga namoomaa olaanaa raawwatuu ragaa walitti qabachuu isaa beeksiseera.

Miseensota sadii kan qabu komishiniin waa’ee Itoophiyaa qoratu badiiwwan raawwatan '‘yakka waraanaa’’ akkasumas '‘yakka namoomaa irratti raawwate’’ jechuu kan dandeessisutu raawwate jedheera.

Gabaasi qorattoota UN badiiwwan raawwateef qaamoleen waraana keessa turan hunduu qooda fudhataniiru jedhe.

Mootummaan durumaa hundeeffama komishinii qorannoo addatti dhimma Itoophiyaa qoratu mormaa ture.

Sababa kanaaf qorattoonni Yugaandaa buufatanii fagoodhaa qorachaa jiru.

Aangawoonni Itoophiyaa gabaasi bahe badii TPLF raawwate jedhan salphisee ilaale jechuun balaaleeffatani.

Qaamoleen waraana keessa jiran yakkawwan waraanaan yoo himataman kuni kan duraa miti.

Qorannoon waloo UN fi komishinii Itoophiyaa waggaa darbe qorannoo isaa ifa godheen yakki waraanaa fi yakki namoomaa qaamolee waraana keessatti hirmaatan hundaan gahuu akka hin oolle himee ture.

Muddama mootummaa federaalaafi TPLF gidduu adeemaa erga tureen booda humnoonni TPLF buufata waraanaa Itoophiyaa haleeluu hordofee ture waraanni baatiiwwan 22 dura Tigraayitti kan eegale.

Waraanichi Tigraayittis eegalu gara Amaaraafi Affaar babal’achuun badii guddaa dhaqqabsiiseera.

Lammiileen miiliyoonaan lakkaa'aman qe'eerraa yoo buqqa'an sababa waraanaan kanneen deeggarsa namoomaaf saaxilamanis hedduudha.

Waraanni kun ammallee hin dhaabatiin jira.