Konkolaataan WFP caccabaa dhuka'aa dirooniin Tigraay keessatti miidhame

Konkolaataa fe'umsaa

Madda suuraa, AFP

Caccabaa dhuka'aa diroonii irraa gadhiifameen konkolaataan isaa deeggarsa fe'ee ture naannoo Tigraay keessatti miidhamuu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Sagantaan Nyaata Addunyaa hime.

Dubbii himaan dhaabbatichaa akka himanitti haleellaan yeroo raawwatamu konkolaachisaa irrattis miidhaan gaheera.

Yeroo haleellaan diroonii kuni raawwatu caccabaa dhuka'aa gadhiifameetu konkolaataa akkasumas konkolaachisaa hojjetaa Sagantaa Nyaata Addunyaa tahe irratti miidhaa salphaa qaqqabsiise akka dubbii himaan dhaabbatichaa Rooyitarsitti himanitti.

Konkolaataan fe’umsaa miidhaan irra gahe namoota sababa waraanaan buqqa’aniif nyaata geessaa akka ture Rooyitarsi gabaaseera.

Dubbii himaan humnoota Tigraay Obbo Geetaachaw Raddaa, ''yakka qaanessaa’’ jechuun Gaafa Dilbataa fuula Tiwiitarii isaanii irratti barreessanii ture.

Haleellaan kun dilbata Kaaba Lixa Tigraay naannoo Zaanaa jedhamutti raawwatamuus Rooyirasi dubbii himaa Sagantaa Nyaataa Addunyaa waabeffachuun gabaase.

Ji’oota muraasaaf gabii argachuun booda waraanni Kaaba Itoophiyaa Hagayya keessa akka haaraatti erga eegalee haleellaawwan qilleensarraa baayyeen raawwachuu isaanii gabaasameera.

Dhimma kana ilaalchisuun mootummaan federaalaa waan jedhe qabaachuu baatus, kana dura garuu jiraattonni naannolee hidhattootni TPLF dhimma itti bahu jehdamu xiyyeeffanoo haleellaa qilleensaa waan ta'aniif akka fagaatan gaafatee ture. 

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Lolli mootummaa federaalaa fi humnoota TPLF gidduutti akka haaraatti eegale kuni namoota miiliyoonaan lakkaa’amaniifi rakkachaa jiraniif deeggarsi akka garaa akka hin qaqqabneef danqaa tahu Sagantaa Nyaataa Addunyaa dabalatee dhaabbileen tola oolaa biroo ibsaa bahan.

Baatii darbe Sagantaan Nyaata Addunyaa deeggarsa naannicha keessatti taasisuuf boba’aa fayyadamu kan litiroo miiliyoona walakkaa ol tahu, TPLF’n saamamuu himus, TPLF gamasaan himannaa kana busheesseera.

Mootummoota Gamtoomanitti waajirri deeggarsa qindeessu ‘OCHA’ waraana akka haaraatti eegaleen deeggarsi garas ergamu dhaabbachuusaa baatii Hagayyaa keessa beeksisee ture.

Sagantaan Nyaata Addunyaa Naannoo Tigraayitti namni miiliyoona 5.2 deeggarsi akka isa barbaachisuufi deeggarsi yoo qaqqabuu baate namoonni miiliyoonaan lakkaa’aman kunneen beela hamaafa akka saaxilaman akeekkachiiseera.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa mariin akka hiikamuuf yaaliin garagaraa taasifamaa turus ammallee furmaata hin argatiin oole.