Mootummaan Itoophiyaa deeggarsi Tigraayitti ergamu ummataaf gahuu isaa 'wabiin barbaada' jedhe

Konkolaattota WFP deeggarsa fe'an

Madda suuraa, WFP

Mootummaan Itoophiyaa deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayiif gama dhaabbilee deeggarsaa idil-addunyaan dhiyaatu dhimma barbaadameef oolaa jiraachuuf mirkaneeffannaa akka barbaadu gaafate.

Mootummaan kana kan jedhe humnoonni Tigraay boba'aa liitira miiliyoona walakkaa ol ta'u mankuusaa Sagantaa Nyaataa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniirraa saamuun isaanii ibsamuu hordofeeti.

Ministeerri Tajaajila Kominikeeshinii mootummaa ibsa kamisa baaseen humnoonni Tigraay mankuusaa Sagantaa Nyaataa Addunyaarratti ''saamicha raawwatame'' ni balaaleffata jedheera.

Gama humnoota Tigraayiin himannaa kana irratti hanga ammaatti wanti jedhame hin jiru.

Sagantaan Nyaataa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii man-kuusaa isaa magaalaa Maqalee jiru irraa boba'aan boottee 12, liitira 570,000 saamamuu beeksiseera.

Dubbii Himaan barreessaa olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Istiifan Dujaariik saamichi kun Roobii ganama raawwatamuu ibsaniiru.

Saamichi kuni kan ibsame erga mootummaan federaalaa fi humnoonni Tigraay waraana bifa haaraan deebi'ee banameef walkomachuu guyyaa eegalaniitti.

Lolli kuni eega waliigalteen gargaarsa namoomaaf dhukaasa dhaabuu baatii shaniif ture cabseera.

Daayireektarri Sagantaa Nyaataa Addunyaa Deeviid Beeslii ''aanga'oonni Tigraay hanna raawwataniiru'' jechuun, atattamaan akka deebisan cimsanii gaafataniiru.

Sagantaan Nyaataa addunyaa ibsa baase keessatti boba'aa malee gargaarsota akka midhaan nyaataa, xaa'oo, qorichaa fi wantoota bu'uuraa biroo Tigraay keessa raabsuun hin danda'amuu jedheera.

Dhaabbatichi saamamuun boba'aa kanaa uummata Tigriyaa miiliyoona 5.2 ta'an deeggarsa barbaadan rakkoo hamaaf saaxila jedheera.

Mootummaan Itoophiyaa finciltoonni Tigraay gargaarsa ummataaf malu saamaa jiraachuu kana dura irra deddeebiin himataa ture.

TPLF garuu ni waakkata.

Waraanni ji'oota shaniif Kaaba Itoophiyaatti qabbanaa'ee ture deebi'ee eegaluu isaatti yaadda'uu fi gareewwan wal lolan hatattamaan lola akka dhaaban dhaabbileen gaafataniiru.

Kanneen keessaa Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii, Gamtaan Afrikaa, Gamtaan Awurooppa fi Ameerikaan waamicha dhiyeessanii jiru.

Barreessaa Olaanan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez, waraanni deebi'ee eegaluun baay'ee akka isaan naasise dubbatan.

Waraanni kun hatattamaan akka dhaabatus gaafatanii jiru.

'Yakka waraanaati'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mootummaan Federaalaa saamicha kana ilaalchisee ibsa baaseen''gochi kun yakka waraanaati, gocha seerota namoomaa idila addunyaas kan sarbudha'' jechuun balaaleffate.

''Humnoonni Tigraay boba'aa kana kan saamuun kan barbaachiseen Qobboofi naannoo isheetti waraana dhalateef itti dhimma bahuufi'' jechuun ibse.

''Saamichi Roobii raawwatame gareen kun boba'aafi deeggarsa midhaanii dantaa waraanaaf oolchaa akka ture addunyaa guutuutti ifatti kan agarsiisedha'' jedheera.

Boba'aan saamame akka deebi'u, humnoota Tigraay irratti gaafatamummaan akka jiraatuufi deeggarsi Tigraay galu dhimma barbaadameef oolaa jiraachuu isaaf mirkaneeffannaan akka kennamus mootummaan gaafateera.

Waggaa darbe waraanni federaalaa bahuu hordofee addunyaarraa kan cite Tigraayitti, ummanni walakkaa deeggarsa nyaataa barbaada jedheera UN.

Waraana Tigraayitti baatiiwwan 20 ol dura eegaleefi boodarra Amaaraafi Affaaritti ce’een namoonni kumaan lakkaa’aman akka du’an amanama.

Lammiileen miiliyoonaan lakkaa’aman immoo qe'eerraa buqqa’aniiru.