Humnoonni Tigraay koree mootummaa wajjin mariyatu hundeessuu beeksise

Humnoota Tigraay

Madda suuraa, Getty Images

 Lola kaaba Itoophiyaatti ji’oota digdamaaf gaggeeffamaa ture karaa nagaatin goolabuuf TPLF garee mootummaa wajjin mariyatu hudeessuu isaa dubbi-himaan TPLF Getaachoo Raddaa AFP tti hime.

Mootummaan gama isaatin naannoo Tigraay wajjin mariyachuuf koree hundesse ifa gochuun hojii eegaluu isaa beeksisee ture.

Getaachoo Raddaa AFP tti akka himetti, koree aangawoota sadarkaa olaanaa irra jiran hundeessee gara Naayirobitti erguuf qophiidha.

Eenyummaa namoota koree marii kana keessatti hammatamaniifi baay’inni isaanii meeqa akka ta’e waanti ibsame hin jiru.

Mootummaan Itoophiyaa marichi kan gaggeeffamuu qabu dursummaa Gamtaa Afrikaa jalatti ta’uu akka qabu ibsus aanga'oonni Tigraay garuu marii Gamtaa Afrikaa qofaan gaggeeffamutti akka hin amanne ibsee jira.

Obbo Getaachoon akka jedhetti, adeemsa marii hundumaa Gamtaa Afrikaatti kennuun isaanif kan hin liqimfamneefi mariin akka gaggeeffamuuf dhamaatii guddaa gochaa kan turan Pirezidaant Uhuruu Keniyaataa maricha keessatti hamatamuu qabu.

Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa Gamtaa Afrikaa kan ta’e Oliseegun Obasaanjoon Ministeer Muummee Abiy Ahmad waliin michuudha jedhuun gareen TPLF komataa ture.

Pirezidaantin Naannoo Tigraay ji’a darbe xalayaa duree Gamtaa Afrikaa kan ta’an Maaki Saaliif barreessen gamticha irraa komii akka qabu ibsee ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

“Yeroo waraanni gaggeeffamaa tureefi badiin waraanan nurratti gaggeeffamaa ture Gamtichi akka waan hin arginee ta’ee callisuun isaa bu’uura Gamtaan Afrikaa dhaabbateef kan cabsedha.

“Dureen gamtichaafi bakka bu’oonni olaanoon, akkaataa adeemsa gamtichaatin manni maree nageenyaafi tasgabbii dambiiwwan baasuun ejjannoo fudhachuu dhabuu isaanii eerudhaan irra deddeebin mormii keenya ibsaa turre.

Akka ilaalcha mootummaa Tigraayitti, gaggeessitoonni Komoshinii Gamtaa Afrikaa kufaatii isaanii irraa baratanii amanamummaa argachuuf hojjachuu qabu,” jechuun Dabretsiyon xalayicha irratti ibsee ture.

Obbo Getaachoon gama isaatiin, abbummaa daangaa lafaa Naannoo Amaaraatin ka’uufi ammayyuu humnoota Naannoo Amaaratiin to’atamee jiru irratti waanti mariyannu hin jiru jedhee jira.

Gama Tigraayin waa’en lixa Tigraay fi bu’uuraalee misoomaa haal-duree mariitif hin dhiyaatu yaanni jedhu irra deddeebin kan dhiyaatu yoo ta’u, gama mootummaatin haal-dureen dhiyaate hin jiru.

Marii nagaa kana ilaalchisee mootummaan Itoophiyaa, “Heera mootummaa fi fayidaa biyyoolessaa bu’uura kan godhate ta’uu qaba,” jechuun alatti bal’ina isaa waan ibse hin qabu.

Koreen marii nagaa mootuummaan hundeesse itti gaafatamummaa addaan qooddatee hojii eegaluu isaa beeksisee jira.

 Koreen kun Itti aanaa Ministeera Muummee fi Ministeera Dhimma Alaa kan ta’an Obbo Dammaqaa Makonninin kan durfamu yoo ta’u miseensa torba qaba.

Obbo Damaqa Makonii alatti Ambaasaadar Reediwaan, Ministirri Haqaa Dr Geediyoon Xiimootiwoos, Daareektarri Olaanaa Eejjansii Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaaleessaa Obbo Tamasgan Xirunah, Ittigaafatamaa Nageenya Odeeffannoo Raayyaa Ittisaa Jeeneeraal Birhaanu Baqalaa, Ittaanaa Pirezidaantii Naannoo Amaaraa Dr Geetaacho Jambaree, Ittigaafatamaa Olaanaa Damee Jidduugala Dimokiraasii Paartii Badhaadhiinaa Ambaasaadar Hasan Abdalqaadiir miseensummaan hammatamaniiru.

Mariin nagaa kun yoomi fi eessatti akka gaggeeffamu waanti ifatti beekame jiraachuu baatus gama Tigraay irraa Naayiroobii tti akka ta’u yaanni dhiyaatera.

Waraana kaaba Itoophiyaatti garee TPLF fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti waggaa tokkoo oliif gaggeeffameen kumaatamni du’uun alatti gaaga’amni diinagdee fi qabeenyaa guddaan biyyattii mudateera.

Qaamolee wal waraanan lachuu deeggarsa namoomaf jecha labsii waraana dhaabuu deeggaruu ibsanis naannoo Tigraay keessatti hanga ammaatti tajaajiliwwan bu’uuraa kanneen akka ibsaa, bilbilaa, baankii kanneen biroo hin eegalin jiraachuu irraa kan ka’e namoonni haala hamaa keessa akka jiraatan akka dirqisiise dhaabbileen deeggarsa namoomaa ni dubbatu.