WFP 'Humnoonni Tigraay boba'aa 'na saaman' jedhe

Deeviid Biizlii

Madda suuraa, Getty Images

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Sagantaan Nyaataa Addunyaa boba'aa gargaarsa namoomaaf haala mijeessuuf ramadame liitira 570,000 hooggantoonni Tigraay saamuu himate.

Daarektarri Olaanaa jaarmiyaa kanaa Deeviid Biizlii boba'aan jedhame kun aanga'oota Tigraayiin hatamuu ifatti Tiwiitarii isaaniirratti barreessaniiru.

Aab Biizlii hatamuu boba'aa gargaarsa namnoomaaf jedhamee ramadameetti miira aarii keessa seenuun barreeffama Tirwiitarii irratti barreessaniin, ''gochi kun dubbii kan kaasuu fi qaanessaadha,'' jechuun boba'aan hatame hatattamaan akka bakkatti deebi'u gaafataniiru.

Waajirri hariiroo alaa mootummaa Tigraa himannaa kana ilaalchisee ibsa baaseen boba'aa litira 600,000 dhaabbata kanaaf ergisee ture deebifate malee ''hin saamne'' jedheera.

Sagantaan Nyaataa Addunyaa taatee kana Roobii kaleessaa Hagayya 24, 2022 galgala keessa toora Tiwiitarii isaarratti kan maxxanse, erga mootummaan federaalaa fi humnoonni Tigraay waraana bifa haaraan deebi'ee banameef walkomachuu eegalaniiti.

Waraanni Kaaba Itoophiyaatti erga eegalamee waggaa lamaaf deemu kun gara naannolee ollaa Tigraay kan ta'an Amaaraa fi Affaaritti babal'atee lammiilee miiliyoonaan lakkaa'aman qe'eerraa buqqosuun akka harka namaa eeggatan taasiseera.

Deeggarsi namoomaa fi tajaajilaawwan bu'uuraa irraa citee kan ture naannoon Tigraay, ji'oota dura waraanni hanga tokko tasgabbaa'uu hordofee gargaarsa namoomaaf jecha waliigalteen dhukaasa dhaabuu waan uumameef, gargaarsi fi boba'aan hanga tokko naannocha seenuu eegalee ture.

Haata'u malee gargaarsi namoomaa naannocha seenes sababa hanqina boba'aa kutaalee Tigraay garaagaraa, iddoowwan lammiileen gargaarsa barbaadan, hedduu dhaqqabuu hin dandeenye.

Dhaabbileen gargaarsa kennan haala kana wayita komatan mootummaan ammoo gamasaan boba'aan gara naannochaa akka seenu eeyyamee ture.

Waraanni Mootummaa Federaalaa fi Humnoot Tigraay gidduutti deebi'ee eegale kun gargaarsi lammiilee rakkatanii harka namaa eeggatan bira akka hin geenye gufuu ta'eera.

Qondaalli Sagantaa Nyaataa Addunyaa Deeviid Biizlii boba'aan Tigraay keessatti hatame deeggarsi akka lammiilee rakkatan bira hin geenye hudhaa guddaa ta'eera jechuun komatan.

''Tigraay keessatti deeggarsa nyaataa dhiyeessuuf boba'aan barbaachisu yoo hatamee dhumu lammiileen hedduun beelaaf saaxilamu,'' jechuun tiwiitarii isaaniirratti barreessan.

Deebii aanga'oota Tigraay

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Naannoo Tigraay bulchuutti kan jiru TPLF karaa waajira hariiroo alaa isaan himannaan Sagantaa Nyaataa Addunyaa dhagaahamuu sa'aa 24 booda ibsa baaseen himannaa daayireektara dhaabbatichaan ''akkaan rifadheera'' jedhe.

Beesliin dhimmicha ilaalchisee haala qabatamaa jiru osoo hin hubatiin himannaan ifatti dhiyeessan faayidaa qabeessa miti kan jedha ibsichi.

''Mootummaan Tigraay taankaraa boba'aa ''hate'' hin qabu. Boba'aa liitira kuma dhibba jaha WFP liqeessee ture, amma inni waliigaltee dura tureen deebifachuuf fedhe.''

Boba'aan fudhatan kunis rajaajilooota akka hospitaalaa, kilinikaafi dhimmoota fayyaaf oola jedheera ibsi mootummaa Tigraay.

Itti fayyadama jechaa Beesliitti gadduu kan eeru ibsichi, dhaabbatichiifi daayyirektarri dhaabbatichaa haala akkasiin ''daanqaa mootummaan Abiy Ahimad uummata Tigraay irra kaahaniif galtee ta'uurraa of qusata jennee amanna'' jedha.

Jechoonni Beesliiy mootummaa Itoophiyaatiin hojii gargaarsa namoomaa Tigraayitti godhamu busheessuuf hojiirra ooleera jechuunis komate.

Mootummaan Itoophiyaa ibsa dhimma kana ilaalchisee baaseen ''gochichi yakka waraanaafi seera namoomaa idila addunyaa kan sarbe'' ta'uu eeruun deeggarsi dhaabbileen idila addunyaa dhiyeessan dhimma jedhameef ooluu isaaf wabii akka barbaadu beeksiseera.

Mootummaan Tigraay ibsa isaa keessatti Sagantaa Nyaataa Addunyaa wayita deeggarsa dhiyeessuuf hanqinni boba'aa isa mudatee ture bobo'aa liitira liqeessuufi irratti waliigalanii boba'aa kanaanis deeggarsi namoomaa uummata naannichaaf qaqqabaa akka ture eereera.

Ta'uus boba'ichi akka deebi'uuf yeroo gaafatu ''liqii ta'uu isaa hin barre'' deebii n jedhu kennamuufi beeksiseera.

Dubbiin hooggantichaa haala qabatamaa kanafi uggura uummata Tigraay irra jiru ilaalcha keessa kan galche mitis jechuun gocha ittiin himatamaniif sababa dhiyeessan.