'Sochii waraanni Ertiraa daangaa Itoophiyaatti taasisu hordofaa turre, cimsinee mormina' - US

Maayik Hamar

Madda suuraa, GOOBJOG NEWS

Ertiraan sochii waraanaa daangaa Itiyoophiyaatti taasisaa jirtu US duuka buutee hordofaa akka jirtuu fi cimsitee akka balaaleffattu Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa US kan ta'an Maayik Hamar ibsan.

Maayik Hamar kana kan jedhan Kibxata (Fulbaana 20, 2022) qaamoleen waraana keessa jiran mariitti akka deebi'an gochuuf imala gara Itoophiyaa taasisan miidiyaaleef yeroo ibsanittidha.

Dubbiin isaanii kuni Dubbii Himaan TPLF Obbo Getaachaw Radaa waraanni Ertiraa "kallattii hundaan humna guutun guyyaa har'aa waraana nurratti baneera.

''Ertiraan humna eeggataa dabalatee humna waraanaa qabdu hunda bobbaaftee jirti," jechuun erga himatanii boodadha.

Waraanni Kaaba Itoophiyaatti baatiiwwan shaniif tasgabbaa'e ture baatii tokko dura akka haaraatti irra-deebiin eegaleera. Abbaa kaase irratti qaamoleen lamaan wal himatu.

Waraanni kuni dhaabatee marin akka eegaluus Ameerikaan sochii taasisaa jirti.

"Sochii loltoonni Ertiraa daangaa Itoophiyaatti taasisaa jiran hordofaa turre" kan jedhan Maayik Hamar, "cimsinee mormina" jechuunis himan.

Loltoonni Ertiraa daangaa Itoophiyaa seenuun isaanii rakkoo duraanuu wal xaxaa ta'e kan hammeessu ta'uu dubbatan Maayik Hamar.

"Humnoonni alaa walabummaa fi daangaa Itoophiyaa kabajuu qabu, walitti bu'iinsas hammeessuu irraa of qusachuu qabu."

"Akkuma irra deddeebin ibsaa turre... kuni kan baay'ee nu yaaddesse fi dhaabbachuu qabuudha," jedhan ergamaan addaa kun.

Waa'ee loltoonni Ertiraa hirmaachuu gama mootummaa Itoophiyaas ta'e Ertiraa wanti jedhame hin jiru. Kana dura garuu aangawoonni Itoophiyaa waakkataniiru.

Qondaalli Ameerikaa kuni ibsa isaaniin rakkoon qaamolee wal waraanan gidduu jiru waraanan kan hiikamu miti jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qondaalli TPLF waraana Ertiraan ala waraanni Itoophiyaa, humni Addaa Amaaraafi Faannoos qooda fudhachuu himu.

BBC’n maloonni kominikeeshinii waan adda citanii jiraniif himannaa kana qaama walabarraa mirkaneeffachuu hin dandeenye.

Waraana kana duraa irratti garuu Ertiraan hirmaattee turte.

Ergamaan addaa US imala gara Itoophiyaa taasisanii turaniin MM Abiy Ahimad waliin illee wal arguu dubbataniiru. Haa ta’u malee, dhimmicha irratti odeeffannoo bal’aa hin kennine.

MM Abiy Ahimadiin ala aangawoota mootummaa olaanoo biroo, bakka bu'oota TPLF, Ergamaa Addaa Gamtaa Afrikaa Oliseeguun Obasaanjo fi kaan waliin waraanni mariin akka xumura argatu socho’aa turan.

"Qaamoleen wal waraanan wal amananii Gamtaa Afrikaa jalatti akka mariyataniif dhiibbaa gochaa jirra," kan jedhan qondaalli kun dhiibban dippilomaasii kun ammas Niwuyoorkitti itti fufee akka jiru dubbatan.

Waraanni Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru karaa nagaa akka xumuramuuf US dhiibbaa akkamii akka gootu kan gaafataman Maayik Hamar, "Waraana kana dhaabsisuuf US filannoo heddu lafaa qabdi, ammatti garuu dippiloomaasii irratti xiyyeeffanna," jedhan.

Dabalataanis, qaamoleen lamaan bifa wal-amanuu danda'aniin Gamtaa Afrikaa jalatti akka mariyataniif torbee kana Niwuyoorkitti bakka bu'oota Gamtaa Afrikaa fi qaamolee biroo wajjin wal arganii hojjachuu akka itti fufan himan.

Muddama mootummaa federaalaafi TPLF gidduu adeemaa erga tureen booda humnoonni TPLF buufata waraanaa Itoophiyaa haleeluu hordofee ture waraanni baatiiwwan 22 dura Tigraayitti kan eegale.

Waraanichi Tigraayittis eegalu gara Amaaraafi Affaar babal’achuun badii guddaa dhaqqabsiiseera.

Lammiileen miiliyoonaan lakkaa'aman qe'eerraa yoo buqqa'an sababa waraanaan kanneen deeggarsa namoomaaf saaxilamanis hedduudha.

Waraanni kuni ammallee hin dhaabatiin jira.