Dhalattootni Tigiraay sababa waraanaan biyyaa bahan akkamitti jiru?

Dhalattoota Tigiraay biyyaa baqatan

Madda suuraa, Getty Images

Dhaabbata miti mootummaa tokko keessa itti gaafatamummaan hojjataa kan ture Geetinnat Abrahaa waggaa tokko dura namoota wajjin hojjatu shan wajjin leenjidhaaf gara Deenmaarkitti ergamee ture.

Magaala Koppanhaganitti torban lamaaf erga leenji’anii booda hiriyoonni isaa yoo deebi’an Geetinnat achumatti hafuu filate.

Yeroo ammaa mooraa baqattootaa Deenmark keessatti argamu keessa kan jiraataa jiru yoo ta’u, “Akka nama soorama baheen taa’ee qarshii mootummaa [biyyattii] irraa fudhataa jiraataa jira” jedha Geetinnat.

Akkuma Geetinnat jireenya fi mindaa gaarii qaban dhiisanii dhalattoonni Tigraay jireenya baqaa filatan hedduudha.

Rakkoo dhalattoota Tigraay mudate

Mootummaa federaala fi humnoota Tigraay giduutti waraanni eegaluu hordofee bakkeewwan garaa garaatti hojiif yoo socho’u dhiibbaa hedduu irra gahuu hima Geetinnat.

Keessumaa bakkee inni itti hojjatu magaalota akka Finfinnee, Hawaasaa fi Buttaajiraatti yeroo deemu dhalataa Tigraay ta’uu isaa qofaaf “dhiibban irra gahaa” akka turee fi irra deddeebin hidhamaa turuu dubbata.

“Ija shakkiitin na ilaalu, yeroo muraasa ammoo buufata poolisii na tursiisaa turan. Biiroo keenya Hawaasaa jiru wajjin haasa’uun na baasan.”

“Ilmi obboleessa kiyyaa hidhamee eessa akka jiru hin beeku,” kan jedhu Geetinnat isa qofaa osoo hin taane maatin isaas hidhaaf saaxilamuu dubbata.

Eessumni isaa Kotabeedhaa daldala mataa qaban “ajaja mana murti tokko malee” irratti cufamuu irraa kan ka’e maatii isaa waan ittiin bulchu dhabee rakkoo fayyaatif saaxilamee jira jecuun ibsa.

Bara darbe humnoonni Tigraay magaalota Kibba Walloo qabachuu isaanii hordofee mootummaan federaalaa labsii yeroo muddamaa labsee ture.

Kana hordofee mootummaan tarkaanfiwwan garaa garaa fudhachuu yommuu eegalu dhalatoota Tigraay irratti sarbama mirgoota namoomaa geessiseera jechuun dhaabbileen mirgoota namaaf falman ni ibsu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mootummaan garuu namoota to’annoo jala kanan oolche eenyummaa isaanii irratti hundaa’uun osoo hin taane gochaa isaanii bu’uura godhachuuni jedhee haala.

Dhaabbata barnootaa olaanaa tokkotti pirofeesara Developmental Studies kan ture Kiruubeel, “Waraana irratti gaafa mo’atamu dhalattoota Tigraay Finfinnee jiraatan irratti yakka hojjatu” jechuun humnoota nageenyaa mootummaa komata.

Taammiraat hanga biyyaa bahutti, waajjira federaalaa tokkotti daayireektara ta’uun tajaajileera. Pirojektiiwwan mootummaa gurguddoo gaggeessuu kan himu Taammiraat, “hirmaannaa siyaasaa homaatuu hin qabun ture” jedha.

Irra dedeebbin dhalattoonni Tigraay hidhamuu gaafa baru viizaa Ameerikaa yeroo muraasni hafe qaba ture waan ta’eef biyyaa bahuu hima Taammiraat.

Kolleejjii mootummaa tokko keessatti itti aanaa diinii bulchiinsaa ta’ee hojjachuu fi dhaabbilee miti mootummaa keessattis sadarkaa garaa garaatti hojjachaa kan ture Maabirhatom ammoo waraanni Tigraayitti eegaluu hordofuu dhaabbanni inni keessa hojjataa ture hojii dhaabnaan innis hojii dhaabuuf akka dirqame hima.

Getnet Atsibahaa

Madda suuraa, Getnet Atsibahaa

‘Jaalladhee jiruu baqaa hin filanne’

Kiruubel, “Jireenya baqaa jaaladhee hin filanne” jedha. Kanaan dura biyya koo naaf wayya jedhee Awurooppadhaa deebi’uu kan himu Kiruubel, “Biyya kootii haalli na hojjachiisu osoo jiraatee asitti hin hafu ture” jedha.

