Boba'aan liqeessee turen deebisee fudhadhe malee hin saamne -TPLF

Madda suuraa, AFP
Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) boba'aan ji'oota dura dhaabbata Sagantaa Nyaata Addunyaaf liqeessen fudhadhe malee saamicha hin raawwanne jedhe.
TPLF kana kan jedhe dhaabbanni Sagantaa Nyaata Addunyaa humnoonni Tigraay mooraa koo Maqaleetti argamu keessa seenanii boba'aa liitira miliyoona walakkaa saaman jedheen boodadha.
Daarektarri Sagantaa Nyaata Addunyaa Daaviid Biizilii boba'aan kun humnaan fudhatamuun isaa "waan nama rifaasisuufi qaaneessaadha" jechuun ibsee boba'aan kun "ammuma haa deebi'u jechuun cimsee gaafatee ture.
Dhaabbanni Sagantaa Nyaata addunyaa kun kana haa jedhu malee, aanga'oonni Tigraay himannaa isaan irratti dhiyaate hordofee ibsa baasaniin Daarektara Olaanaa Daaviid Biiziliifi dhaabbata Sagantaa Nyaata Addunyaa cimsanii balaaleffataniiru.
Daarektarri oalaanaa kun dabalataan Sagantaa Nyaata Addunyaan alattis dubbi-himaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Isteefaan Dujaarik akkuma kana humnoonni Tigraay kuusaa Sagantaa Nyaata Addunyaa Maqaleetti argamu humnaan seenanii saamaniiru jedheera.
Gocha kanaan konkolaataawwan boottee 12 boba'aa liitira 570,000 qabatan samamuu isaaniitiifi hojjetoonni dhaabbatichaa gocha kana dhaabsisuuf carraaqanillee akka hin milkaa'iin eeraniiru.
Aanga'oonni Tigraay Daarektarri Olaanaa Daaviid Biizilii "mootummaan Tigraay 'hateera' jechuun himachuu isaa hedduu nu jeeqeera" jedhan ibsa isaanii keessatti.
Daarektarri olaanaa kun yaada kana fakkaatu kennuu isaatiin dura haala jiru qulqulleeffachuun isarra ture kan jedhu ibsi kun, aanga'oonni Tigraay boba'aa akka hin hatne eeruun, Sagantaa Nyaata Addunyaatiif boba'aa liitira kuma 600 ol akka liqeesseeruuf himeera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Waliigaltee qabna tureen boba'aan liitira kuma 600 ol liqeessineef akka deebiyu ture kan gaafanne."
Bulchitoonni naannoo Tigraay ibsa isaanii keessatti boba'aan Sagantaa Nyaata Addunyaa irraa fudhatan hospitaala, Kilinikaafi wiirtuuwwan fayyaa biroof tajaajila jedhaniiru.
Humnoonni Tigraay kana haa jedhan malee, mootummaan Federaalaa ibsa 'saamicha' boba'aa jedhame kana ilaalchisuun baaseen, humnoonni Tgiraay boba'aa kana fudhachuun kan isaan barbaachiseef haleellaa Qobboofi naannawaa sanatti banan ittiin adeemsifachuuf akka isaaniif ta'uuf jedhee ture.
Kana malees, Waajjirri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa ibsa isaatiin, ..."gareen kun saamicha raawwateen alattis ogeessota gargaarsa namoomaa gocha kana dhaabsisuuf carraaqanillee hidheera" jedhee ture.
Sagantaan Nyaata Addunyaa boba'aa samameera jechuu isaa hordofee mootummaan Itoophiyaa ibsa baaseen gargaarsi namoomaa hawaasa idil-addunyaatiin gara naannoo Tigraay seenu kaayyoo barbaadameef oolaa jiraachuu isaa 'wabiin barbaada' jedheera.
Bulchitoonni naannoo Tigraay ibsa Hagayya 25, 2022 baasaniin ji'oota muraasa dura Sagantaan Nyaata Addunyaa sababa rakkoo hanqina boba'aatiif gargaarsa nyaataa rabsuu waan hin dandeenyeef mootummaa naannoo Tigraay irraa liqeeffachuun isaa akka deebisutti hubatamaa ture jedhan.
Waliigalteen keenya barreeffamaan qixaa'ee taa'eera kan jedhan gaggeessitoonni naannoo Tigraay, yeroo ammaa Sagantaan Nyaata Addunyaa boba'aa liqeeffate 'akkan fudhadhetti deebisee akkan kaffalu hin beeku' jechuun isaa waliigaltee keenya kan diigudha jedhan.
Aanga'oonni TPLF Sagantaan Nyaata Addunyaa waliigaltee galamee ture kabajuudhaan yaada 'baayyee miidhaa qabu' baasee ture akka deebisee kaasuufis gaafataniiru.












