Mootummaan Itoophiyaa 'yoomuu, eessattuu' TPLF waliin marii eegaluuf qophiidha jedhe

Madda suuraa, Ministry of Foreign Affairs
Mootummaan Itoophiyaa marii waraana Kaaba Itoophiyaa baatilee 20 lakkoofsise xumura itti gochuuf TPLF waliin godhamu eegaluuf qophii ta'uu beeksise.
"Mootummaan yoomuu, eessattu marii eegaluuf qophiidha" jedhan gorsaan dhimma nageenyaa MM fi miseensi koree marii mootummaa federaalaa kan ta'an Ambaasaaddar Reeduwaan Huseen.
Mariin godhamu haal-duree tokko malee akka eegalu ejjennoo mootummaa Itoophiyaa ta'uus barruu tiwiitarii isaanii irratti barreessaniin himaniiru.
Ambaasaaddar Reeduwaan ibsa ergamoota addaa UN, EU fi US akkasumas ambaasaaddaroota US, Firaans, Jarmanii, Italii fi UKf wayita ibsa kennanitti ejjennoo mootummaa Itoophiyaa kana ifa gochuu himan.
Itti dabaluun adeemsa marichaa kan dursu Gamtaa Afriikaa ta'uufi Gamtaan Afrikaa maricha mijeessuuf qaama kamirraayyu deeggarsa loojistikii argachuu akka danda'u himan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Amma dura mootummaan Itoophiyaa marii nagaa TPLF waliin godhamuuf koree miseensota torba qabu ministira haajaa alaa fi MM Itti aanaa Obbo Dammaqe Makonnin dursan ijaaruu himee ture.
TPLF gama isaan akkanuma koree marii kan ijaaree yoo ta'u eenyummaa namoota koree kana keessa jiranii garuu ifa hin goone.
Haata'u malee haal-dureewwan mariif hin dhiyaanne jechuun qabxiilee muraasa lafa kaa'ee qaba.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dursaan TPLF Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'el guyyoota dura ibsa TV Tigraay irrati kennaniin, dhimmi Lixa Tigraay humnoota Amaaraa harka jiru, mirgi riifarandamii gochuu uummata Tigraay, waraana Tigraay hiikkachiisuun akkasumas deeggarsi namoomaa danqaa malee akka dhaqqabu gochuun qabxiilee gonkuma mariif hin dhiyaannedha jedhanii turan.
Mariin eegalamuun dura tajaajilawwan bu'uuraa akka komunikeeshinii fi ibsaa Tigraay irraa citee jiru deebi'uu akka qabus Dabratsiyoon gaafataniiru.
Dabalataan TPLF amma dura mariin godhamu mootummaa Keeniyaatiin durfamee Naayiroobiitti akka taa'amu fedha qabaachuus himee ture.
Mootummaan Itoophiyaa haal-duree tokko malee marii eegaluuf qophii ta'uurratti dabalataan komiishinii sarbama mirgootaa waraana Kaaba Itoophiyaa keessatti raawwataman akka qoratu UN ijaare waliin hojjechuuf qophii jirus himan.
Itoophiyaan wayita komiishinichi ijaaramu mormii akka irraa qabdu ibsuun tumsa akka hin goone beeksiftee turte.
















