Paartileen Tigraay maaliif mootummaa ce'umsaafi marii keessatti hirmaachuuf gaafatan?

Obbo KIbroom Baraha, Obbo Haayilu Kabbadaa fi Obbo Yohaannis Abrihaa

Paartiileen mormituu Tigraay keessa socha’an sadii dhiheenya kana waa’ee waraana naannichatti gaggeeffameefi dhimma bulchiinsa naannichaa irratti mari’achuun ibsa kan baasan yoo ta’u, bulchiinsi ce’umsaa hunda hammatu naannichatti akka hundaa’uuf gaafataniiru.

Naannicha bulchaa kan jiru TPLF yeroo hunda olaantummaa qabachuun turuu kan morman paartileen mormituu sadanis, Saalsaayi Wayyaanee Tigraay, Paartii Bilisummaa Tigraay, fi Baayitoonaa Abbaayii Tigraay fa’idha.

Paartiileen kunneen waraana wagga lama guutuuf jiru akka dhuma godhatuuf marii motummaa federaalaa waliin ni gaggeeffama jedhamee eegamu irratti TPLF Tigraayiin bakka bu’uun mari’achuus ta’e qofaasaa bulchuuf mirga seeraa hin qabu jedhu.

‘‘TPLF humnaan aangoorraa buufame’’

Ministirri Mummee Abiy Ahimad gara aangootti dhufusaa hordofee, siyaasa motummaa jidduugalaa keessaa kan alatti dhiibame TPLF, filannoo naannoo motummaa federaalaatiin fudhatama hin argannee gaggeessuun, ‘fudhatama ummataa’ argadheera jechuun haala aangoosaa cimsu danda’u uumee ture.

Haata’u malee waraana Sadaasa 4, 2020 keessa eegalameen wal qabatee TPLF aangoo naannichaa irraa buufamuun, bulchiinsa yeroo kan ummata naannichaa biratti fudhatama baayyee hin argatiin paartii Badhaadhiinaa kan TIgraay bulchuun yeroo gabaabaaf hundeeffamee ture.

Waraanicha hordofuunis namoota nagaa irratti ajjeechaan jumlaa, saamichi, miidhaan saalaa fi badiiwwan bu’uuraalee misoomaa naannichatti raawwatamera.

Dhaabbanni Motummoota Gamtomaniifi dhaabbiileen mirga namoomaaf falman kan biraas badiiwwan qaqabaniif TPLF dabalatee humnootii waraanicha keessatti hirmaatan hunda itti gaafatamo taasisan.

Dubbii Himaan Paartii Saalsaay Wayyaana, Obbo Haayilu Kabbadaa, ‘‘Ummanni Tigraay kan ijoolleesaafi haadha warraasaanii, Haadhaa fi obboolaa isaaniirratti dararamni raawwatame, kan qabsaa’e walabummaa fi nageenyaaf malee TPLF’f hin turre,’’ jedhan.

‘‘TPLF seeraanis ta’e haamleedhaan aangorraa humnaan buufameera. Kana jidduutti bulchiinsi biraa hundeeffameera. Qabsoon keenya motummaa Tigraay deebiisu ture,’’ jechuun hima.

Ittigaafatamaan Dhimma Alaa Paartii Baayitoonaa, Obbo Kibroom Baraha osoo hin hidhamiin guyyootaan dura BBCtti akka dubbataniitti, ‘‘TPLF holoolaan alatti qophii loltummaa gaarii waan hin taasifneef ummanni Tigraay balaaf akka saaxilamu waan taasiseef waliigalteen ummata waliin ture diigameera,’’ jedhe.

Paartiileen siyaasaa naannoo Tigraay keessa socha’an, qaawa naannicha keessatti umameef itti gaafatamaa kan taasisan TPLF dha.

Dhimma bulchiinsa hunda hammataa Tigraayiitti hundeessuu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Humnootiin Tigraay akka haaraatti ijaaraman erga Waxabajjii ALI 21, 2013 irratti Maqalee to’atanii booda, dura taa’aan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa’eel (Dr), bulchiinsi naannichaa duraanii bakkatti deebii’u beeksiise.

Haata’u Tigraayiitti bulchiinsa hunda hammataa hundeessuu ilaalchise gaaffii kaasaa kan turan, paartiiwwan mormituu Tigraay, motummaa haaraa keessatti eddoofi beekamtii omtu hin kennamneef.

Obbo Hayiluudhaf mootummaa hunda hirmaachise Tigraay keessatti hundeessuu jechuun karaa dhaabbilee uummataatin mootummaa hirmaachisaa fi uummata giddu galeessa godhate tolchuu jechuudha.

