Sodaan balaa beelaa Tigraayitti uumamuu malu hanqifamuu UN hime

Madda suuraa, WFP/ETHIOPIA
Waraana Kaaba Itoophiyaatiin rakkoon beelaa sodaatamee ture, amma garuu yaaddoon sun akka hin jirre Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Sagantaan Nyaataa Addunyaa beeksise.
Jaarmiyaan kun lammiilee naannoo Tigraayitti argaman miiliyoona tokko caalaniin gargaarsa namoomaa ga'uu erga danda'ee booda kana ibse.
Waraana ji'oota digdama lakkoofsise kanaan namoonni naannicha keessatti argaman miiliyoonaan lakkaa'aman beelaaf saaxilaman jechuun UN dabalatee dhaabbileen gargaarsa namoomaa idil-addunyaa ibsaa turaniiru.
Sagantaa Nyaataa Addunyaatti hoogganaan damee Itoophiyaa Edriyaan Vaandaakinaab Jimaata- Adoolessa 15,2022 BBCtti akka himanitti, dhaabbatisaanii gargaarsa namoomaa qaqqabsiisuu waan danda'eef, ''beelli ni mudata jedhamee ture sodaa ta'uun hafeera,'' jedhan.
''Kana jechuun garuu haalli jiru akkanaan itti fufa jennee mirkaneessuu miti,'' jedhan.
Haalli amma jiru akka itti fufuuf gargaarsa namoomaaf jecha waliigalteen dhukaasa dhaabuu labsame cimee itti fufuu qaba jedhan.
Hoogganaan kun akka jedhanitti namoota miiliyoona 2.1 gargaaruuf karoorfamee namoonni miiliyoona 1.1 ta'an qofti gargaaraman.
Bitootessa darbe erga mootummaa fi TPLF gargaarsa namoomaaf jecha dhukaasa dhaabuurratti waliigalanii as haalli dhiyeessii gargaarsa namoomaa kan duraarra fooyya'eera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka Aab Edriyaan Vaandaakinaab jedhanitti erga waliigaltee kanaatii jaarmiyaansaanii fi kaanis karaa ulaa Samaraa-Maqalee konkolaattonni gargaarsa namoomaa fe'atan kuma 4 ta'an Maqalee seenananiiru.
''Oduun gaarii fi badaa hedduun turaniiru. Wanti gaariin, gargaarsa namoomaaf jecha waliigalteen dhukaasa dhaabuu hojiirra oolaa jira,'' kan jedhan qondaalli kun, kunis jaarmiyaan isaanii gargaarsa midhaan nyaataa fi meeshaalee kaan akka namoota rakkatan biraan ga'aniif kan isaan gargaare ta'uu ibsan.
Haalli nageenyaa fi tasgabbii, rakkoon fandii dabalataa fi hanqinni dhiyeessii boba'aa garuu dhiyeessii meeshaalee gargaarsaa irratti ammallee yaaddoo ta'aniiru jedhan hoogganaan kun.
Waraanni kaaba biyyattii ji'oota 20'f ture rakkoo namoomaa bal'aa uumeera jedhaniiru.
Ammas taanaan bakka waraanichi miidhaa itti uume naannolee Tigraay, Amaaraa fi Affaar keessatti ulaawwan gargaarsa hedduun dabalataan barbaachisu jedhan.
Dabalataan dhaabbileen gargaarsaa dhiyeessiiwwan bu'uuraa jedhamanillee namoota rakkatan biraan ga'uuf deeggarsa maallaqaa akka barbaadan dubbatan.
''Maallaqa dabalataa barbaadna. Maallaqa harkaa qabnu fixaa jirra. Sochiin hawaas-diinagdee fi tajaajilaawwan uummataa kaan akka eegalan feena,'' jedhan.
Erga waraanni kun eegalee namoonni waan harkaa qaban duguuganii fayyadamaniiru kaan ammoo muraasa of harkaa qaban obbaasaa jiru jedhan Aab Endiriyaan.
Deeggarsa dabalataa dhiyeessuuf ulaawwan dabalataa kan banaman yoo hin taane, maallaqi dabalataa yoo hin ramadamne, akkasumas tajaajilaawwan bu'uuraa yoo hin eegalamiin jijjiirama fidne itti fufsiisuu hin dandeenyu jedhan.
Xaxaawwan turan haga tokko furamaa jiru kan jedhan hoogganaan kun, erga waliigalteen dhukaasa dhaabuu labsamee as iddoowwan yaaddoon nageenyaa jiru tokko tokko irraan kan hafe, gargaarsa namoomaaf kenninu irratti dhorkaan nurra kaa'ame hin jiru jedhan.
Tigraay fi naannawashee irra jireessaan to'atee kan ture waraanni mootummaa federaalaa fi michuuwwan isaa ALI bara 2013 gadhiisee erga ba'ee booda tajaajilli telekoom, ibsaa fi baankii adda citee jira.
Hanqina boba'aa
Hoogganaan Sagantaa Nyaataa Addunyaa damee Itoophiyaa Endiriyaan Vaandaakinaab dhiyeessii gargaarsa namoomaa naannoo Tigraay gufuun inni ijoon kan biraan hanqina boba'aa ta'u himan.
Guutuu biyyaatti hanqinni boba'aa akka mudatu kan dubbatan qondaalli kun, naannoo Tigraayitti boba'aan dhibuun deeggarsi namoomaa akka lammiilee rakkatan bira hin geenye godheera jedhan.
''Akka biyyaatti dhiyeessiin boba'aa fooyyee qaba,'' kan jedhan hoogganaan kun, boba'aa liitira miiliyoona 2 ji'aan Tigraay galuu qabu akkamiin milkeessuun akka danda'amurratti mootummaa waliin mari'ataa jiraachuu himan.
Sagantaan Nyaataa Addunyaa Tigraay irratti dabalataan naannolee Amaaraa fi Affaar keessatti namoota rakkatan hedduu gargaareera jedhe.
Waraana waliinii Itoophiyaa
Naannoo Tigraay keessatti eegalee gara naannolee ollaa Amaaraa fi Affaaritti kan babal'ate waraanni wal waliinii kaaba Itoophiyaa, rakkoo namoomaa fi mancaatii qabeenyaaf sababa ta'eera.
UN naannolee sadan keessatti namoonni miiliyoona sagal ta'an deeggarsa namoomaa kan barbaadan ta'uu ibsee ture.
Waraanni waliinii kun dhiittaa mirga namoomaa akkaan cimaa ta'eef lammiilee saaxileera.
Biyya ollaa kan taate Ertiraa dabalatee humni addaa naannolee Itoophiyaa keessa jiranii raayyaa ittisaa cinaa hiriiruun humnooti Tigraay lolaa turan.
Qaamoleen waraana keessatti hirmaatan hunduu lammiilee nagaarratti yakka ajjeechaa, dararaa, hidhaa fi miidhaa saalaa raawwataniif gaafatamoo ta'uu jaarmiyaaleen mirga dhala namaaf falman gabaasa isaanii keessatti eeraniiru.












