Mootummaan federaalaafi michoonni isaa Tigraayitti 'yakka namoomaa raawwatuu amanna' - Qorattoota UN

Waraana kaaba Itoophiyaa waggoota lamaa ol lakkoofsise

Madda suuraa, AFP

Qorattootni UN mootummaan Itoophiyaa yakka namoomaa naannoo Tigiraayitti raawwate duuba jira jechuun himatan.

Waraanichi irra deebiin ka’uun isaas ‘’yakka hamaa’’ dhaqqabsiisuu itti fufa jechuun ibsani.

Gareen ekispartoota mirga namoomaa waggaa darbe dhimma Itoophiyaa qorachuuf hundaa'an kan kana jedhan gabaasa isaanii jalqabaa gaafa Wiixataa baasaniini.

Erga sadaasa 2020 waraanni Kaaba Itoophiyaatti jalqabee qaamolee hundaan yakki dhaqqabuu isaaf ragaa argadheera jedhaniiru qorattoonni kunneen.

Humnootni TPLF, humnootni mootummaa federaalaa fi michoonni isaanii yakka waraanaa fi namoomaa lammiilee nagaa irratti yeroo adda addaa fi bakka adda addaatti raawwachuu isaanii komishinichi eera.

‘Bakkeewan adda addaatti haleellaan yakka waraanaa fi yakka namoomaa madaalu raawwachuu isaaf ragaa amansiisoo tahan qaba,’ jedheera komishinichi.

Himannaa kana irratti mootummaan ifatti deebii kenne hin qabu. Haa ta'u malee, Ambaasaaddarri Itoophiyaa 'ergama siyaasaa qaba, guutus miti,' jechuun balaaleffatan.

Qondaalonni TPLF garuu gabaasa komishinichaa fudhachuu ibsan.

Dubbii Himaan TPLF Obbo Getaachoo Raddaa mootummaan Itoophiyaa yakka namoomaa naannicha keessatti raawwachuu isaa ‘’itti cichinee himaa turre’’ jechuun AFP'tti himan.

Haa tahu malee, komishinichi gabaasa Fulbaana 19,2022 baase keessatti humnootni TPLF yakka waraanaa, ajjeechaa gurguddaa saba Amaaraa irratti raawwachuu fi yakka gudeeddii fi miidhaa saalaa dhaqqabsiisuu isaaniif ''ragaa amansiisaa tahen qaba’’ jedhe.

Qaamoleen waraana keessa jiran yakkawwan waraanaan yoo himataman kuni kan duraa miti.

Qorannoon waloo UN fi komishinii Itoophiyaa waggaa darbe qorannoo isaa ifa godheen yakki waraanaa fi yakki namoomaa qaamolee waraana keessatti hirmaatan hundaan gahuu akka hin oolle himee ture.

Gabaasni kun Fulbaana 22,2022 Mana Maree Mirga namoomaa UN’f kan dhiyaatu yoo tahu, yakkoota waraanaa tahuu hin oolle jedhaman dabalatee qaamoleen hunduu ariitiin waraana dhaabuu akka qaban hime.

Dura teessuun komishinichaa Kaari Beeti Murungiin "Kaaba Itoophiyaatti dhukaasni irra deebiin jalqabuun isaa lammiilee nagaa irra miidhaa fi yakka dabalataa geesisuun isaa waan hin oolle,’’ jedhan.

Osoo waraanni amma akka haaraatti hin jalqabiin iyyuu dubartoota Tigiraay irra yakki gudeedii fi miidhaa saalaa dhaqabuu isaaf ragaa qabna jechuun himani.

Ogeessonni qorannicha gaggeessan Itoophiyaa keessatti ‘’haasaan jibbinsaa akka malee bal’achuu fi saboota gidduutti jibba facaasuu hubadheera’’ jechuunis himani.

‘’Kun hookkara nama jeequ fiixeetti bahee fi haloo bahumsa facaaseera,’’ jedhan.

Ogeesonni kunneen qorannoo isaanii keessatti yakki hamaan akka ajjeechaa murtii malee, beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamuu, gudeeddii fi miidhaa saalaa ‘’lakkoofsa guddaan’’ humnoota mootummaan dhaqqabuu ibsani.

Lola naannolee Amaaraa, Tigraay fi Affaar keessa jiruun namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman buqqa'aniiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Lola naannolee Amaaraa, Tigraay fi Affaar keessa jiruun namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman buqqa'aniiru

Naannoo Tigiraay keessatti uumanni gara miliyoona jahaatti siqu tajaajila baankii fi intarneetii dabalatee tajaajila bu’uuraa misoomaa erga dhabanii waggaan tokko darbeera.