“Falmii uummataa gaggeessine waan ta’eef mootummaa uummataatu hundaa’uu qaba yaada jedhu qabna,” jedhu. Itti dabaluunis, “Nuti kan falmaa jirru mootummaan Tigraay akka iddootti deebi’u malee TPLF dhufee akkuma kana duraa waggaa 30 kan biraa akka bulchu miti” jedhu.

Tigraay biyya walabaa ta’uu qabdi jedhee kan falmu Paartii Walabummaa Tigraay tti gaggeessaa olaanaa kan ta’an Dr. Dajan Mazgabaa dhiyeenya ibsa kennaniin “mootummaa waloo ijaarun waliin hojjachuuf abdii horannee turre” jedhu.

Paartileen Tigraay, TPLF dabalatee naannicha keessatti mootummaan waloo akka dhaabatu gaafataa jiru.

Ameerikaatti bakka bu’aa TPLF kan ta’an Yohaannis Abrahaa gama isaanitiin “kanaan dura mootummaan naannichaa seera qabeessi iddootti akka deebi’u gaafataa turanii har’a mmoo mootummaan cehuumsaa haa hundaa’u jechuun isaanii sirrii miti” jedhu.

Itti dabaluunis, “Mootummaan Tigraay seera qabeessa miti jedhanii hadhessuun, humnoota diinaa irraa adaa baasee ilaalun na rakkisa” jedhu. Oduu himaa TPLF kan ta’an Getaachoo Raddaa paartilee mormituu yaada kana dhiyeessan “quufoodha” jechuun miidiyaa hawaasaa irratti barreessuu hordofee mormiin heddu isaan mudateera.

Deeggartoonni TPLF biyya alaa jiraatan ammoo jarri kun “ergamtoota Abiy” fi “dheebuu aangoo warra qaban” jechuun morman.

“Warra dheebuu aangoo qaban nuun jedhu. Yoo aangoo barbaanne cubbuu miti. Nuti siyaasa gaggeessina waan ta’eef waanta nama qaaneffachiisu hin qabu. Qaana’uu kan qaban warra wal fayyaduudhan aangoo dhuunfataniidha,” jedha Kibroom Barihee.

Dhiima marii fi bakka bu’ummaa

Waraanichi karaa nagaan akka goolabamuuf US, Keeniyaa fi Gamtaan Afrikaa yaalii gaggeessaa jiru.

Mootummaan garee TPLF wajjin mariyatu hundeessun mariif qophii ta’uu isaa beeksisee jira. Gareen TPLF ammoo marii mootummaa Keeniyaatin gaggeeffamu akka fudhatu akka fudhatu himus namoota maricha irratti hirmaatan garuu hin beeksifne.

Waraanni lubbuu namaa fi qabeenya irra balaa guddaa geessise karaa nagaatin xumuramuufi yaanni jedhu namoota heddutti abdii horus, kaan ammoo “yeroo ittiin bitachuuf” malee hin dhugoomu jedhu.

Ameeriikaa Kaabaatti bakka bu’aan TPLF Obbo Yohaannis Abirhaa, ‘‘Gama keenyaan mariidhaan furmaanni ni dhufa jennee amanna,’’ jechuudhaan, gama qama biraatiin garuu shakkiin akka jiru BBCtti himan.

Obbo Haayiluu Kabbadaa garuu, ‘‘Heerri motummaa tokkicha diigameera. Kallattii ittaanuuf ka’umsa ta’u hin danda’u. Faayiidaa ummata Tigraay kabachiisuu hin danda’u, Isaan marii’annee faayidaan fiixaan baafnu hin jiruu,’’ jedhu.

Paartiiwwan motmituu kanarraa ka’uniidha TPLF mari’achuu bakka bu’iinsa hin qabu jechuun, ‘‘Ummata Tigraayiin salphina kanaaf saaxilee xiqqooma illeen qaanneeffachu qaba ture. Isaan garuu ija jabinaan numatu waan hunda raawwata jechaa jiru,’’ jedhan Obbo Haayiluun.

Yeroo sanaa eegalee kaan isaanii mootummaan cehuumsaa akka hundaa’u yoo gaafatan, kaan ammoo mootummaan waloo naannichatti akka hundaa’u gaafatu. Haa ta’u malee, TPLF irraa deebii gaarii hin arganne.

Dr Dajan gamasaaniin, ‘’TPLF kophaasaa marii irratti hirmaachuus ta’e Tigraay bulchuuf bu’uura seeraa tokkollee hin qabu,’’ jechuun qaawwaan seeraa jiraachuu eeranii morkattoota kunneeniin morman.

Sababa kana jedhaniif wayita ibsanis, ‘’bu’uura seeraa kamiin raayyaa ijaaruu fi hojii dippiloomaasii biyyaa hojjechuu danda’a?’’ jechuun hojiiwwan kunneen kan mootummaa federaalaa ta’uu hubachiisan.