Geetinnat ammoo yeroo sana osoo gara biyyaatti deebi’ee hidhaa hammaatee ture jalaa miliquu akka hin dandeenye waan bareef achuma Deenmaarkitti koolugaltummaa akka gaafate hima.

“Bahee achiinan hafa jedhee yaadee hin beeku” jedhu Taammiraat yaaddoo ijoolle fi haadha manaa isaa obsuu gaafa dadhabu gara biyyaatti deebi’uuf fa’aa murteessee akka ture dubbata. Garuu ammoo erga biyyaa bahee manni isaa sakatta’amuu fi eessa akka jiru gaafatamuu odeeffannoon isa geenyan biyyatti hin deebi’iin hafuu hima.

Namoonni akka isaa ogummaa garaa garaa qaban heddu jireenya baqaaf akka saaxilaman hima. “Magaalaan keessa jiraadhu kana qofaatti namootan beeku torbaa ol argeera” jedha.

Jireenya baqaa fi dhiibbaa inni qabu

Hiriyoota isaa waliin kan jiraatu Taammiraat, “hojii gaariin qaba ture, ijoollee koo sirnaan barsiisaa gaa’ila bareedan jiraadha ture, amma garuu sadarkaan qarshiin erguufii hin dandeenye keessan jira” jechuun jireenya baqaatti akka hin gammanne hima.

“Kan koo nan dana’a. Maatin koo garuu rakkoo hamaa keessa jiru. Hiriyoota kootu gargaaree jiraachisaa jira… haala rakkisaa keessa akka jiran naaf gala.”

Haala maatin isaa keessa jiran kan hin beekne Geetinnat ammoo, “Yaaddoo fi rakkoo guddaa natti uumee jira” jedha.

“Jireenya gaari fi jireenya hawaasummaa baree ture, hawaasan baree ture… wantota bare hunda si’a tokkotti gaafan dhabu jireenya koo dhiphinaan guuta” jedha.

“Guyyaa aduudhan na hidhu jedhee yaadda’uu irraa kan ka’e kofoo lamaa fi jakkeettii lama uffachuu irraan boqonnaa argadhe. Hidhamaa sammuun ture, amma nagaa argadheera,” jechuun dubbata.

Kiruubel akka jedhutti hidhamuun danda’a yaaddoo jedhu irraa kan ka’e jijjiirraf akka ta’uufitti huccuu walirratti tuulee uffataa akka ture hima.

“Asitti rakkadhus, dhalataa Tigraay ta’uu kootin hamminni narra gahu hin jiru. Dhalataa Tigraay ta’uu kootin hin bir’adhu.”

Itoophiyaan namoota gurgudoo ogummaa cimaa qabanii fi biyya isaanii tajaajiluu danda’an heddu dhabuun ishee rakkoolee siyaasaa, hawaasaa fi diinagdeetif akka saaxilamtu ishee taasisuun waan hin oolledha jechuun namoonni kun BBC tti himan.

Maabiraatom namoonni ogummaan isaanii barbaadamu biyya gadi dhiisanii bahuun isaanii “dhiibbaa guddaa qaba jedheen yaada” jedha.

Geetinnat ammoo Itoophiyaan maqaa gaarii qabdu turte sana irratti dhiibbaa qaba jedhee amana.

Mootummaan “galii argachuu qabu argataa hin jiru jechuudha. Kuni ammoo yeroo gara yerootti diinagdee fi hawaasummaan biyyattii dadhabaa akka deemu taasisuu danda’a” jedha.

Waa’ee jireenya isaanii itti aanuu maal jedhu?

“Sammuu keessatti biyya kan jedhu akka diigamu waan godhameef biyya kooti kanin jedhu sammuu keessaa hin qabu,” jechuun abjuu gara Itoophiyaatti deebi’uu sammuudhaa akka hin qabne hima Maabiratom.

Waraanni kaaba Itoophiyaatti waggaa lamaaf deemaa ture gidduun qabbanaa’us dhiyeenya bifa haaran eegalee jira.

Waraanni deebi’ee eegale kun maatiin isaanii ammas irra deebiin jumlaan hidhamuu danda’u sodaa jedhu isaan keessatti uumuu dubbatu.

* Namoonni nageenya maatii isaanif jecha maqaan namoota kanaa jijjiirameera.