'Deeggarsa namoomaa akka hin arganne dhorkaan naannicha irra kaa’ame' uummanni %90 tahu akka rakkoo deeggarsa namoomaa hamaaf saaxilamu godheera jedhe gabaasichi.

Gabaasni kun mootummaan federaalaa fi naannolee isa waliin dhaabbatan ‘’yakka namoomaa akka hidhaa sabummaa irratti xiyyeeffatee fi yakka namummaan ala tahe [inhumane] namoota nagaa irratti raawwataa turan’’ jedhe.

‘’Tahe jedhanii miidhaa cimaa ykn miidhaa qaamaa fi sammuu geessisaniiru, deeggarsi namoomaa akka hin dhaqqabnes danqaniiru, garuu gochaa kana haalaa turan,’’ jedhe gabaasichi.

'Haalli Tigraay keessaa rifaasisaadha'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ibsicha keessatti hoggantuun komishinichaa Kaarii Beetii Murungii rakkoon namoomaa naannoo Tigiraay ‘’ hamaafi yeroo isaan yoo ilaalle kan nama rifaasisudha’’ jedhan. 

''Tajaajiloota bu’uuraa akka nyaataa, eegumsa fayyaa fi deeggarsa namoomaa, kaan dhorkamuu fi danqamuun uummata irratti miidhaa cimaa fideera,'' jechuun himan.

Itti dabaluun, yakka namoomaa fi waraanaa dhaqqabuu hin oolle jedhan balaaleffachuun mootummaan ‘’beela akka meeshaa waraanaatti fayyadameera’’ jechuunis himatan.

Mootummaan hatattamaan tajaajiloota bu’uuraa akka naannichatti deebisu gaafachuun uummanni danqaa tokko malee tajaajilicha argachuu akka qabu gaafatan.

Gabaasni kana fakkaatu kana duras dhaabbilee mirga namoomaa fi hawaasa idil-adunyaan bahaa turanis mootummaan Itoophiyaa garuu haaleera.

Mootummaan yakki namoomaa fi waraanaa humnootni TPLF raawwachuu hima.

Komishiniin kun gabaasa isaa keessatti humnootni TPLF ‘’dhaabbileen deeggarsa namoomaa danqaa tokko malee naannicha keessa akka socho’an mirkaneesuu qabu,’’ jedhe.

Mootummaan Itoophiyaa gabaasa ogeessota mirga namoomaa UN kana hordofee ifatti waan jedhe hin qabu.

Garuu Qaataritti Ambaasaddara Itoophiyaa kan tahan Ambasaadar Feyisel Aliyyii Abiraahim miidiyaa mootummaa Tajaajila Oduu Itoophiyaatti akka himanitti, gabaasni komishinichaa yakka humnootni TPLF raawwatan hin agarsiisu.

‘’Gabaasichi guutuu miti. Ergama siyaasaa of keessaa qaba. Rakkoo jiru guutummaatti hin agarsiisu,’’ jedhan.

Ambaasaaddar Feeyisel gabaasichi haleellaa humnootni TPLF geessisan guutummaatti hin agarsiifne jedhanii ajjeechaa, saamichaa fi mancaatii isaan manneen barnootaa, buufataalee fayyaa fi qabeenya namoota dhuunfaa irraan gahan hin ibsine jedhan.

Mootummaan Federaalaa Itoophiyaa humnootni TPLF naannoo Affaarii fi Amaaraa galuun haleellaa jabaa fi saamicha dhaqqabsiisuu isaaniin himata.

Waraana irra-deebiin eegale

Ji’a Bitootessaa keessa qaamoleen lamaan dhukaasa dhaabuun isaanii waraanicha karaa nagaan xumuruuf abdii horee ture.

Haa ta'u malee, turtii baatii shan booda irra deebiin jalqabuun isaa marii nageenyaa abdatamee ture balaa irra buuseera.

UN, Ameerikaa fi Gamtaan Awurooppaa qaamoleen lameen gara marii nagaatti akka dhufan dhiibbaa taasisan itti fufaniru.

Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa US Maayik Haamer MM Abiy Ahimed waliin wal arguun mari’ataniiru.

Humnootni TPLF tibbana mootummaan federaalaa magaalaa Maqalee irratti haleellaa diroonii raawwachuun himataa jiru.

Erga Kaaba Itoophiyaa naannoo Tigiraayitti Sadaasa 2020 waraanni jalqabee namootni nagaan kumaatamni ajjeefamanii, miiliyoonaan lakkaa'aman immoo qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru.

Waraanichi gara naannolee ollaa Affaarii fi Amaaraatti bababl’achuun qabeenyaa fi lubbuu namaa irra miidhaa guddaa geesiseera.