‘’Faallaa heera mootummaan qaamni aangoo qabate jira. Kana hojjechuuuf paartiin itti gaafatamummaa qabu hin jiru. Egeree Tigraay qofaasaa murteessaa jiraachuuf paartiin addatti kaa’ame hin jiru. TPLF yoggayyuu mootummaa akka ta’uuf uummanni filate shin jiru,’’ jedhu.

Paartileen mormitootaa kutaa Tigraay hunda keessa socho’uun hawaasa keessatti fudhatamummaa fi amanamummaa argatanii, uummanni TPLF nu ga’eera yoo jedhe murtee uummataa kan kabajan ta’uu Obbo Yohaannis ni dubbatu.

Haata’u malee paartileen walga’ii uummataallee akka hin gaggeeffanne dhorkamuu fi sochiin isaaniis daangeffamuu ilaalchisee komii dhiyaaterratti BBCn kan gaafateef Obbo Yohaannis dhimmicharratti odeeffannoo akka hin qabne ibsuun, ‘’Akkas waan taasifame garuu natti hin fakkaatu,’’ jedhaniiru.

Gaaffiin waliin hojjechuu haarofti maalinni?

Paartileen mormitootaa Tigraay TPLF waliin hojjechuuf ‘Waltajjiin waliinii paartilee’ hundaa’ee dhimmoota tokko tokko irratti mari’achuu akka eegale ibsan Obbo Yohaannis.

“Fooramii paartilee tapha ijoollee godhaniiru,’’ kan jedhan Obbo Haayiluu Kabbade, TPLF yoo fedhe qofa akka walga’uu fi injifannoon waraanaa wayita argamu ammoo dhimmicha akka dagatu ibsan.

Obbo Geetaachoo Raddaa ammoo dureewwan paartilee mormitootaa yeroo saddeet caalaa Dr Dabratsiyoon waliin walarguun mari’achuu miidiyaa hawaasummaasaaniirratti barreessanii turan.

Obbo Haayiluun garuu, ‘’Sadaasa irraa eegallee siyaasa ‘marfamuu’ fi ‘ugguramuu’ jedhu keessa seenneerra. Uummanni Tigraay harca’ee badaa jira. Sababa TPLF hojii dippiloomaasii hojjechuun hin danda’amne. Qabsoon uummata Tigraay tumsa dippiloomaasii hin arganne,’’ jedhan.

Mormitoonni sababa waraana Tigraayiin heerri sadarkaa federaalaa fi naannootti jiru diigameera jedhanii akka yaadan dubbatu.

Bakka bu’aan TPLF Obbo Yohaannis ammoo ‘’heerri mootummaa diigameera yoo jenne isaan ammoo bu’uura heeraa kamiin socho’aa turan?’’ jechuun gaafatan.

“Goolama heera mootummaatu mudate,’’ kan jedhu namni siyaasaa Kibroom Barha gamasaan, waliigaltee haaraa uumuun hiika hin qabu jedhee amana.

TPLF maal jedha?

Ameerikaatti bakka bu’aa TPLF kan ta’an Obbo Yohaannis Abraha ‘’Heerri mootummaatti qaawwi uumameera malee diigameera,’’ jedhanii akka hin amanne BBCtti himaniiru.

"Heerri mootummaa diigameera yoo jenne, isa malee biyya keessas ta’e biyyaa ala socho’uun hin danda’amu,’’ jechuun dubbatu.

‘’Amma osoo mootummaan ce’umsaa hundaa’ee paartileen mormitootaa gocha amma raawwataa jiranirraa of qusachuu danda’uu?,’’ gaaffii jedhu kaasuun yaadi dhiyaate furmaata fiduu akka hin daneenye dubbatan.

Dhimmi lixa Tigraay fi gaafileen hawaasa Tigraay kaan kan isaan furamuu danda’an heera mootummaa bu’uura godhachuun akka ta’es amanu.

Isaan kana jedhanis, mormitoonni garuu sagalee tokkoon ‘’TPLF Itoophiyaa jalatti jiraachuu fedha. Fedhii walabummaa uummata keenyaan kan walsime miti,’’ jechuun himatu.

‘Murtee uummataa’ gaaleen jedhu uummata ittiin burjaajessuu fi yeroo garaagaraatti dantaa uummata Tigraay dabarsee kan kenneedha jechuunis ibsan.

Himata kana kan hin fudhanne Obbo yohaannis, ‘’Filannoon keenya murtee uummataa bu’uureffateeti. Uummanni keenya maal akka barbaadu sirnaan beekuuf waltajjii marii ni qopheessina,’’ jedhan.

Dhimma hiree ofiin murteeffachuu uummata Tigraayi ilaalchisuun ejjennoon TPLF yeroo ammaa maali jedhamuun kan gaafataman Obbo Yohaannis, paartichi yeroo dhihootti kora waliigalaa erga taa’ee booda kan ibsamu ta’uu himan.